Dureessi addunyaa kanaa Iloon Maask maallaqasaa maal itti godhata?

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Teslaa Iloon Maask dureeyyii addunyaa kanaa keessaa tokko erga tahee waggootiin lakkaa'amanillee maallaqni dhihoo kana walakkaa tiriiliyooan galuun ammoo qabeenyisaa akkaan guddiseera.
Haa tahu malee Maask jireenya qananii hin jiraatu. Bara 2021 Teeksaas keessa mana doolaara 50,000 baasu keessa akka jiraatu himee ture.
Jaalalleensaa duraanii wajjin ijoollee lama horate Giraayims akka namoonni baayyeen yaadan jireenya qananii irra darbaa hin jiraatu jechuun bara 2022tti miidiyaatti himtee ture.
''Gurbaan akka biiliyenaraatti hin jiraatu. Yeroo gariin akka nama sarara hiyyuummaan gadi jirutti jiraata,'' jechuun baruullee Vaaniitii Feer jedhamutti himte. Yeroo firaashiin uratee haaraa hin bitu,'' jedhee diduufaa dubbatteetti.
Waajirrisaa akka namni eegu miidhagaafi meeshaa qananiin guutamuu baatus, konkolaataawwan adda tahan akka qabatu garuu beekama.
Konkolaataa galaana keessa seenee oofamuu danda'u faa qaba. Jeettiiwwan dhuunfaa doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu baasanis qaba.
Bara 2022 akkuma salphaa Twitter'n doolaara biiliyoona 44'nis biteera.
Mana qananii gurguruu...

Madda suuraa, Getty Images
Maask kanaan dura daldala riilsteetii keessatti maqaa qaba ture. Wool Istriit Joornaal akka gabaasetti bara 2019 manneen torba irratti doolaara miiliyoona 100 baaseera. Manneen kunneen ollaa dureeyyii Kaalifoorniyaa Beel-eer jedhamu keessatti bitaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2020tti garuu yaada kaaseera jechuun, ''qabeenya qabu gurguruun, mana tokkollee qabaachuu hin barbaadu,'' jechuun Twitter irratti barreesse.
''Qarshii hin barbaadu. Hojii koo Lafaafi Maasrsiidhaafan kenna. Waa qabaachuun kuni ulfaataa dha gadi si qaba,'' jedhe.
Maask mana abbaa siree sadii nama bituuf qarshii miiliyoonaan liqeessee akka bitatu gochuun booda bara 2025tti ammoo namni liqiin bite kaffaltii raawwachuu dide jechuun manni kan kooti jechaa ture.
Bara 2021 manni jireenyaa koo ''ijoon'' kan doolaara 50,000 baasu Teeksaas keessatti argama. Achitti hojiin SpaceX akka raawwatuufi naannichi Starbase akka jedhames himeera.
''Baayyee namatti tola,'' jedhe Iloon waa'ee manasaa yeroo ibsu.
Waggaa ittaanu ammoo Maask cirumaa mana ofii akka hin qabne hime. Kanas galii guddaa qabaatullee baasiinsaa xiqqoo akka tahe himuuf akka fakkeenyaatti dubbate.
''Yeroo ammaa mana hiriyyoota koon jiraadha,'' jechuun hogganaa miidiyaa TED Kiriis Andarsanitti hime.
''Naannoo Beey Eriyaa yoon deeme, hojiin Teslaa baayyeen iddootti hojjetamu waan taheef mana hiriyyoota koorra jooraan siree qullaarra bula,'' jedhe
Kana qofaa miti bara 2015tti hogganaan Google yeroosii Laarii Peej ''Iloon Maask mana hin qabu,'' jechuun itti himeera.
''Har'a galgala iddoo bulu hin qabu, dhufee iddoo keessan buluu?'' jedhee imeelii akka barreessu faa dubbateera.
Kanaan dura Iloon Ameerikaa keessa manneen garagaraa bitaa jira jedhamaa turus hamma yoonaa garuu manni maqaasaatiin ifatti galmaa'e isa Teeksaa jiru qofa dha.
Konkolaataawwan adda tahan qabachuu
Iloon Maask qabeenya irratti gatii guddaa hin baasiiniyyuu malee, waan konkolaataa garuu dhimma biraati.
Akka abbaa qabeenyaa Teslaatti konkolaataawwan addaafi ajab jechisiisan qabaachuunsaa nama hin dinqisiisu.
Konkolaataa Foord moodelii T konkolaataa Jaarraa 20 indastirii motooraa haaresse jedhamu qaba.
Kaan ammoo konkolaataa Jaagwaara 1967, kan Iloon ijoollummaasaarraa qabee barbaadaa ture jedhe; Maaklaaran F1 balaan irra geenyaan gurguruun dura suphuuf qarshii guddaa itti baaseera.
Teslaa Roodistaar moodeela Teslaa jalqabaa yoo tahu bara 2018tti gara hawaa ergee tures dhuunfata.
Konkolaataawwan inni qabatu keeessaa adda garuu Lootas Espiitiit,fiilmii Jeems Boondi bara 1977 irratti oofe dha.
Fiilmii sanarratti maqaa Weet Niil jedhamu kan qabdu yoo tahu konkolaataa kuni. Maask caal-baasii bara 2013 geggeefamerratti doolaara miiliyoona tokkoon bitee dandeettii bishaan keessa deemuu qabatamaan agarsiisuu barbaade.
Gara hojii balaliin imaluu?
Maask waanti qarshii isaa irratti baasuu barbaadu biraan xayyaara akka tahe himeera. Kunis cichooma hojiisaaf qabu akka agarsiisu himeera.
''Xiyyaara yoo hin fayyadamne, yeroo hojii muraasan qabaadha, jechuu dha,'' jechuun haasaa TED waliin bara 2022tti taasiseen dubbate.
Jeettiiwwan dhuunfaa qabu keessaa moodeeliiwwan Galfistriim jedhaman kan doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu baasan keessa jiru.
Ameerikaa wiirtulee hojiisaa SpaceX fi Teslaan jiran ittiin balali'ee deemuuf akkasumas balalii idil-addunyaaf akka itti fayyadamu himeera.
Tola ooltummaa hin baramne raawwachuu
Dhaabota tola ooltotaaf qooda doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu akka kennee to'annoon ragaa Ameerikaa ni ibsa. Haa tahu malee tola ooltummaansaa akkaan qeeqamaa ture.
Niiw Yoork Taayims hojii tol ooltummaa kansaa ''kan qajeelfama hin qabne, ofittoo- gibira irraa of miliqsuufi daldalasaa biraa deeggaruuf,'' ittiin jedhe.
Dhaabbannisaa Musk Foundation, ''qorannoo saayinsii, kalaqa teeknolojii fa'i fayyadamuun daangaa nuu kaa'amee dhiibuun haala dhala namaa fooyyeesssuu dha,'' jedha.
Niiw Yoork Taayims dhaabbatichi waggaa sadiif walitti aansuun hamma maallaqaa baasuu qabu hin kennine. Galmeen dhimma kanaan wal qabatus qarshiin bahu baayyeen deebi'ee gara dhaabota Iloon walii hidhata qabanitti akka deebi'an agarsiisa.
Dhimma kanarratti deebii akka kennaniif Ilooniifi faawundeeshiniin isaa gaafatamanii ture.
Kanaan dura Iloon dhimma tola ooltummaa irratti gaafatamee Iloon kennaafi arjooma haala duriin taasifamu akkatti hin amanne dubbate.
''Dhugaa qabatamaa gaarummaa irratti yoo xiyyeeffatte arjoomni waan baayyee rakkisaa dha,'' jechuun Kriis Andarsan bara 2022tti dubbateera.
Maaskiidhaaf hojiin daldalaa hojjetuyyuu tola ooltummaa dha: ''tola ooltummaan dhala namaa jaalachuu dha yoo jette, innis tola-ooltummaa tahuu danda'a,'' jedhe.
Teslaan ''aannisaa haaromfamu guddisaa jira,'' SpaceX ammoo ''jiraachuu dhala namaa yeroo dheeraa irratti hojjeta,'' Niiwurooliink ammaa ''miidhaa sammuu namaarra gahu irratti hojjechaa jira,'' jedhe.












