Elon Musk tujaara addunyaa kanaa tahuun bakkasaatti deebi'e

Madda suuraa, Getty Images
Iloon Mask irra deebiin sooreessa addunyaa kanaa tahuun bakkasaatti ennaa deebi'u, dureen dhaabbata meeshaalee qananii oomishu LMVH, Bernard Arnault ammoo lammaffaatti gadi bu'eera.
Qabeenyi Mask erga Amajjiitii doolaara biiliyoona 55.3n dabaluun $bn 192 kan qaqqabe oggaa tahu, kunis kaampaaniin isaa konkolaataa elektrikaa oomishu Tesla'n gatiin isaa olkahuu isaa hordofeeti.
Gama kaaniin ammoo qabeenyi Obboo Arnault doolaara biiliyoona 24.5 hir'isuun, $bn 187tti gadi bu'uu ragaan tarree biiliyoonarootaa Bloomberg ni agarsiisa.
Isatti aanuun Jeff Bezos fi Bill Gates, sadarkaa sadaffaa fi afraffaa qabataniiru.
Maanguddoon ganna 74 Arnault, gaheessa ganna 51 Mask kan bira kutanii dabran Mudde keessa oggaa tahu, gaafas fedhiin meeshaalee qananii dabaluu isaatiin, gatiin aksiyoonii LMVH guddoo olka'e.
Yeroo walfakkaataatti aksiyooniin Tesla, akkaan gadi bu'e - maaliif jennaan, yeroo kanatti sooressi kun Twitter bituun isaa bulchiinsa kaampaanichaa irratti dhiibbaa fiduu mala yaaddoo jedhurraa kan ka'e.
Mask qabeenyi isaa gara caalu dhaabbata konkolaataa elektriikaan hojjetanii oomishu Tesla irraa madda.
Jalqaba bara kanaarraa eegalee gatiin aksiyoonii Tesla %92'n kan dabale ennaa tahu, sababni kanaas invastaroonni tasgabbaa'uu isaanii fi gaggeessummaa Twiitaraaf nama bakka buusuuf beeksisuusaa hordofee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban kanatti Tesla ilaalchisuun imalli isaa Chaayinaatti taasises, qalbii namoota hedduu argateera. Dabalataan Tesla'n guddina hubannoo nam-tolchee-AI dhiyeenya kana akkaan olkahe irraas fayyadamaa jira.
Faallaa kanaan dhaabbannii LMVH, oomishaalee kanneen akka Louis Vuitton fi Christian Dior harkaa qabu, gadi bu'eera.
Ebla dabre keessa gatiin aksiyoonaa akkaan olkahee kan ture ennaa tahu, jalqaba baranaa kaasee %16n gadi bu'eera.
Obboo Arnault dhaabbata meeshaalee qananiif oolan oomishu kana 1987tti warra hundeessan keessaa ennaa tahan, daldala kana keessaas hiree olaanaa qabu. Dhaabbanni isaanii kunis Awurooppaa keessa dhaabbilee gurguddoo tahan keessaa isa angafa.
Amajjii keessa lammiin Firaans kun intala isaanii ganna 47 Delphine Arnault, dhaaba faashinii Dior akka hooggantuuf muudaniiru.
Ijoolleen isaanii shananuu dhaabbilee isaanii keessa hooggansa adda addaarra hojjetu.
Akka gabaasa Bloomberg, hundeessaan Amazon Jeff Bezos qabeenya $bn 146'n tujaara sadaffaa addunyaa kanaa ennaa tahu, hundeessaa Microsoft kan tahe Bill Gates ammoo $bn 126n afreessoo gubbaa taa'eera.












