Mukni gogaa dhagaan marfamee qe'ee Koonsoo keessa dhaabatu maal hima?

Koonsoon hawaasa Naannoo Kibba Itoophiyaa jiraatan yoo ta'u, ummata hojii ijaarsa daagaa fi kunuunsa biyyootiin beekamanidha.
Hojiin ijaarsa daagaa isaanii kunis hambaa Addunyaa ta'ee dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, UNESCOtti, galmaa'eera.
Hawaasni Koonsoo muuxannoo kunuunsa biyyoo fi bishaanii irratti qaban kanaanis yeroo ammaa Finfinneetti hojii kunuunsa biyyoo gaara Inxooxxoo irratti hojjetamaa jiru irratti hirmaachaa jiru.
Akka ragaan waajjira aadaa fi turizimii Godina Koonsoo irraa arganne mul'isutti ummanni Koonsoo kuni seenduubeen isaanii Boorana Liiban irraa ka'a. Boorana waliinis obbolaa hangafaaf quxisuudha.
Waggoota 500 dura Oromiyaa, Boorana Liiban irraa godaanuun bakka amma irra qubatee jiraatu kanatti akka godaanes himama.
Teessumni lafa koonsoo gaarreeniin kan guutamedha. Caaseffama gosaa, aadaa fi afaanii Boorana waliin qooddatan hedduus qabu.
Olaahittaa, mukni aangoo dabarsuuf dhaaban maali?
Namni yeroo jalqabaaf Koonsoo deeme qubsuma ummatichaa irra hedduu gaarreenii fi lafa olka'aarra ta'e kanaan alatti qe'ee hedduu keessatti muka gogaa walitti hidhamee dheeratee dhaabbatu arga.
Bakka mukkeen kun dhaabbatu qe'ee keessatti jallisaa dhakaadhaan marfamee eegumsaafi kunuunsi akka taasifamuu akeeka.
Obbo Garramoo Waaqoo maanguddoo Warra Koonsooti. Akka isaan jedhanitti, mukti gogaan warri Koonsoo qe'ee gaggeesitoota gosaa, addabaabaayii fi qe'ee dhuunfaa keessa dhaaban kun Olaahiittaa jedhamuun beekama.
Olaahittaan mallattoo dabarsa aangoo akkasumas dhaloota lakkaa'uuf ooludha.
Akka Obbo Garramoon jedhanitti, mukni Olaahittaa dhaabamu muka Birbirsaa yookaan Gaattiraa kan rirmi hin nyaanne. Akki itti mukti kuni filatamuu fi muramee hanga dhaabamuttis sirna mataasaa qaba.
"Mukti Olaahittaaf dhaabamu kuni bakkuma argee hin muramu. Bosona inni keessaa muramutu jira. Bosona dursitoota Gosaa keessaa murama. Mukti arges Olaahittaaf hin ta'u," jedhan.
"Muka sorooroo fi dheeraa kan fiixeen isaa hin cabnetu filatama. Kana malees muka rirmi hin nyaannee fi salphaatti hin tortorretu Olaahittaaf filatama" jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muka Olaahittaaf dhaaban kun waggaa 18 keessatti si'a tokko waan dhaabamuuf jecha sirni isaa haala hoo'aa fi yeroo dheeraa fudhatee raawwatama.
Mukuma olaahittaa dhaabuuf barbaadan kanayyuu guyyuma tokko gaafatanii muratanii hin galan. Jaarsi dursitoota gosaa yookan Qaalluutti deddeebi'ee marsaa 4ffaatti fudhatee gala jedhan.
"Qaalluun Koonsoo kan muka Olaahittaa kana eebbisan Kalaa Gazaahiny walda Daawwit jedhamu. Gaafa duraa jaarsa shan yookan torba erginee 'Aadaan keenya dhaqqabe muka nugarsiisi' jennee gaafanna. Ammalleen nigalla. Marroo lammeessoo deemna."
"Yeroo marroo lammeessoo deemne nu eebbisa. Muka kana nugarsiisa. Ammalleen torbee tokko dabarsinee kan sadeessoo deemna. Sadeessoo irratti qaalluun kun dhaqii muka eebbisiif jedhee jaarsa nuuf erga," jedhan Obbo Garramoon.
Jaarsi qaalluun warra jilaatiif erge kunis Bosona keessa dhaqanii muka warra jilaatiif filatame kana hundee isaa si'a sadii waraananii eebbisuuf.
Jilli sirna aangoo walii dabarsuu qabu kun guyyaa sadeessoo kanattis mukuma filatan kana eebbifameefii galu malee gaafas muka kana muratanii hin galan.
Muka Qaalluun eebbisee kenneefii fi Olaahittaa dhaabbachuuf deeman kana kan muratan gaafa sirni Olaahittaa dhaabuu gaggeessuun guyyaan gahu.
"Gaafa sirni guyyaan gahe ollaa cufatu walitti yaa'a. Warri jilaa kuni muka dursanii eebbifatan kana jalasaa naannessaa qotanii muranii fudhatu," jedhan.
'Fiixeen mukaa yoo cabe nama aadaa fudhatutu du'a'
Akka seera sirna Olaahittaatti, Mukti Olaahittaaf dhaabamu yeroo muramurraa of eeggannoo addaa barbaada. Mukti Olaahittaa kun yoo muramu kufee lafa gahuun aadaa miti.
Kanaaf jecha yeroo muran bosonarratti akka kufu yookan ammoo uummanni jila kanaaf dhaqe itti duudee akka lafa hin tuqne olbaata.
Akka tasaa yoo mukti Olaahittaaf muramu kuni kufee lafa tuqe muka biraa Qaalluu eebbisiifatanii jijjiiru malee muka lafa tuqe sana sirna kanaaf hin oolfamu jedhu Obbo Garramoon.
"Muka Olaahittaa kana yeroo murannee gara qe'ee dachaanu sirbaani. Lafti mukti kuni murame fagoo yoo ta'elleen hanga bakka dhaabbamu gahutti lafa kaa'uun hin danda'amu. Dhiirrii cufti walitti yaa'ee walgargaaree baata malee" jedhan.
Yeroo muka kana gara qe'ee geessan mucaa ganna 18 ta'ee fi aadaan isa dhaqqabees aannan Goromsaa qabatee muka kana waliin bakka mukti muramee hanga qe'eetti baatamee deema.
Eega mukti Olaahittaa lafa dhaabaamu kan warri Koonsoo 'Mooraa' jedhanii waaman qaqqabees hanga guyyaa sadiitti jilatu jira. Dhiironni bakka Olaahittaan dhaabamu kanaa manatti hin galan.
"Sangaa bitamee qophaa'a. sangaa kana qaluun dura bakka Olaahittaa kanatti olfuudhanii garaa jala waraanan. Yoo inni iyye niqalan. Yoo hin iyyin nigadhiisan malee hin qalan. Sangaa dhibii fidanii qalan."
Muka Olaahittaa kana yeroo dhaaban haftee fooni sangaa kanaa muka kana jala awwaalan. Eega mukti kuni dhaabbatee hanga guyyaa sadiittis bakka Olaahittaan dhaabamu kanaaf eegumsatu taasifama.
"Yeroo dhaaban muka kana fiixeen akka hin cabne ofeeggannoo godhama. Yoo muka kana fiixeen cabe nama aadaa fudhatu kanatu du'a jedhamee amanama. Boolli muka kanaa cufamee hanga guyyaa sadii ni eegama."
"Namni yookaan bineensi haftee foonii muka olaahittaa waliin awwaalame kana yoo baase hongeetu dhufa, gootummaan hin jiraatu, waldhibdeetu dhufa amantaa jedhutu jira" jedhan.
Guyyoota Olaahittaa dhaabuu waggaa 18 keessatti yeroo tokko warri koonsoo gaggeessan kanarratti gosti warra aadaa fudhatuu nidhaadata, ofiif gosa ofii faarsa. Sirni kuni 'Hoopaa' jedhama.
Dhaadannaa isaanii kanaanis gosa isaanii balaa dhufu kam irraayyuu akka tiksan, bara aadaa isaaniitti nageenyii fi misoomni akka jiraatu, namnii fi midhaan akka baay'atu akka godhan ofdhaadu.
Akka maanguddoon Koonsoo Obbo Garramoo Waaqoo jedhanitti, sirni Olaahittaa kan waggaa 18 keessatti si'a tokko raawwatamu kuni jila aadaa guddaa hawwiidhaan eegamu.
Isaan ammaan dura si'a lama Olaahittaa dhaabbatanii marroo sadeessoo dhaabbachuuf ji'oota sadi hafeef qophaa'aa jiraachuu himan.












