Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaqna-qabaan dhiiraa Itoophiyaatti barame Awuroppaatti maaliif dhibe?
Dhaqna-qabaan dhiiraa biyyoota Awurooppaa biratti waan barame miti.
Afrikaafi Ameerikaa akkasumas biyyoota giddu-gala bahaattimmoo aadaafi amantii waliin kan walqabatedha.
Faallaanimmoo biyyoota Laatiin Ameerikaatti hammi dhiirota dhaqna qabatanii baay'ee xiqqaadha.
Fuulli Woorlid Populatio Riviiw jedhu akka eerutti Itoophiyaa keessatti dhiironni 92% dhaqna qabataniiru.
Dhaqni qabaa maaliif raawwatama? Faayidaan isaa maali? Miidhaa qabaa?
Yaada ogeessaa
Dr Ba'aada Lammaa Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti Ispeshaalistii ujummoo fincaaniifi walhormaata qaama saalaa dhiiraa [yurolojistii] dha.
Itoophiyaa keessa dabalatee biyyoota baay'eetti akkaataan dhaqna qabaa dhiiraa eegale wal'aansa fayyaa waliin osoo hin taane aadaa waliin akka hidhata qabu himu.
Akka Dr Baa'idan jedhanitti dhiiroti dhaqna qabaman kan hin qabamne waliin yeroo walbira qabamu carraan HIV dhaaf saaxilamuu isaanii 50-60% akka xiqqaate qorannoo eerun dubbatu.
Qorannoo kana booda kaanis akka dhaqna qabatan gorfamuu himu. Faayidaan dhaqna qabaa garuu maali?
''Keessumaa hawaasa qulqullina sirriitti qabachuu hin dandeenye keessatti dhiironni dhaqna qabaman infeekshinii hanga kaansarii namaan gahu ofirraa ittisuuf isaan gargaaruu danda'a.''
Sababi biyyoota lixaatti dhaqni qabaa dhiiraa fudhatama dhabeef sababoota dhiibbaa amantiifi aadaarraa bilisa waan ta’eefi jechuun hubachiisu.
Biyyoota kamitti barame
Biyyoota addunyaa keessaa hamma dhiirota dhaqna qabatan xiqqaa kan qabdu Vaatikaanidha.
Ogummaa fayyaatiin fakkeenyummaan kan kaatu Kuubaatti hammi dhiira dhaqna qabatanii 0.10% dha.
Porchugaalitti 0.6%, Jaappaan 9%, Faransaay 14%, UK’tti immoo 20% dha.
Faallaanimmoo Gaazaatti 99.9%, Morokoofi Afgaanistaanitti 99% dhiironni dhaqna qabataniiru.
Biyyoonni kunneen biyyoota hordoftoonni amantii Islaamaa olaanaan keessatti argamanidha.
Biyyoota akka Itoophiyaa, Naayijeeriyaafi biyyoota Afrikaa kaanitti dhiironni argaman 90% ol dhaqna qabataniiru.
Biyyoonni Awuroppaa hordoftoota amantaa kiristaanaa ta’anis garuu dhaqni qabaan dirqama amantii sanaa jedhamee hin fudhatamu jedhu Dr Baa’idan.
Hundee amantaa
Biyyoota amantaa Kiristaanaa hordofanitti gara caalu dhiironni dhalatanii guyyoota muraasa keessatti dhaqna qabatu.
Barmaatiin dhalootarraa dhalootatti darbe kuni ogeeyyii aadaa jedhamaniini.
Sababa aadaan dhaqni qabaa raawwatu gara caalu bifa amantii qaba. Biyyootni hordoftoota amantii Islaamaa fi Ayhudiis ijoollee dhiiraa isaanii dhaqna qabsiisu.
Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti addunyaa keessaa dhiiroti 30% dhaqna qabataniiru. Kana keessaa 2/3ffaan hordoftoota amantaa Islaamaa hordofu.
Barsiifati kuni hordoftoota amantaa kana biratti ‘taaheraa’ jedhamee waamama.
Amantii Ayhudiin immoo dhiirri tokko dhalatee guyyaa shanaffaatti dhaqna qabachuu qaba.
Hordoftoota amantaa Hinduufi Budihaa birattis dhaqni qabaa ni raawwata.
Masriitti hordoftoonni bataskaana Kooptikiifi hordoftoonni mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sirna kana ni raawwatu.
Mana kiristaanaa Ortodoksii magaalaa Naayiroobii argamutti kan tajaajilan Lubi Akliiluu G/Sillaase, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti dhaqni qabaan yerootti dirqama ta'e ture jedhu.
Kunis Kakuu Moofaa irratti ''kan dhaqna hin qabanne hin fayyu, ummata Waaqayyoo osoo hin taane Ahizaabidha,'' waan jedhamaa tureefi jechuun ibsu.
Lammiileen Israa'el kan dhaqna hin qabanne mucaa Abirahaamidha waan hin jedhamneefi sana gochuun dirqama waan itti taheef ammallee sirna kana akka raawwatan himu.
Erga dhaloota Kiristoos booda garuu sirnoota hafan keessaa tokko waan ta’ef sirna amantaan dhaqna qabaa dhiiraa raawwachuun dirqama miti jechuun ibsu.
Ta’us ‘’ammallee biyya keenyatti dhaqna qabachuu dhabuun akka safuutti ilaalama,’’ jechuun aadaan suni hafuu dhabuu isaa Lubi Akliiluu himu.
Hawaasa tokko tokko biratti immoo dhaqni qabaa dhiiraa akka mallattoo gara dardarummaatti ce'utti Ilaalama.
Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessatti, Ameerikaa, Paasifikiifi hawaasi odolawwan Polinezhiyaa jiran dhimma sirna aadaa isaanii raawwachuuf dhaqna qabaa raawwatu.
Sirni kuni biyyoota adda addaa keessatti aadaan isaatuu gargar akka ta’e Dhaabbati Fayyaa Addunyaa hima.
Fakkeenyaaf lammiilee Keeniyaa keessaa 84% kan dhaqna qabatan ta’us, hawaasa Luwoofi Turkaanaa biratti garuu xiqqaadha.
Dabalataan, bakkeewwan Yugaandaafi Sudaan Kibbaa hawaasi Luwoo argamanitti dhiiroti dhaqna hin qabatan.
Biyyoota Bahaafi Kibba Afrikaa jiranittimmoo tatamsa’ina HIV xiqqeessa jedhamuun hawaasi akka dhaqna qabatu sochiin bal’aa irratti taasifama.
Saayinsiin maal jedha?
‘’Ani dhaqna qabaan akka raawwatu hin gorsu,’’ jedhu Dr Baa’idan.
‘’Gama ogummaan dhaqni qabaa dirqama waan hin taanef dhaqna qabadhaa hin jedhu. Haa ta’u malee, haala hawaasi keenya keessa jiruun dhiironni osoo dhaqna qabatanii mormii hin qabu.’’
Dhaqni qabaa dhiiraa miidhaawoo qabaa? ‘’Eenyee dhiibbaa qaba,’’ jechuun ispeeshaalistichi himu.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota adda addaatti dhaqni qabaa dhiiraa gara caalu kan raawwatu namoota ogummaa fayyaa hin qabneeni jechuun ibsu.
‘’Dhiiguu[qaami saalaa dhiiraa] danda’a. Infeekshiniin mudachuu danda’a. Bakka sirrii hin taane dhaqna qabamees ta’u danda’a,’’ jechuun himu.
Haa ta'u malee, tajaajilichi buufata fayyaatti kan kennamu yoo ta'e rakkinoonni akkanaa carraan mudachuu isaanii 5% gadi ta'uu himu.
‘’Ogeessota fayyaan ilaalamanii daa’imman akka dhaqna hin qabamne jedhaman jiru. Fakkeenyaaf dhukkubi ‘himapafiliyaa’ jedhamu jira.
''Sanyiidhaanis waan darbuuf daa’imman irratti mul’achuu danda’a. Namoonni kana qaban akka dhaqna qabatan hin gorfamu. Sirni aadaa kana hubannoo keessa hin galchu.’’
Ispeeshaalistii kan ta'an Dr Baa'idan hojii isaaniirratti Isaan qunnamuu dhabuus gabaasota dubbisanirraa ka'un dhaqni qabaa dhiiraa quunnamtii saalaa irratti garaa gahuu xiqqeessuu akka danda'u akeeku.
Dhiirotaan ala dubartoonnis ni kittaanamu.
Haa ta’u malee, kittaanni dubartootaa miidhaa qaamaafi sammuu waan dhaqqabsiisuuf UN sadarkaa addunyaatti akka dhaabatu hubachiiseera.
Kittaanni dubartootaa qaama hormaataa dubartii kutuudha.
Kittaanni dubaraa gara caalu biyyoota Afrikaafi giddugala Bahaa 30 ta’anitti raawwata. Eeshiyaafi biyyoota Laatiin Ameerikaattis ni raawwatama.