Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa har'a maal murteesse?

Madda suuraa, EBC
Manni Maree Ministeerotaa wal gahii har'a taa'een dhimmoota adda addaa irratti murtoo dabarse.
Ministirichi jalqaba kan mari'ate dhimma aannisaa nuukileeraa Itoophiyaan hundeessuuf jettu irratti yoo tahu, Komishinii Nuukileeraa Itoophiyaa akka hundaa'uuf murteesseera.
Itoophiyaan aannisaa nuukileeraa humna ibsaaf, misooma indaastiriif, wabii nyaataaf, tajaajila fayyaa fi saayinsiif karaa ooluu danda'uun akka akka komishiniichi hundaa'u murteesseera.
Humni nuukileeraa kun akkaataa seerota idil-addunyaan akka wal simutti akka hundaa'uu fi danbii mataa isaan gaggeefamuuf irratti mari'atamuu gabaafameera.
Manni marichaa erga danbii isaa irratti bal'inaan mari'ateen booda guyyaa danbichi Nigaarit Gaazexaa irratti bahee jalqabee hojiirra akka oolu murteesseera.
Dabalataan manni marichaa tajaajila Inistitiyuutiiin Teeknoloojii Bishaanii Itoophiya kennuuf kaffaltii kaffalamu irratti danbii bahe irratti mari'ate.
Dhaabbatichi qorannoo, ce'umsa teeknoloojii fi gorsaa adda addaa gatii madaalawaan uummataaf kennuun baasii isaa haguugee galii isaa akka guddisu danbii ajaju irratti mari'atee murteesse.
Danbiin kunis guyyaa gaazexaa nagaarit irratti bahee jalqabee akka hojiirra oolu korichi murteesseera.
Dhuma irratti dambii Waajjira Fandii Deebii Sodaa Balaa Itoophiyaa hundeessuun hanga galii fandii sassaabamu murteessuuf bahe irratti mari'ateera. Kunis hojiirra akka olu murteesse.
Itoophiyaan buufata nuukileeraa Itoophiyaatti banuuf Raashiyaa waliin waliigaltee kan malleessite dhiyeenya.
MM Abiy Ahimed gara Raashiyaa deemuun pirezidaantii biyyattii Vilaadmir Putin waliin yeroo wal argan dhimma itti fayyadama nuukileeraa irratti mari'ataniiru.
Aannisaa nuukileeraa humna ibsaaf, tajaajila fayyaa fi qorannoo saayinsiif itti fayyadamuuf Itoophiyaan gidduugalicha banuuf waliigaltee mallatteesiteetti.
Annisaan niwukilaraa maaliif filatama?
Annisaan niwukilaraa haala qilleensaatiin otoon hin daangeffamiin, otoo addaan hin citiin sa'aatii 24 anniisaa maddisiisu danda'a.
Haala kanaan boba'aa niwukilaraa sirnaan to'atamurraa annisaa guddaa fi amansiisaa ta'etu madda.
Buufanni niwukilaraa kaarboon daayi'oksaayidii ykn saalfar daayi'oksaayidii ykn gaaziiwaan biroo qilleensa faalu hin baasu.
Kanaafuu addunyaan akka ho'iitu kallatiin hin gumaachu.
Kanarraa ka'uun namoonni gariin maddeen annisaa hin haaromfamne biroo caala filatamaadha jedhu.
Buufanni niwukilaaraa erga ijaaraamee booda akka tajaajila ittifufinsaan kennuu gochuun baasii xiqqaa gaafata.
Buufanni anniisaa niwukilaraa ammayyaa buufatalee annisaa cilee fi gaazii caala turuun, ganna 80 tajaajila kennuu danda'u jedhama.















