Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen dhiiraa 48 dhaqna qabaaf erga mana barnootaatii butamanii booda baraaraman
Zaambiyaatti erga maatiin tokko tokko ijoolleensaanii humnaan butamuu isaanii iyyannoo dhiyeessanii booda, ijoolleen dhiiraa 48 kaampii dhaqna qabaa dhiirotaa keessaa baraaramaniiru.
Ijoollee dhiiraa kanneen keessaayis inni tokko qoricha HIV fudhachaa kan ture yoo ta'u, sababii kanaatiin torban lamaaf qoricha farra vaayirasii (ARV) isaa akka hin fudhanne qondaaltonni BBC'f mirkaneessaniiru.
Sirni aadaa dhoksaa ta'e kunis ijoolleen dhiiraa umuriinsaanii waggaa 10 hanga 17 gidduutti argamu fudhuudhaan hanga ji'a jahaa bosona keessa kophaa ta'anii akka dabarsan taasisa.
Angawoonni akka jedhanitti, bakki qarqara magaalaa Livingstone, dhiheenya paarkii bineensota bosonaa biyyoolessaatti argamu kunis, hayyama malee kan dhaabame.
Akkasumas, ijoolleen haala qulqullina hin qabnee fi balaa qabu keessatti “bakka rakkootti” galfaman jechuun balaaleeffatan.
Ijoollee dhiiraa baraaraman keessaa sadii yeroo gabaabaaf hospitaala seenaniiru, gariin isaanii ammoo erga dhaqna qabaa qarabaadhaan raawwatamu booda rakkoolee mudateef yaalii argachuuf mana yaalaa seenan.
Akka Dhaabbanni Biroodkaastii Biyyaalessaa Zaambiyaa (ZNBC) jedhutti, ijoollee kanneen keessaa tokko dhukkuba karaa bishaan faalameen darbuufi kan guddinaa fi bilchina sammuu daa’immanii miidhu bilharzia jedhamu qabameera.
Torban lama dura kan hundeeffame bakki sirna aadaa kunis, erga sanaan booda gubachuusaa biroodkaastiin biyyaalessaa biyyattii beeksise.
Warri kaampii akkasii hundeessan kunneenis ijoollee dhiiraa dhaqna hin qabaatin adda baasuudhaan akka sirna “mukanda” jedhamuun raawwataniif taasisu.
Jarrii kunneenis yeroo baayyee mana barumsaa dhaquudhaan barattoota warra umuriin isaanii sirriidha jedhan dirqiidhaan barnootarraa fudhanii gara dallaa sanatti galchu.
Maatiin ijoollee kanneen gonkumaa kan hin mariisifame yoo ta'u, barsiisonni tooftaa doorsiisoo isaanii mormuuf baayyee hin danda’an.
Ijoolleen dhiiraa tokko tokko fedhiidhaan isaan waliin kan deeman yoo ta'u, baay'een isaanii garuu dirqisiifamanii duudhaa kana raawwachu akka qaban itti himama.
Namni kaampii kana dhaabees Wiixata darbe hojjetaa mootummaa olaanaa ministeera koorniyaa kan taate Mainga Kabikaan komatamaniiru.
Aangooftuun tunis komii warraa qorachuuf, garee qondaaltota ministeerota adda addaa irraa gara Livingstone, bakka kanneen Fincaa'aa Viiktooriyaa dowwataniif giddugala turistii ta'eetti dhiyoo jiru daawwataniiru.
''Dudhaa keenya kunuunsuu barbaanna garuu dambiiwwan hordofuu qabdu. Waan akkasii kan seeraan alata'e hin hojjettu,'' jedhan Aadde Kabikaan.