Dhugaatti dubartiin tun sababii dhaqna qabamteef duutee?

Biyyoota Afriikaa keessatti dhaqna qabaan dubartii bal'inaan raawwatama. Haata'u malee biyya Siraaliiyoon keessatti garmalee akka baayyatu himama.

Barmaatni kuni yaroo tokko tokko dhumnisaa badii lubbuu dubartootaaf madda akka ta'u himama.

Gareen BBC Africa Eye nama hirriyaan isaa erga dhaqna qabamteen booda akka duute himu waliin turtii taasisuun akka asiin gadiitti qindeessan.

Faaxmaataa Turaay yeroo haati ishee gara ollaa itti dhalatteetti akka deebituuf waamtetti shamarree waggaa 19 turte.

Hawaasa Bondo'tti akka makkamtu. Innis muuziiqaafi shubbisa aadaa shamarran ittiin nama gahaa ta'uuf itti qophaa'aniidha.

Sa'aatii 36 booda garuu Faatmaataan ni duute.

Guyyaa awwaala ishee Adoleessa 18, 2016 irratti, hiriyaa dhiiraa ishee kan ture gaazexessaa Tyisan Konteeh sirnicha waraabaa ture.

Waraabbii viidiyoo isa dhumaatiin kallatiidhaan leensii kaameeraa keessa gadi ilaaluudhaan maaliif waan ta'aa jiru akka waraabu ibsuuf yaale.

''Waraabbii kanatti, kan baayee miira koo xuqee kanatti, fayyadamee marii hawaasaa uumuun barbaada. Faatmaataan shamarreen, dubartiin biraa yoo duutuu arguu hin barbaaddu. Kun fedhii isheeti.''

Innis Faatmaataan abjuun itti dubbachuun akka du'e ishee irratti dhugaa jiru saaxiluufi gochaa dhaqna qabaa akka hafuuf akka itti dubbattu hima.

Dhaqna qabaan dubaraa qaamaa saalaa gara alaa jiru guutummaan ykn hanga tokko muruu kan hammateedha.

Gochaan kunis addunyaarratti biyyoota 92 keessatti akka raawwatamu Fandiin Ummataa Mootummoota Gamtomanii (UNPF) kan galmeesse yoo ta'u, biyyoota Afriikaa garaagaraafi Baha Jidduugalaa keessatti akka baayyatu muli'seera.

Biyyoota akka Somaaliyaa, Sudaan fi Jabuutiitti gosti dhaqna qabaa dubartoota irratti raawwatamu, qaamaa saalaa dubartii gara alaa erga guutummaatti murameen booda, qaawa xiqqoo fincaaniifi dhiignii laguu kan ittiin dhangala'uf qofa dhiisuun deebiisanii qaama walitti hodhu hammata.

Dubartiin wayita heerumtutti akka abbaa waraa ishee waliin quunnamtii saalaa raawwattuuf qaamni hodhame sun banama.

Haata'u malee dubartoota dhaqna qabuun faayidaa fayyaa qabu omtu hin jiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gochaan kun rakkoo fincaanii, gadaameessaa fi laguu akka qaqabsiisuuf akkasumas tibba dahumsaatti rakkoo qabaachuufi du'aafilleen saaxilu akka danda'u akeekkachiise.

Seeraaliyoon keessattis dubartoonni umuriinsaanii waggaa 15- 49 jidduutti argaman %83 ta'an dhaqna qabaan irratti raawwatamu tilmaamama.

Sababiiwwan dubartiin itti dhaqna qabamtu keessaa tokko fedhii quunnamtii saalaa ishee gadi qabuudhaaf. Yoo ''dhaqna qabaman'' durbummaa isaanii eeguun, tokkicha wayita eerumaniitti abbaa warraa isaaniif amanamo ta'u ilaalcha jedhutu jira.

''Dubartiin dhaqana hin qabamiin ishee qabamte caalaa quunnamtii saalaa jaalatti. Kanaaf fedhiisaanii hir'ifna,'' jette maanguddoon Seeraaliyoon keessatti hojii dhaqana qabaa shamarranii raawwattu Aminaataa Saankoh.

'Fincaa'uuf torban natti fudhate'

Konteeh dubartoota hunda hawaasa Bondoo waraabuuf carraa xiqqaa argate. Innis bareedina, aartii fi aadaa baroota dheeraati.

Kunis bakka itti gaheen aadaa haadha warraa fi haadhoolii itti maanguddootaa hanga shamarran Bondo'tti yaadni itt kennamuudha.

Sirni kunis akka dudhaa baramaa keessa darbuun eegamuutti fudhatama. Haata'u malee, adeemsi gochaa kanaa wallakkaan dhaqna qabachuudha. Konteehis kana waraabuuf hin ayyamamneef ture.

"Aadaa keenya keessatti, ummanni keenya yeroo dheeraaf hawaasa keessatti makamaa ture,'' jedhan hoggantuun garichaa Ngaa'imaa Kaamaaraa.

''Yoo dhaqna hin qabamne, ni qaanoofta. Osoon si biraan darbaa jiraadhee, sin cufa. Bakka ta'eetti osoon si argees waan dhaqna hin qabamneef sitti hin dubbadhu jedheen sitti hima. Akka waan dhukkubsatteettan si biraan tara.''

Dokumantarii kana keessatti Konteeh osoo sirnicha irratti hin hirmaatiin guyyaa tokkoon dura waan faatmaataa mudate yaadata.

"Reeffiishee manaan ala hafaa irra diriireen arge. Uffata adiin maramee ture,'' jedha.

''Dhiignii yaa'aa akka jiru ni agarta. Nutis kan duute erga hawaasicha keessatti dhaqna qabuuf muramteen booda ta'u hubanne.''

Poolisiinis dhufanii reeffa Faatmaataa bakka awwaalcha Maakeniitti geessan. Haatiisheefi dubartiin dhaqana qabdu ni hidhaman.

Guyyoota jahaan booda judduugalli qorannoo reeffaa Siraaliyoon tokkichi yeroo sanaatiin gaggeeffam, jedhu Dr Simoon Owizii Koromaa.

Akkasumas Ministirri Dhimmoota Nageenya Hawaasaa, Korniyaa fi Ijoollee Dr Siliviyaa Beelideen achi turan.

Isheenis mirga dubartoota gaheeyyii gochaa dhaqna qabaa akka irratti raawwatamu fedhasaanii kennan deeggarti. Garuu ammoo dhaqna qabaa daa'immaniifi kan dirqamaan raawwatamu ni mormiti.

Ibsa baafte keessattis, waa'ee dhiiga dhangala'uu dhaqna qabaan boodaa baliinaan ibsuun, dhaqna qabaan du'a Faatmaataa waliin akka wal hin qabanne ibsite. Achinis haatii Faatmaataa fi dubartiin barmaata dhaqna qabaa raawwattu sun gadhiifaman.

Konteeh garuu yoo hawaasa Bondoo ittisuuf jecha duutii hiriyyaa isaa dhorkatee jira ta'e qorateera. Dr Beelyiideen garuu maqaa hawaasa Bondoof jecha gonkumaa dhugaa akka hin dhoksine dubbatti.

Ittaantuu Ministira Dr Beelyiideen yeroo sanaafi dhaqana qabaa irratti yeroo dheeraaf duula gaggeessaa kan turte Rugi'aatu Turaay Faatmaataa Turaay waliin hidhata omaatu hin qabdu.

Isheenis Sochii Kaka'umsa Amaazoonotaa, (Amazonian Initiative Movement) dhaabbata Seeraaliyoon keessatti dhaqna qabaa dhaabuuf hojjatu hindeessuun gaggeessiti.

Isheen waggaa 11 wayita turteetti dhaqna qabamtee irraa hafusheetti carroomtuu ta'u himti. ''Namoonni baayyeen du'aniiru. Hundi keenyas kana beekna. Dhugaa dubbachu qabna,'' jetti.

''Ani mataankoo du'een ture. Fincaan koo fincaa'uuf toban natti fudhate. Torbee tokko guutu. Erga gochichi raawwateen booda qaamni saalaakoo na dhitaa'ee ture.''

'Boondoon ofiinu dhaabbata'

Aaddee Turaayaan wayita duutii qaqqabee sanatti Dr Beelyiideen maaliif achitti argamte jechuun gaafatti.

''Ministira kee maatiif bakka reeffi olkaa'ame dhaqxee akka qorannoo gaggeessituu taasifata? Doktar yoo taateeyyuu, hojiin isheen achii raawwattu hin turre.

"Isheenis dubartii dhaqana qabde waliin dhaabbatte. Innis ejjannoo qabachu ishee agarsiisa. Bu'aan qorannoo, kan nuti gonkumaa hin argiin, akka jijjirame amanna. Sagalee ummataa argachuuf jecha lubbuu dubartootaan qoosuu hin qabnu.''

"Dr Beelyiideen waa'ee madda du'a faatmaataa ifatti dubbachu haaluun, garuu Faatmaataan sababii dhaqana qabaatiin hin duunee jette. Bu'aan qorannoo reeffaa Faatmaataan rakkoo fayyaa qabaachu agarsiise jette.

Itti dabalunis akka Ministiraatti qorannoo irratti argamuun itti gaafatamummaa ishee ta'u fi bu'aa siyaasaaf jecha achiitti argamu haalte.

Gareen BBC Africa Eye, waa'ee himannaa waraabbicha irratti mul'atu ilaalchisuun Dr Owiziin gaafanaan, deebii kennuu didde.

Waggaa afuriin dura ammoo Aaddee Turaay hawaa Bondoo Dhaqana Qabaan alaa hundeessuun, Alternative Rites or Bloodless Bondo jechuun moggaafte.

Dubartoonni dhaqana qabaa yoo dhaaban Bondoon ofiinu dhaabbata jettee amanti.

''Dubartoonni ykn qaamni kamuu yoo dhaqana qabaa irratti duula kan gaggeessan yoo ta'e, innuu ofiisaatiin dhaabbata.''