Iloon Maask doolaara tiriiliyoona tokko akka kaffalamuuf ragga'e

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan Teslaa Iloon Maask maallaqa tiriliyoona tokko rekardii cabse akka argatuuf qoodattoonni dhaabichaa raggaasa.
Hammi maallaqaa isaaf kaffalamuuf jiru kuni sagalee caalmaa 75 tahuun raggaasifamuun namoota walgahii dhaabichaa Kamisa kaleessaa argamanirraa dinqisifannaa argateera.
Musk dureessa addunyaa kanaa yoo tahu, gatii gabaa dhaabbata konkolaataa elektiriikii Teslaa waggaa 10 keessatti akkaan ol kaasuutu irraa eegama.
Kanaafi galmawwan kaan isaaf kaa'aman yoo guute qooda dhaabichaa miiliyoonaan lakkaa'aman argachuu danda'a.
Kaffaltii isaaf kennamu kanarratti qeeqni ka'us boordiin Teeslaa garuu kaampaanichi otoo maallaqa kana isaaf hin raggaasne Iloon dhiisee deemuu mala- dhaabichi isa dhabuu hin danda'u.
Iloon maallaqni isaaf ragga'e beeksifamuun booda waltajjii Ostiin, Teeksaas jiru irra bahee kanneen maqaasaa waamaa shubbisaa turan wajjin shubbisaa ture.
''Waan kana booda hojjechuuf jirru boqonnaa haaraa Teslaa qofa osoo hin taane inumaa kitaaba haaraa barreessuu jalqabna,'' jedhe.
''Walgahiin qooddattootaa kaampaanii biroo nuffisiisaa dha keenya garuu kan akkaan yaadatamu dha. Kana ilaalaa mee, akkam namatti tola,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iloon Maask waggaa kudhan keessatti qarshii argatu ol kaasuuf, gatii gabaa Teslaa doolaara tiriiliyoona 1.5 irraa gara tiriliyoona 1.4tti ol guddisuu qaba.
Kana maleesa taaksiiwwan roobootii ofiin ofaman Robotaxi miiliyoona tokko gabaatti galchuu qabaata.
Ameerikaatti qorattoonni hojiiwwan Teslaa hordofan konkolaataawwan ofii oofaman ibsa diimaa bira darbuu dabalatee, daandii sirrii hin taanerra deemuun balaa qaqqabsiisuu faa kaasaniiru.
Qoodni gabaa Teslaa ji'oota jahan darban keessatti harka 62 kan ol ka'e yoo tahu, guyyaa kaleessaa ammoo akkaan dabalee ture.
Abbaa qooda Teslaa kan tahan Roos Garbar kaffaltiin maallaqaa Maask, ''sadarkaa kanarra gahuun daldala keessatti waan hin eegamne dha,'' jedhan.
Maask kaayyoo Teslaaf qabu ifa taasisullee tahus kaampaanichi galiisaa ol guddisuuf rakkataa jira jechuun hogganaan inveestimantii dhaabichaa Garbar Kawaasaakii
Roobootiiwwan kunneeniif fedhiin guddaa jiraachuu waan beekame miti, gama biraan ammoo Teslaa dorgommiin cimaa itti dhufaa jira.















