Israa'el akka biyyaatti hundooftee beekkamtii osoo hin argatiin dura Yihuudonni eessa turan?

Caamsaa 14, 1948 Yahuudotaaf guyyaa addaa, miira gammachuu addaa ture. Guyyaa dhaloota biyyumma Israa'el ture. Filisxeemonni garuu jalqabbii waraanni itti labsamedha jedhanii amanu sababii waldhabdee bara dheeraa jidduu saanii tureetiin.

Ergasii waraannii fi hookkarri naannawa kanarraa fagaatee hin beeku. Israa'el biyyoota ollaa irraa illeen boqannaa argattee hin beektu.

Waggoota kurna saddeetitti siqu booda har'a warri Yihuudotaa biyya jabduu addunyaarratti humna qabdu ijaarratanii jiru. Filisxeem garuu ammallee akka biyyummaatti beekkamtii argachuu hin dandeenye.

Garuu Israa'el akkamiin hundoofte? Hundeefama Israa'eliin dura hoo Yihuudonni eessa turan?

Barreeffama kana keessatti gaaffii kanaaf deebii ni argattu.

Yihuudotaaf biyya barbaaduu

Yihuudonni akkamiin biyya barbaaduu akka eegalan hubachuuf seenaa bara 1980oota keessa ture duubatti deebinee haa ilaallu.

Yeroo sana Filisxeem qaama naannawa Impaayera Otomaan fi ''Sooriyaa Guddittii'' jedhamuun beekamuu turte.

Warri Filisxeem irra jireessi Muslimoota. Kiristaanonni fi Yihuudonni lakkoofsaan xiqqoo ta'anis turan.

Yihuudonni uummata hunda keessaa dhibbeentaa 5 qofa turan. Kana kan kaasneef taateen kun godaansa Yahuudotaaf ka'umsa ijoo waan ta'eefidha.

''Biyya abdii keenyaa'' jechuun godaansi Yihuudotaan gara Filisxeemitti taasifamaa ture kun 'Aliyaah' jedhama.

Baayyeensaanii Raashiyaa irraa ka'uun gara Filisxeemitti kan godaanan yoo ta'u, wayita achi turanitti Yahuudonni hedduun ajjeechaa bulchaa Raashiyaa yeroo sanaa Zaar Aleksaandar 2ffaa keessatti hirmaattaniittu jedhamuun adabbiin du'aa itti murtaa'ee ture.

Haleellaan Raashiyaa fi Baha Awurooppaa keessatti uummata Yahuudaa irra ga'aa ture kun Farra-Seem kan jedhamu yoo ta'u, maqaa Pogroms jedhamuun beekama.

Yeroo sana Yahuudonni Filisxeem ga'an lafa qonnaa fi iddoo mana jireenyaa xiqqoo argachuu danda'aniiru. Warri kunneen Kibbutz jedhamu.

Sochiin ilaalcha Jibba- warra Seem qolachuuf warri Awurooppaa eegalan Zaayinizim jedhamu godaansa jalqabaa Yahuudotaa kana tumsaa ture.

Sochiin Zaayinizimii biyyoota Awurooppaa walga'ee ture kun boodarra warra Yahuudaa biratti fudhatama guddaa argate.

Sochii kana adda durummaan kan adeemsisaa ture ammoo gaazexeessaa Astiroo-Hangarii Tewoodoor Heerzil ture.

Hayyuun Seenaa Yoorgee Raamoos jedhamu taatee yeroo sanaarratti akkas jedha.

''Inni rakkoon Yahuudotaa amantii osoo hin taane rakkoo sabummaa akka ta'etti ilaalaa ture. Kanaafuu Heerzil fi sochiin Zaayinizimii, Yahuudummaan fudhatama akka argatu gochuun, Yahuudonni akka saba tokkootti ilaalamanii fi rakkoo Awurooppaa keessatti isaanirra ga'u jalaa bakka itti daheeffatan uumuuf hojjetaa turan.''

Haata'u malee, sochiin Zaayinizimii deeggarsa idiladdunyaa isa barbaachiseera. Yeroo sana biyyoonni bebbeekamoon biyya Yahuudotaa ijaaruuf iddoowwan hedduu yaada keessa galchanii turan.

Arjantiinaa hanga Yugaandaa, Madagaaskar irraa hanga Baha Fagoo Raashiyaatti fulla'utti bakka hedduu yaadaniiru.

Ta'us Yahuudonni Filixeem faana seenaa fi amantiidhaan waan walitti hidhamaniif godaansi Aliyaah jedhamu hanga jaarraa 20ffaatti itti fufe.

Yeroo kana keessatti ture Teel Aviiv kan hundoofte. Egeree Filisxeemotaa kan murteesse garuu Waraana Addunyaa Tokkoffaadha.

Yeroo kanatti Filisxeem Impaayera Otomaan jalaa baatee Biriteen harka galte.

Biriteen bulchiinsa Filisxeem qabachuu fi Yahuudota qubsiisuu

Waraana Addunyaa tokkoffaa bara 1914 fi 1918 gidduutti dhiiga hedduu dhangalaase, lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii galaafate keessatti Baha Giddugaleessaaf xiyeeffannaan addaa kennameera.

Faallaa Impaayera Otomaan kan turte Biriiteen naannolee bulchiinsa Otomaan jala turan hedduu harka baafachuun to'achuuf fedhii guddaa qabdi ture. Yeroo sana Biriteen Bo'oo Suwiiz (Suez Canal) to'achuun maallaqa hedduu irraa argataa turte.

''Bara Waraana Addunyaa Tokkoffaa mootummaan UK aanga'oota Otomaan irratti bulchiinsa isaanii keessaa fonqolchi akka ka'u qindeessuun bulchiinsa Otomaan fi humna bulchiinsi kun qabaachaa ture dadhabsiisuu keessatti adda durummaan hirmaataa ture,'' jedha Yoorgee Raamoos.

Biriteen karoora Impaayera Otomaan laaffisuu galmaan ga'achuuf naannawa sanatti bulchiinsi Arabootaa akkaan guddaa ta'e akka ijaaramuuf akka deeggartu waadaa seenuun Arabootatti maxxante.

Yaadi kun bara 1915 fi 1916 gidduutti xalayaawwan bulchaan Makkaa- Huseen bin Alii fi Kaayirootti ambaasaaddarri Biriteen- Henrii Maakmaahoon waliif ergaa turaniin dhihaate.

Kana booda Araboonni Filisxeem fi kaanis loltoota Otomaan irratti finciluu eegalan. Biriteen yaada kana xalayaadhaan Yahuudotaaf dhiheessite.

Bara 1917 waliigaltee jedhamee kan waamamu xalayaan Ministirri Dhimma Alaa yeroo sanaa Biriteen Artar Jeemsi Baalfoor barreessan, hawaasa Yahuudaa UK buufatan kan hoogganan Baaroon Liyooneel Waaltar Rootshiildiif ergame.

Xalayaa kana keessatti mootummaan Biriteen ''Filisxeem keessatti biyyi Yahuudotaa'' akka hundaa'u deeggarsa akka taasisu eerameera.

Haata'u malee uummata naannawa kana jiran kanneen Yahuudaa hin taaneef mirgi isaanii akka eegamu qabiyyee xalayaa kanaa keessatti ifatti taa'eera.

Akka karoora Biriteeniin biyyoonni Arabaa bara 1918 milkaa'aniiru. Bakka tokkotti bulchiinsa Otomaan jala kan turan biyyoonni Baha Giddugaleessaas bu'uura waliigaltee kanaan qoqqoodaman.

Jalqabarratti Filisxeem bulchiinsa Otomaan jalaa baafamuun to'annoo idiladdunyaa jala turte.

Boodarra garuu Biriteen Filisxeem bulchuuf fedhii fi qophii akka qabdu yaada dhiheessite.

Yeroo sana reefuu hundeeffamarra kan jiru Liig Oof Neeshin kan boodarra Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'e bara 1922 yaada Biriteen Filisxeem bulchuuf dhiheessite fudhate.

Filisxeem bulchuuf itti gaafatamummaa fudhachuun mataansaayyuu ergaa of danda'e qaba ture.

Bulchiinsi tokko isa kaan erga injifatee booda naannawa itti injifate bulchuuf wayita of harka galfatu jiraattonni naannoo sanaa ofiin of bulchuu hin danda'an ergaa jedhu dabarsa.

Yeroo sanas jiraattonni Filisxeem irra caalaan Muslimoota turan. Lakkoofsi Yahuudotaa ammoo suduudumaan dabalaa deemuun dhibbeentaa 11 irra ga'e.

Biyya tokko- bulchiinsa lama

Lakkoofsi uummataa bara 1931 taasifames lakkoofsi Yahuudota dabaluu agarsiise. Kanaaf ammoo sababi gochaan Farra-Seem Awurooppaatti dabaluudha. Godaansi Yahuudotaa daran dabaluun lakkoofsi isaanii dhibbeentaa 16 ga'e.

Lakkoofsi Yahuudotaa dabaluu hordofee muddamni Arabootaa fi Yahuudota gidduutti hammaachuu eegale.

Bara 1936 Filisxeem keessatti bulchiinsa Biriteen irratti fincilli ka'e. Maloota mormii keessaa inni ijoon lagannaa hojii ji'oota ja'aaf turedha.

Bilisummaan Arabootaa akka mirkanaa'uu fi qubsumni Yahuudootaa akka dhaabbatus gaafataniiru.

Haata'u malee fincilichi ni fashale. Mormiin kana keessa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman dhumaniiru.

Warraaqsi Biyyaalessaa Filisxeem taateewwan itti aananii mudataniin baayyee dadhabe.

Yeroo waraana Addunyaa Lammaffaas lakkoofsi Yahuudota gara Filisxeem godaananii yeroo dhaa gara yerootti baayyee dabale.

Keessattuu mooraan warra Naazii bilisoomuu hordofee ajjeechaa jumlaa raawwachuu eegaluunsaanii wayita baramu lakkoofsi Yahuudota gara Filisxeem godaananii yeroo kamuu caalaa dabale.

Rakkoon Filisxeem akka furamu dhiibbaan idiladdunyaa yeroo dhaa gara yerootti Biriteen irratti heddummaachaa dhife.

Naannawa kanatti fudhatamummaan Biriteen Araboota birattis ta'e Yahuudota biratti ni hir'ate.

Kanaaf agarsiistuun tokko Filisxeem keessatti teessoo bulchiinsa Biriteen kan ta'e Hoteelli Kiingi Deeviid Adoolessa 22, 1946 haleelamuudha.

Haleellaa hidhattoota Zaayinizimii maqaa Iirgun jedhamuun beekamuun raawwate kanaan namoonni 92 ta'an ajjeefamaniiru.

Taateen kun Biriteen haala jiru akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhiheessituuf sababa ijoo ta'e.

Kana hordofee koreen addaa dhimma Filisxeem kan biyyoota walaba ta'an 11 of keessaa qabu hundaa'e.

Koreen dhimma Filisxeem harkaa qabu kun dachee kana lamatti qooduun walakkaa Arabootaaf, walakkaa Yahuudootaaf kenne.

Yerusaalem ammoo bifa adda ta'een sadarkaa idiladdunyaatti akka hoogganamtu yaadi dhihaate.

Wiixinee 181 jedhamuun kan moggaafame yaadi kun lafa Filisxeem dhibbeentaa 55 Yahuudotaaf, kan hafe dhibbeentaa 45 ammoo Arabootaaf kenne.

Yeroo sana lakkoofsi Yahuudotaa harka tokko sadaffaa qofa ture. Yaadi kun kora waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Sadaasa 29,1947 taa'amerratti dhihaachuun sagaleen itti kenname.

Pirezidantiin korichaa akkanaan bu'aa filannoo ibsan.

''Murteen koree addaa dhimma Filisxeem sagalee deeggarsaa 33, mormii 13 fi callisa 10n fudhatama argateera.''

Ameerikaa, Sooviyeet Yuuniyen, biyyoonni Awurooppaa fi Laatiin Ameerikaa hedduun deeggaraniiru.

Masirii fi biyyoonni Arabaa kaan yaada kana kuffisaniiru. Itoophiyaa, Biriteen fi Chaayinaa dabalatee biyyoonni 10 sagalee hin kennine.

Murteen kun Yahuudotaaf miira gammachuu addaa uume, Araboota ammoo guddoo mufachiise.

Osooma murtee darbe hin fudhatin biyya haaraa of biratti argan, warri biyyaa ammoo biyya malee hafan.

Bara 1948- Guyyaa dhaloota Israa'el fi jalqabbii waraana Arabootaa

Caamsaa 14, 1948 Guyyaa Dhaloota biyya Yahuudotaa, Israa'el ta'uun wayita labsamu warri Filisxeem ganamuu hubatan.

Warri Biriteen waggoota 25 ol erga turanii booda loltoota isaanii qabatanii Filisxeem keessaa ba'an. Sa'atii muraasa booda Filisxeem keessatti Hoogganaa Dhaabbata Yahuudotaa kan ta'na Deeviid Ben-gooriyon mootummaan Israa'el hundaa'uu labsan.

Guyyaan Arabootaaf guyyaa dhumaatiin isaanii itti jalqabe ta'eera. Hundeeffamni Israa'el fi jalqabbiin waraana Arabootaa walitti hidhata guddaa qaba.

Filiseemonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa buqqaafamuu fi ajjeefamuun achumarraa eegale.

Waggoota kurna saddeetitti siqan booda Israa'el amma toora biyyoota humna waraanaa fi teeknooloojiin dursanii keessa galteetti. Filisxeemonni ammallee beekamtii biyyummaa argachuuf ifaajaa jiru.

Sababa kanatti naannawa kanarraa waraanni dhabamee hin beeku. Israa'el biyyoota ollaa waliin yeroon itti nagaan jiraatte muraasa. Kanaanis lubbuun namoota kumaatamaan lakkaa'amanii gaaga'ameera, miiliyoononni baqattoota ta'aniiru.