'Goobeen teeknoloojiin deeggaramee dhaloota boruuf akka darbu tattaafataa jirra'

Dhaabbanni Waldaa Aksiyoona Aartii Goobee sagantaa goolaba Sirna Goobee bara 2017 qopheesse.
Gareen miseensota 53 qabuufii harki caalmaan isaanii artiistota ta’an magaalaa Finfinnee sagantaa goolabaa sirna Goobee kan adeemsise.
Sagantichi akkaataa aadaafi duudhaa ummataa eeggateen eebba maanguddootaan kan eegalame yemmuu ta’u walharkaa fuudhinsi ulee goobeetis adeemsifameera.
Sirni Goobee ummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabu ta’uu kan himu miseensi garichaa weellisaa Dajanee Jaalataa, “Goobeen sirna, duudhaadha, enyuummaadha” jedhe.
“Yeroo Goobee taphatan keessatti qilleensi qulqulluudha, Bishaan booruutu taliila, margatu margee asheeta, kormatu gooba, midhaan faca’etu biqile asheeta” jechuunis hime.
Goolabni Goobee bifa safuufii duudhaa eeggateen akkasumas sadarkaa hangafaafi quxusuu bifa eeggateen kan adeemsifamu akka ta’e kan himu weellisaa Dajaneen, “sagantaan goolabaa kun kan ittiin wal galateeffannu, kan Waaqa keenya itti galateeffannu, kan ummata keenya itti galteeffannudha” jedheera.
''Goobeen jaarraa tokkoo ol adda citee ture''
“Goobeen jaarraa tokkoo ol adda citee ummanni keenya akkaataa itti gaggeeffatu dhabee ture” kan jedhu weellisaa Dajanee Jaalataa, “nama tokko lamaan Finfinnee keessa yemmuu socho’an namoonni aadaafii duudhaa kana hinjaalanne dhiqaa xurii itti facaasaa, ofirraa gadi dhowwaa, ari’aa sadarkaa itti turan ija keenyaan agarre” jechuun hime.
Kanaafis aadaan kun lafa akka qabatufii kabaja akka argatuuf ogummaa aartii qabaniin deeggaruun ALI bara 2016 magaalaa Finfinnee keessatti sirna Goobee adeemsisuu hima.
Dabalataan sirna kana caalmaatti guddisuufii itti fufsiisuuf Dhaabbata Waldaa Aksiyoona Aartii Goobee akka hundeessanis dubbata.
Kana malees hundeeffamni dhaabbatichaa Sirna Goobee, Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) biratti akka galmaa’u kan kaayyefate akka ta’es himameera.

Aadaafii afaan ummatichaa guddisuu keessattis gumaacha akka qabaatuufii tokkummaa ummatichaa agarsiisuuf kan kaayyefate ta’uusaas himeera.
Mul’anni dhaabbatichaa guddaa ta’uu kan himu weellisichi, “nuti warri har’a dhaabbata kana hundeessinee sochoosnu kun mul’ata dhuunfaa keenya qofa osoo hintaane mul’ata ummata keenyaa ta’uusaa, aadaa ummata keenyaa ta’uusaa namuu ni beeka” jedheera.
“Sirni Goobee tekinoloojiin deeggaramee dhaloota boruuf akka darbuuf tattaaffii gochaa jirra” jechuunis himeera.
Tibba Goobee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensonni dhaabbatichaa waggaa waggaan uffata aadaa uffachuun fi shimala qabachuun sagantaadhaan Goobee akka sirban weellisaa Dajaneen hima.
“Akkamitti deemuu akka qabnu, eessaa jalqabuu akka qabnu, qe’ee keenyaa jalqabuu akka qabnu, qe’ee hangafaatii jalqabuu akka qabnu sagantaa baafannee sirbina” jedhe.
“Nuti ga’eessa taanee, abbaa ijoollee taanee, dabbasaa lama baannee Goobee taphanne.
''Sababni kana gooneef waan akaakilee keenya harkaa bade jaarraa tokkoo olitti argannee waan deebifanneefi” kan jedhu weellisichi, “Imaanaa abbaa keenyaa dhalootaaf kennina jennee waan yaadneef Goobee taphanne” jedha.
Sirni goolaba Goobee guyyaa Sambataa raawwatamees kan ga’eessonni dargaggeessatti ulee itti kennan akka ta’e himuun, “Walharkaa fuudhiinsa uleetu gaggeeffama.
''Kana jechuun duudhaa dabareedhaan walitti dabarsuu jechuudha,” jechuun ibse.
Dhaloonni haaraan imaanaa itti kenname bifa safuusaa eeggateen akka bahatuuf sirni walharkaa fuudhiinsaa kan itti gaggeeffamu akka ta’es himeera.












