'Bulguu sibiila uffate': Meeshaa waraanaa Israa'el jiraattota Gaazaa 'shororkeessaa' jiru

''Konkolaattoota waraanaa moofaa gara boombii guddicha socho'uutti jijjiirame naannawa ganda jireenyaa jidduutti kiyyeeffamuun manneen hunda akka barbadeessuutti fageenyarraa dhoosan.

''Waan naannichatti argamu hunda sakandoota keessatti barbadeesse. Humni dhohiinsichaas miidhaa haleellaa qilleensaatiin raawwatamu caalaa badii kan qaqabsiisuudha.''

Jiraataan Magaalaa Gaazaa kan ta'e Alaam Al-Guul ''roobootii dhoksaa'' jechuun ture waa'ee balaa haleellaa boomnii dhiheenya keessa Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa jirtuu kana kan ibse.

Jiraattoonni meeshaa waraanaa kana waraanoote keessa darban hunda keessatti arganii kan hin beekne fi amma garuu irra deddeebiin haleellaan ittiin raawwatamaa jiraachu himu.

''Roobootiiwwan haleellaa raawwachuuf itti fayydamamu kunneen taankiiwwan ykn konkolaattoota moofaa tajaajilaan ala ta'an ta'u danda'u'' jedha Guul.

"Konkolaattoota kanneen fudhatanii erga fanjiidhaan guutanii booda fageenya irraa to'achuudhaan gara magaala Gaazaatti isaan bobbaasu'' jechuun BBCtti hime.

"Naanawwan xiyyeeffannaa akkuma qaqabaniin daqiiqawwaniin booda dhohiinsi kan mudatu. Sakandoota keessatti samiin akka dhiigaatti diimata'' jedha.

"Dhiheenya dhoohinsa namoonni yoo jiraatan hin argaman. Reeffi namaa bakka turee hin argamu. Ciccitee bittiinaa'a'' jedha darbee darbee barbaacha reeffa namoota waraanaa Gaazaatiin ajjeefaman barbaacha irratti kan hirmaatu Guul.

Dabalataanis haala humnoota Israa'eliif ''daandii banuu fakkaatuun'' haleellaa cimaa raawwatamu kanaanis gamoowwan bakka dhohinsaatti argaman gutummaa guutuutti akka barbadaa'an ykn diigaman dubbata.

Bu'aa badiinsaa ilaalchisee, Guul BBCtti akka himeetti, ''maatiinsaa guutummaa guutuutti du'aniiru.''

BBC haleellaan akkanaa kunuu miidhaan inni naannawa iskur meetiirii 300 fi 500 jidduutti qaqabsiisu maal akka fakkaatu hubachuuf jiraattota dubbiseera.

''Roobootonni kunneen yoo dhohan maatiin koo mana keessa turan. Manneen isaan irratti jige. naannooleen magaala Gaazaa kan akka Al-Zaayituun, Sheek Raadiwaan fi Jaabaaliyaan jiranitti muraasni ammalleen jijjigaa jalatti akkuma awwaalamaniitti jiru.''

Waajirri sabaa himaa mootummaa Gaazaa Hamaasiin durfamuu akka jedheetti, Adooleessa irraa kaasee duula lafoo waraanni Israa'el magaala Gaazaa irratti raawwataa jiruun namoota 1,100 ajjeessuun, namoota 6,008 madeesseera.

Ibsa aanga'oonni Gaazaa baasaniin, duula gaggeeffamaa jiruun haleellaa cimaa kallattii jeettiiwwan waraanaa 70 gaggeeffame dabalatee, dhohinsiiwwan cimaan ummanni hedduun akka buqqa'an taasisan rookeettiin hogganaman 100 ol naannoo ummanni itti baayyatu keessatti raawwatamaniiru.

Waraanni Israa'el haleellaa cimaa magaala Gaazaa irratti gaggeessaa kan jiru yoo ta'u, gabaasaaleen sabaa himaa Israa'el akka mul'isaniitti, dhohinsiiwwan Gaazaa keessatti raawwataman ciminasaanitiin kan ka'e Teel Aviin kan fageenya km 70 irratti argamtuutti ni dhagahama.

Himannaa waraanni Israa'el meeshaalee dhohiinsa cimaa akkasii kana naannawa namoonni ngaa jiraataniitti fayydamaa jiru jedhu kana ilaalchise BBC Arabic dubbii himaa waraanaa Israa'el, kolaneel Aviichaay Adiree gaafatee ture.

Dubbii himaan kun deebii kennaniin, ''haala dullii itti gaggeeffamu hin ibsinu. Haata'u malee kaayyoon keenya galmaan gahuuf, shororkeessota Hamaas barbadeessuu fi loltoota Israa'eliifi siiviloota ittisuudhaa, filmaatawwan adda addaa kan muraasni isaanii kalaqa haaraa fi kan yeroo jalqabaatiif hojiirra oolfamaniitti ni fayydamamna'' jedhaniiru.

Dhohiinsa barbadeessaa

Jiraataan Gaazaa kan biraa Niidaan Faawuzii roobootoota kan jedhaman ''keessattuu kan dubartootaa fi daa'imman irratti shororkaa uumanii fi kan namoonni mana jireenyaasaanii keessaa akka baqatan dirqisiisudha'' jechuun Gaazaan Israa'eliif bakka meeshaa waraanaashee itti yaaltuu ta'u dubbatan.

BBCtti akka himeetti, duula waraanaa kanaan dura tureettis, waraanni Israa'el meeshaalee kanneen hojiirra yoo oolchu argu dubbata.

''Halkan wallakaa 'robootii' boca afur qabu guddan yoo konkolaataa waraanaatiin harkifamu argeera. Erga keenyaatti maxxansuun dhaabanii booda konkolaataan deeman. Anis maatiinkoo saffiisaan akka mana gadhiisanii bahanan iyye. Akkuma manicha keessaa baane daqiiqaan booda dhohiinsi jireenyakootti dhagahe hin beekne mudate''

Faawuz akka jedheetti dhohiinsi kun baayyee kan badiinsa qaqabsiisuudha.

''Al-Zaayituun keessatti qaama namaa cicite argeera. Namoonni bakka dhohiinsa sanarraa fageenya meetira 100rratti argaman osoo hin hafiin dhiibbaa umamee fi ukkaamfamuun du'aniiru. Meeshaan kun kanneen waraana kana keessatti agarre hunda caalaa kan nama sodaachisuudha.''

Jiraattoonni osoo hin dhohiin dura baqatanis ''bulguun sibila uffate kana'' jalaa miliquuf falli tokkichi yaadan ''gadi dhiisanii bahuu qofaadha'' jedheera Faawuzii.

Miidhaa waraanaa hir'isuu

Kaataariitti ogeessa nageenya akkaadaamii qorannoo waraanaa kan ta'aniifi kanaan dura Gaazaa keessa kan hojjatan, Pirofesar Haalii Al-baasuus BBCtti akka himaniitti, waraanni Israa'el fanjiiwwan konkolaataa fageenyarraa to'ataman kanneen naannoolee manneen jireenyaa, ulaawwanii fi gamoowwan gurguddaa lola kallattiin ala barbadeessuuf kan fayyadamu ''aarsaa waraanni lafoo baasiisuu fi miidhaa Israa'eloota irra gahu hir'isuufiidha.''

Itti dabalunis, konkolaattoonni kan fanjiiwwna hedduu baachu danda'aniifi olqawwaniifi gamoowwan jireenyaa irratti faayidaarra oolfamanii dhohiinsa guddaa umaniiru jedhan.

Jiraataan Gaazaa kan biraa Kaareem Al-Gaaraabalii jedhaman, bara darbe baatii Eblaa keessa Israa'el gamoowwan jireenyaa abbaa darbii baayyee kutaa baha magaalaa Gaazaa keessatti argamu irratti haleellaa yeroo raawwataniitti meeshaan kun faayidaarra oolfamu hubachuu BBCtti himaniiru.

''Ani kan ture bakka dhohinsaatii fageenya meetira 400 irra ture. Haata'u malee, dhootuufi dhagaawwan mana keenya qaqabeera'' jechuun taatee ture yaadata.

Tibba dhoohinsaatti ''ifti ture kan ija namaa balleessuu danda'u kan ture yoo ta'u, samiin diimaa ta'e kan sodaachisu ture.''

Daareektarri Olaanaan Ministeera Fayyaa Filisxeem, Dr Muniiraa Al-Bursh akka jedhaniitti, amma waraanni Israa'el mala roobootii kanneen guyyaa guyyaan magaalaa Gaazaa keessatti fayydamuun, ''kallattiidhaan siiviloota irratti yaaddoo uumuu fi haala namoomaa sadarkaa yaaddeessaa irraan gaheera.''

Tokkoon tokkoo 'robotichaa' fanjiiwwan hanga kiilogiraama kuma torbaatamaa ykn toonii 70 akka ulfaatan baatuu kan jedhan Doktarri kun, guyyaattis dhohinsiiwwan torbaa hanga 10 ta'an ni raawwatamu. Sababii kanaatinis buqqaatiin namoota hedduu umamuun lixa Gaazaatti ummani garmaleen akka walitti qabamu ta'eera jedhu.

Yoo rookeetoot kanneetti fayydamamuun itti kan fufuu ta'e, keessattu haala gara Gaazaa seenuun dhorkameetti, lubbuu baraarsuufi dhiyeessitiin gargaaraa waan hin jirreef, ''badiifi bu'uuraalee misoomaa manneenii waliigalaa irratti badiin'' qaqabuu danda'a jechuun akeekkachiisaniiru.

*Sababii haala ammaan tana Gaazaa keessa jiruutiin suuraalee konkolaattoota gabaasa kanaan eeraman ykn miidhaa battala dhohinsichaan booda qaqabee argachuun rakkiisaadha. Suuraaleen gabaasa kana keessatti dabalaman kan Israa'el erga dhiheenya kana Gaazaa keessatti haleellaa raawwatteen booda kaafamaniidha.