Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitiiwwan michummaa Ameerikaa fi Israa'el duuba jiran maal fa'i?
Baha Giddugaleessaa keessatti biyyi xiqqoo fi umrii gabaabaa qabdu, garuummoo humna waraanaa cimaa qabdu, Israa'el michuu cimtuu Ameerikaati.
Hariiroon biyyoota lameenii yoom akka eegale guyyaa kana jedhanii ibsuun rakkisaa ta'us, garuu Ameerikaan uummata Yahuudaaf dhimmamuu erga eegaltee jaarraa ol ni ta'a.
Erga bara 1948 Yahuudonni dachee warra Filisxeem irratti qe'ee ijaarrachuun biyyi Israa'el jedhamtu uumamtees hariiroon Ameerikaa fi Yahuudotaa itti fufe.
Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti biyyi Israa'el jedhamtu hundaa'uushee biyya kamuu dura kan deeggarteef dantaan ishees waan keessa jiruufi.
Baha Giddugaleessaa keessaa dantaa qabdu galmaan ga'achuuf karaa Israa'el hojii manaa ishee hojjetatti.
Har'a Ameerikaan biyya kamuu caalaa Israa'eliif deeggarsa waraanaa taasisti.
Biyyoonni lameen walirraa citanii hin beekan jechuun ammoo gidduusaaniiti bu'aa bayiin ykn rakkinni mudatee hin beeku jechuu miti.
Bara bulchiinsa pirezidantota Ameerikaa adda addaatti hariiroon dippiloomaasii ykn imaammati alaa biyyattiin Israa'el irratti qabdu adda adda.
Bara bulchiinsa Pirezidant Harii Tiruumaan, bara Israa'el hundoofte, irraa eegalee hanga bulchiinsa Pirezidant Doonaald Tiraampitti immaammati US michuu ishee Baha Giddugaleessaa Israa'el irratti qabdu akkam ture?
Uummata Yahuudaa fi US- Sochii Zaayinizimii hanga hundeeffama Israa'el
Israa'elii fi Ameerikaan siyaasaan qofa osoo hin taane, seenaa fi aadaadhaanis walitti hidhamiinsa jabaa qabu jedha hayyuun seenaa Rashiid Kaaliid.
Niw Yorkitti kan dhalate hayyuun seenaa kun maatiin isaa bara 1930oota keessa bulchiinsa Biriteeniin qe'eesaaniirraa buqqa'an.
Hanga bara 1912 ogeessi seeraa beekamaan US Luwiis Biraandeyis Federeeshinii Zaayinizimii Ameerikaa- Federation of American Zionists keessa seenutti deeggarsi Yahuudonni Ameerikaa sochii Zaayinizimiif taasisan murtaa'aa ture.
Bara 1914 wayita sochiin Zaayinizimii addunyaarratti daran babal'ate Dhaabbata Warraaqsa Zaayinizimii dhiibbaa taasiseen koreen hoji raawwachiistuu sochii Zaayinizimii maraaf dhaabbate Provisional Executive Committeefor General Zionist Affairs jedhamu hundaa'e.
Koreen kun hanga haalli mijataan uumamutti dhimma Zaayinistootaa akka raawwachiisuuf hundaa'e.
Yeroo sana Pirezidantii US 28ffaa kan turan qondaalli Dimokiraatotaa Wuudroo Wilsan rakkoo Yahuudonni Awurooppaa keessatti dabarsaa turaniif akkaan dhimmamaa turan.
Bara 2013-2021 Pirezidant kan turan Wilsan yeroo aangoosaanii xumuruuf waggaan lama wayita isaan hafu Waliigaltee Balfoor kan hundeeffama Israa'eliif ka'umsa ta'e deeggaruu ibsan.
Ibsi pirezidantichi kennan imaammata Ministeerri Haajaa Alaa US kaayyoo sochii Zaayinizimii deeggaruu irratti qabu hin geeddarre.
Akkuma yeroon aangoo pirezidantichaa obba'een Kongiresiin US labsii ''Filisxeem keessatti Yahuudonni akka qe'ee ijaarratan tumsu,'' Lodge–Fish Resolution jedhamu raggaasise.
Fulbaana 1922 guyyaa Kongiresiin seera kana labsu Liig Oof Neeshin itti gaafatama Filisxeem dabarsee Biriteenitti kenne.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessa seenuun US akkaan dabale.
Akka duraa fageenyarraa hirmaachuu osoo hin taane kallattiin diinagdee fi siyaasa Arabootaa keessa harka naqachuu jalqabde.
Barri bulchiinsa Pirezidant Haarii Tiruumaan ammoo giddu seentummaan Ameerikaa baayyee dabale. Sababoonni muummeyyiin ammoo sodaa Sooviyeet, hundeeffama Israa'el fi dhimma qabeenya boba'aati.
Bara 1948 wayita Israa'el hundooftu biyyi jalqaba beekamtii kenniteef Ameerikaadha.
Hundeeffama Israa'el fi imaammata Pirezidant Tiruumaan
Pirezidantonni US, kanneen Tiruumaan dura turan, kaka'umsa hawaasa Yahuudotaa Ameerikaa fi addunyaatiin akkasumas gareewwan siivikii, yuuniyenii hojjettootaa fi paartilee siyaasaan dhiibamanis, hundeeffama Israa'el tumsaa turaniiru.
Ameerikaan bara bulchiinsa Pirezidantota lameen, Ruusveltii fi Tiruumaan, walitti dhufeenyi Sooviyeet fi Arabootaa jiraachuu waan hubattuuf yaaddoo qabdi turte.
Akkasumas biyyoonni Arabaa dhiheessiiwwan bobaa'aa ishee daangessuu akka danda'an waan beektuuf Yahuudota bakka buutee falmuu irraa of qusataa turte.
Bara 1947 wayita UN karoora dachee Filisxeem qoqqooduu labsu US deeggarteetti. Labsiin dhiibbaa deeggartoota sochii Zaayinizimiin ragga'ee fi Pirezidant Tiruumaan deeggaran kun biyyoota Arabaa biratti fudhatama hin arganne.
Yeroo itti gaafatamni Biriteen Filisxeem keessatti qabdu obba'u biyya Yahuudotaaf beekamtii kennuu irratti yaadota falmiitu turan.
Pirezidant Tiruuman fi gorsaa isaanii Kilaark Kilifoor akkasumas Ministeera Haajaa Alaa fi Ministeera Ittisaa gidduutti waldhibdeetu ture.
Tiruumaan uummanni Yahuudaa bakka qubannaa dhabanii addunyaarra jooraa ba'an akka biyya ijaarrachuun qubatan barbaadu.
Ministirri haajaa alaa Joorji Maarshaal ammoo biyya Yahuudotaaf beekamtii kennuun hariiroo US biyyoota Muslimaa waliin qabdu miidha jechuun didan.
Falmii jabaa Waajjira Oovaal keessatti
Namoonni hedduun hariiroon US fi Israa'el waan hin daddaaqamne ykn rakkoo tokkollee waan hin qabne itti fakkaachuu danda'a. Garuu yeroo hunda hariiroo wabii guutuu qabu hin turre. Jalqabum wayita biyyattiin hundoofturraa eegalee qalbiin guutuun kan deeggare nama tokko qofa- Pirezidant Tiruumaan.
Bara 1948 Caamsaa keessa Tiruumaan gorsaa isaanii Kilaark Kilifoord fi Ministira dhimma alaa Joorji Maarshaal dabalatee aanga'oota olaanoo yeroo sana turan Waajjira Oovaal keessatti walitti qabuun waa'ee Filisxeem irratti mari'atan.
Kilifoord Israa'eliif beekamtii kennuu yoo deeggaran, Maarshaal ittiin morman. Tiruumaan walga'ii sanarratti yaadasaanii sirriitti ibsuu baatanis, hundeeffamni Israa'el labsamee guyyaa lama booda, Caamsaa 14, 1948, beekamtii kennaniif, kanaanis US biyya jalqabaa Israa'eliif beekamtii kennite taate.
Hundeeffama Israa'el booda haalli Baha Giddugaleessaa daran jijjiirame, imaammati Ameerikaas kanuma faana jijjiirame.
Ameerikaan walabummaa biyyoota Arabaa tumsuu, diinagdee biyyoota boba'aa oomishanii deeggaruu fi olaantummaa Sooviyeet dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatte.
Akkasumas dorgommiin meeshaalee waraanaa akka hin jiraanne dhiibbaa uumuu fi barii hundeeffama Israa'el irraa eegalee walitti bu'iinsa biyyoota Arabaa waliin dhalate keessatti wallaba ta'uun dhimma Baha Giddugaleessaa keessa seenuu cimsitee itti fufte US.
Hayyuun seenaa Rashiid Kaaliid bara 1948 booda Filisxeem gama dippiloomaasiin US keessatti baayyee miidhamuu ibse.
Gaaffiin isaan biyya mataasshee hundeeffachuuf dhiheeffatan qooda isaanii jalaa xiqqeessuun akka kufu taasifame jechuun waan yeroo sana ture yaadata.
''Gama tokkoon warraaqsa Zaayinistootaa hundeensaanii Awurooppaa fi Ameerikaa ta'etu ture, gana kaaniin Araboonni sochii akkasii hin qaban ture,'' jedha Rashiid Kaaliid.
''Warri Arabaa aadaa fi duudhaa hawaasa kanaan quba wal hin qaban. Siyaasa warra egeree Filisxeem murteessaa turanis hin beekan ture. Waa'ee Ameerikaa homaa osoo quba hin qabaatin akkamiin yaada uummata Ameerikaa gaafachuu dandeessa?''
Akkaataan aadaa fi duudhaan Yahuudotaa itti ibsamaa fi leellifamaa tures ga'ee mataasaa gumaacheera.
Keessattuu barreeffamni asoosamaa bara 1958 fi fiilmiin akkaan beekamee ture kan barreessaa Leon Uris jedhamuun qophaa'e Exodus jedhamu qooda guddaa qabu turan.
Fiilmiin kun bara 1960oota keessa waa'ee hundeeffama Israa'el irratti xiyyeeffachuun daawwattoota hedduu qabate.
Odoola haaraa bakka buutoo Ameerikaa Filisxeem keessatti uumamte ta'uusheerratti fiilmii xiyyeeffate ture.
Yeroo sana rogeessa siyaasaa kan turee fi boodarra Ministira Muummee Israa'el kan ta'e Ehud Olmert, waraanni 1967 deeggarsa har'a Ameerikaan Israa'eliif taasisaa jirtu kanaaf bu'uura ta'uu ibsan.
Israa'el erga hundooftee kaastee biyyoota Arabaa ollaashee faana walamantaa fi nagaan jiraattee hin beektu.
Waraanni guyyaa ja'aa bara 1967 mudates yaaddooma kanarraati. Guyyoota ja'a keessatti biyyoota Arabaa ittiin lolaa turte kan injifatte Israa'el injifannoo argatte fayyadamuun daangaashee daran babal'ifatte.
Yeroo sana Israa'el dachee irratti hundoofte dachaa sadi taasisuun daangaa babal'ifatte.
Gaazaa fi West Baank kan uummata Filisxeem miiliyoona tokko caalan qabu guutuu weerarte.
Ministirri Muummee Ehud Olmert akkas jechuun Ameerikaa galateeffatan.
''Yeroon kun akkaan murteessaadha. Yeroo jalqabaaf Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti Israa'el biyya humna siyaasaa fi waraanaa jabduu taate ta'uu kan itti mirkaneessitedha. Ergasii hariiroon biyyoota lamaanii akkaan fooyya'eera.''
Hariiroo akkaan mureessaa fi hin sharafame
Israa'el waggoota dheeraaf biyya kam caalaayyuu biyya Ameerikaarraa gargaarsa waraanaa argattudha.
Gargaarsa waraanaa qofa osoo hin taane Ameerikaan biyya kam caalaa Israa'eliif dhimmamti.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti aangoo qabdu fayyadamuun dantaa Israa'eliif falmiti. Yeroo mara Israa'eliif loogdi.
Pirezidantonni biyyattii dhibdee Israa'elii fi biyyoota Arabaa furuu keessatti jaarsummaa taa'amu keessaa dhabamanii hin beekan.
Israa'el yeroo hunda rakkoo ollaashee waliin qabdu gaafa kaastu qondaala Ameerikaa of hin dhabdu.
Dhiheenya kana garuu tumsi kallattiin taasifamu kun haallisaa jijjiirameera, akka durii sana miti.
Gorsaa nageenya biyyaalessaa pirezidantii duraanii US Joo Baayidan kan ture Jake Sullivan, waa'ee Araboota Ameerikaa Michigaan keessaa sababa Baayidan waraana Gaazaa irratti Israa'el tumseef filachuu didanii sagaleesaanii Tiraampiif kennanii irratti yaada kenneera.
Bulchiinsa kanatti injifatamuun Baayidan sababa Israa'el deeggareef ta'uu waakkate.
Garuu sababa deeggarsa Israa'eliin walqabateen kaadhimatoota pirezidantotaaf sagalee kennuurratti qoqqoodiinsi mudachuun mataansaa, dhimma Israa'el irratti lammiilee Ameerikaa gidduutti garaagarummaa mudachuu eegaluu mul'isa.
Giddugalli qorannoo Pew Research Center survey jedhamu Bitootessa darbe akka ibsetti lammiilee Ameerikaa keessaa dhibbeentaa 53 deeggarsa Israa'eliif qaban dhiisaniiru, kun qorannoo bara 2022 hojjetamerraa qabxii 11n dabale.
Hariiroo US fi Israa'el daddaaqamuu eegale
Yeroo ammaa tumsa Israa'el ilaalchisee yaadi lammiileen Ameerikaa qaban qoqqodamus imammata alaa biyyattiirratti garuu jijjiirama fide hin qabu.
Lammiileen biyyattii hedduun Israa'el deeggaruu irraa garagalanis, aanga'oonni Rippaablikaanotaa fi Dimokiraatotaa ammallee hariiroo jabaa Israa'el waliin qaban hin sharafne.
Gariin yaadi uummataa kun deeggarsi Israa'eliif taasifamu akka hir'atu ykn dhaabbatu taasisa jedhanii yaadu.
Hariiroo dippiloomasii akka laaffisuu fi deeggarsa humna waraanaa irratti akka dhiibbaa uumuttis kan yaada dhiheessan jiru.
Dhimmi kun jiraachuun keessoo Israa'elittillee hubatameera.
Haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 raawwachuu torbanoota dura qondaalli duraanii tikaa humna waraanaa Israa'el Tamir Hayman hariiroon US fi Israa'el daddaaqamaa jiraachuu akeekkachiisee ture.
Yaaddoon qondaala Israa'el kanaa inni ijoon Yahuudonni Ameerikaa suuta suuta Zaayinizimii keessaa bahaa jiraachuudha.
Bara 2023 wayita rifoormii Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu damee haqaa keessatti taasise irratti biyyattii keessatti mormiin uummataa dhohe US xiyyeeffannaa addaan hordofaa turte.
Lammiileen biyyattii mormiisaanii kan dhageessisaniif Neetaaniyaahuun biyyattii gara biyya amantiitti (yahuudaa qofa) geeddaraa jira yaaddoo jedhuun ture.
Bitootessa Jaarmiyaan qorannoo nageenya biyyaalessaa Teel Aviiv keessatti argamu National Security Studies jedhamu deeggarsa Israa'eliif taasifamu ilaalchisee yaadi lammiillee Ameerikaa akkaan qoqqoodamuun sadarkaa yaaddessaarra ga'uu maxxansa isaa keessatti ibseera.
Israa'el ammallee egereesheef deeggarsa alaatu ishee barbaachisa.
Bara bulchiinsa Pirezidant Bil Kilintan waliigalteen Osloo akka mallattaa'u ga'ee olaanaa kan gumaache Deenis Roos, qoqqoodiinsi sababa siyaasaan Ameerikaa keessatti yeroo ammaa mudataa jiru deeggarsa Israa'eliif taasifamurrattis calaqqiseera jedhe.
Akkasis ta'ee garuu deeggarsi siyaasaa fi waraanaa Waashingitan Israa'eliif taasistu ittuma fufa, dhaabbatees hin beeku.
Kanneen hariiroon Israa'el fi US daddaaqamaa jiraachuu ibsan, yaada dhaloonni ammaa (dargaggoonni) Ameerikaa yeroo dhihoo as waa'ee Israa'el irratti kennaa jiran kaasu, keessattuu haleellaa Onkoloolessa 7 booda.
Dargaggoonni Ameerikaa oduu haleellaa Israa'el guyyuu miidiyaa hawaasummaarra argan, dararaa biyyattiin Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu mormaniiru.
Bara darbe lammiilee Ameerikaa umriinsaanii waggaa 30 gadi ta'an keessaa dhibbeentaa 33 kan ta'an Filisxeemota akkaan miidhaman faana akka dhaabbatan ibsan.
Yaada uummataa kana kan qorate Pew dhibbeentaa 14 kan ta'an qofatu Israa'el faana jiraachuu ibsan jedhe.
Qorannoon Pew ji'a darbe keessa maxxanfame kun jaarroleen Ameerikaa ammoo Israa'el waliin jiraachuu ibsan jedhe.
Duraan Ministeera Dhimma Alaa US keessatti qondaala kan turte hooggantuun jaarmiyaa Arden Defence and Security Practice jedhamuu Karin Von Hippel dhimma Israa'el irratti deeggarsi uummataa jiru umriidhaan qoodamaadha jette.
Kun Kongiresii keessatti ni mul'ata jette.
''Miseensonni Kongiresii umriin dargaggoota ta'an dhimma deeggarsa Israa'el irratti of eeggannoo fi gaaffii baayyisu. Sababa gaafatu. Yahuudonni Ameerikaa dargaggoota ta'an ammoo akka abbootiisaaniitti Israa'el deeggaraa hin jiran.''
Garuu qoqqoodiinsi lammiilee fi qondaalota siyaasaa US kun imaammata biyyattiin Israa'el irratti qabdu hangam jijjiira kan jedhu Karim Von Hippeliifis gaaffiidha.
Hundeensaa (uummanni) yaada adda addaa qabaatus, aanga'oonni Dimokiraatotaa murteessoo ta'an hedduunsaanii Israa'eliif deeggarsa cimaa qabu.
Keessattuu Dimokiraatonni filannoo 2028 injifachuu danda'u jedhaman, fakkeenyaaf kanneen akka bulchaa Michigaan Gretchen Whitmer fi Ministeera Geejjibaa duraanii Pete Buttigieg, warra Israa'el deeggaruutti cichanidha.
Fulbaana darbe ibsa Tiraamp fi Neetaaniyaahuun waliin ta'uun gaazexeessitootaaf kennan booda egereen hariiroo biyyoota lameen akkam ta'uu akka malu irratti kan gaafatame Jake Sullivan, biyyoonni lameen dhibdee keessoo isaanii, kan hariiroo isaaniif murteessaa ta'e, irratti xiyyeeffachuun suphaa jiru jedhe.
''Xiyyeeffannaansaanii imaammata alaa caalaa imaammata keessarratti natti fakkaata. Gama kanaan qormaati Ameerikaas ta'e Israa'eliin mudatu waggoota shan, kudhan, kudha shanan dhufan hariiroon biyyoota lamaa akkam ta'uu akka danda'u kan murteessu ta'a,'' jedhe.