Huutiin Galaana Diimaa irratti doonii daldalaa US haleeluu hime

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Huutiin doonii daldalaa Ameerikaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaraa raawwachuu hime.
Humni Yaman keessaa socho'u kuni doonii Ameerikaa KOI jedhamtu haleeluu hime.
Dhaabbanni eegduu nageenyaa sochii galaanarra Ambiree dooniin kibba Yaman buufata Adeen irratti dhohinsi mudachuu himuun maqaa doonii garuu hin dhoofne.
Gama biraan US ammoo dirooniiwwan 10 haleellaa raawwachuuf qophaa'an irratti haleellaa raawwateetti.
Akka Rooyitars jedhutti doonii KOI jedhamtu alaabaa Laayibeeriyaa ofirraa kan qabduufi dhaabbata UK jiru Oceonix Services jedhamutu hojjechiisa. Taankariin boba'aa dhaabbatuma kanaa Sambata darbe misaayeliin haleelameera.
Warri Huutii dooniiwwan Israa'el, Ameerikaafi Biriiteen waraana Israa'el-Gaazaan booda qiyyaaffannoo jedhanii amanu.
Ameerikaa fi Biriiteen ammoo kan misaayeloota Huutii irratti xiyyeeffachuun kan haleelan daldala gama galaana sanaan taasifamu tiksuufi jedhan.
Dubbii himaan loltuu Huutii Yaahiyyaa Saaree humni hidhataa isaanii doonii daldalaa Ameerikaa KOI jedhamu irrattiifi ''misaayelota baayyee irratti xiyyeeffachuu Roobii kaleessaa himaniiru.
Dooniin inni jedhe kuni, ''gara buufata galaanaa Filisxeem weeararmteetti,'' deemaa turte jedhe, kunis Israa'el akka tahetti fudhatama.
Haleellaa Biriiteen-Ameerikaa ''haaloo bahuuf duubatti hin jennu,'' jedheera Yaahiyyaan.
Dubbii himaan Huutii kuni, ''dooniiwwan Ameerikaa fi Biriiteen galaana Diimaa fi Arabiyaa hamma isaan weerara isaanii itti fufanitti irratti qiyyaafanna,'' jedhe.
Komaandiin Gidduugalaa Ameerikaa Yaman keessatti yaaddoo doonii daldalaa irratti jiru qollifachuuf diroonii 10 qopheessee akka ture hime.
Dirooniiwaan 10 kunneen buufata to'annoo diroonoo Huutiidhaan barbadaa'an jedhe.
Ameerikaan dirooniiwwan Iraan sadii fi misaayela farra doonii Huutii Galoo galaana Adeen irratti haleeluu himte.
Haleellaan Huutiin Galaana Diimaa irratti raawwachaa jiru daldala idila-addunyaa irratti sodaa uumeera.












