Balaa ibiddaa Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa halkan kaleessaa mudateen qabeenyarra miidhaan gahe

Balaa ibiddaa Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa halkan kaleessaa mudateen qabeenyarra miidhaan gahe

Madda suuraa, Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa

Balaa ibiddaa Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa halkan kaleessaa mudateen qabeenyarra miidhaan gahuu Kollejjichi BBCtti hime.

“Ibiddichi humna dabalataa waan deemeef waardiyyoota waamnee yeroo lama akka dhukaasan ajaja dabarsine” Itti Aanaa Diinii Koollejjichaa Obbo Birhaanuu

Balaan ibiddaa Godina Boorana Bahaa Magaalaa Nageellee Booranaa keessatti kan argamu Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa irratti qaqqabe Roobii galgala tilmaamaan naannoo sa’aa 2:00tti eegale.

Balichi gamoo (bilookii) golawwan naannoo 10 ta’an qaburratti akka qaqqabe kan himan Itti Aanaa Diiniin koollejjichaa Obbo Birhaanuu Dammaqa, ibiddichi bababl’achaa deemuu isaatiin waardiyyoonni rasaasa akka dhukaasanfii hawaasni akka birmatu taasisuu himan.

“Erga dhukaafamee booda hawaasni magaalichaa gara koollejjichaa dhufanii, namni baay’een hirmaatee balaan tasaa kun to’annoo jala oolee jira” jedhan.

Gamoon balichi irratti qaqqabe daree barnootaa, waajjiraalee hojjettootaa fi kutaa meeshaaleen moofaan keessatti kuufaman ofkeessaa akka qabu kan himan immoo Diinii Koollejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa kan ta’an Obbo Mahaammad Ilaalaati.

“Irra caalaan ibiddi sun akka malee boba’ee kan ka’eef chippuudota fi siree duraan barattoonni itti fayyadamantu tuulamee jira.

Meeshaaleen tajaajila kennanii yeroorraa bahan hanga dhabamsiisamanitti bakka tokkotti tuulamanis bakka sana jiru” jedhan.

Kutaalee balaa ibidichaan guutummaatti barbadaa’an keessaa tokko kutaa ogeessa odiitaraa akka ta’e himameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatiin meeshaalee kutaalee gamoo balichi itti qaqqabe keessa jiran ibiddaan osoo hin manca’in hojiin meeshaalee baasuu hojjetaamaa akka ture kan himame yemmuu ta’u, sababa kanaaniis qabeenyarra miidhaan akka gahe himameera.

“Meesha asana baasuudhaaf fooddaaniis, qorqoorroon, koornisiin buqqa’ee ka’aa waan tureef dareewwan tokko tokko miidhamanii jiran” Diiniin koollejjichaa Obbo Mahaammad Ilaalaa.

Sababa balaa kanaa kan gaafanne Obbo Birhaanuun, “shakkiin keenya ka’umsi balichaa sararuma elektiriikii ta’uu danda’a kan jedhudha. Qaamoleen Poolisii qorataan yakkaa fi Abbaan Alangaa dhufanii ilaalanii qorachaa jiru” jedhan.

Balaa ibiddaa kollejjichatti mudate to’achuuf Raayyaan Ittisaa, Poolisiin fi hawaasni magaalichaa tumsa kan taasisan yemmuu ta’u, ibiddichi naannoo sa’aa 4:30 to’atamuunsaas himameera.

Gama biraatiin balaa kanaan walqabatee hojiin baruu barsiisuu har’a Kamisa ALI Sadaasa 4, 2017 adda cituu kan himan Obbo Birhaanuun, waaree booda garuu barnoonni idileen akka itti fufu himaniiru.

Gama biraatiin ALI bara 1990 hojii kan eegale Koollejjiin Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa, mummeewwan barnoota fayyaa garagaraan barattoota leenjisee ebbisiisaa tureera.

Yeroo ammaa kanas koollejjichi barattoota 629 simachuun barsiisaa akka jiru Obbo Birhaanuun himaniiru.