Indoonezhiyaafi Maalezhiyaan 'AI' Iloon Maask qabiyyee saal-qunnamtii agarsiisu ugguran

Madda suuraa, Getty Images
Maalezhiyaafi Indoonezhiyaan hubannoo nam-tolchee (AI) Iloon Maask Girook jedhamuufi qabiyyee saal-quunnamtii fakkeessuun tolchuu danda'u ugguran.
Girook gosa hubannoo nam-tolchee miidiyaa hawaasaa Iloon dhuunfatu X irratti kan argamu yoo tahu fayyadamtoonni suuraalee saal-quunnamtii akka hojjetan isaan dandeessisa.
Torbee muraasaan as garuu suuraa namootaa isa sirrii qullaa buusu ykn uffannaa qullaa isaanii agarsiisutti faayidaarra oolaa jira.
Biyyooti Eeshiyaa Kibbaa kunneen hubannoon nam-tolchee Girook jedhamu kuni qabiyyee saal-quunnamtiifi suuraa ijoolleefi daa'immanii eeyyama isaanii malee tolchuudhaaf hojiirra ooluu danda'a jedhan.
BBC'n dhimma kanarratti waltajjii Girook kana dubbisuuf yaalee ture. Maask garuu himannaa dhiyaachaa jiruuf ''warra qabiyyee dursee to'achuu barbaadutu kana jedhaa,'' jedheera.
Girook fi miidiyaan hawaasaa X Biriiteen keessattillee dhiibbaan itti jabaachaa jira.
Minisitirri Teeknolojii biyyattii Liiz Keendal waamicha miidiyaan hawaasaa kuni seerota eegumsaa waan hin kabajneef haa uggaramu jedhu deeggarteetti.
Ministeeroti koominikeeshinii Maalezhiyaafi Indoonezhiyaa tarkaanfii Girook irratti fudhatan ibsa Sanbttanirra baasaniin himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koominikeeshiniin Maalezhiyaan ibsa gaafa Dilbataa baaseen jalqaba waggaa kanaa irratti X hubannoo nam-tolchee Girook ''akka malee irra deddebiin'' fayyadamuun qabiyyee miidhaa qabu hojjechuu danda'uurratti tarkaanfii akka fudhatu gaafachuu ibse.
Haa tahu malee X balaa waltajjiin isaa uumamasaarraa qaburratti xiyyeeffachuurra fayyadamtoonni adeemsa ittiin rakkoo gabaasaniif dursa kenne jedhe koominikeeshiniin Maalezhiyaa.
Dabaluunis hamma tarkaanfiin eegumsaa hojiirra oolutti Girook akkuma uggurametti akka turu ibsuun uummati qabiyyee onlaayinii miidhaa qabu yoo arge akka gabaasu hime.
Girook fayyadamuun qabiyyee saal-quunnamtii hojjechuun sarbama mirga namoomaa, kabaja namaafi eegumsaa onlaayinii jedhan Ministarri Koominikeeshiniifi Dhimmoota Dijitaalaa Maalezhiyaa Miiyuutiyaa Haafiid ergaa Instaagiraam irratti maxxansaniin.
Ministeerichi dabaluunis X irratti hubannoo nam-tolchee Girook fayyadamuu irratti ibsa akka kennu gaafateera.
Qondaaloti Indoonezhiyaa yeroo dhihoon as maddeen onlaayinii qabiyyee saal-quunnamtii agarsiisan biroo irrattis tarkaanfii fudhataa jiru. Miidiyaaleen onlaayinii qabiyyee saal-quunnamtii OnlyFans fi Pornhub jedhaman biyyattii keessatti ugguramaniiru.
Dhaabbanni Biriiteen dhimmoota miidiyaa to'atu Ofcom dhimma Girook maal akka godhuu danda'u marii'ataa jira.
Girook fayyadamuun suuraalee saal-quunnamtii hojjechuu danda'uun hogganoota biyyoota addunyaan balaaleffatameera. Ministirri Mummee UK Kaar Istaamari, ''qaanessaafi jibbisiisaa,'' jechuun ibseera.












