Baayiden hanqina mudate fooyyessuun filannoo akka mo'atu sagantaa galii walitti qabuurratti dubbate

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin US Joo Baayiden falmii jalqabaa irratti hanqina mudate fooyyessuun morkataasaa Doonaald Tiraampirratti olaantummaa argatee, filannochas akka mo'atu kanneen maallaqaan isa deeggaraniif mirkaneesse.
Gameessi siyaasaa umrii waggaa 81 kun falmii jalqabaa filannoo 2024 CNN irratti morkataasaa Tiraamp waliin taasiserratti yaadi dhiheesse hanqina qabaachuun ijoo dubbii ta'eera.
Pirezidantichi sagantaa maallaqa walitti qanbuuf Niwu Yoork fi Niwu Jeersii keessatti qophaa'erratti argamuun falmii ture irratti waan mudate ofirraa facciseera, akka fooyyessus waadaa seene.
Sagantaa tokkorratti akkas jedhe: ''Galgalli sun anaaf gaarii hin turre. Tiraampiifillee akkasuma.''
"Garuu filannoo kana akka mo'annu isiniif mirkaneessuun barbaada,'' jechuun warra maallaqa isaaf gumaachan- arjoomtatti hime.
Falmii pirezidantummaa Kamisa darbe Tiraamp waliin taasiserratti hanqinni akka ture sirriitti akka hubatu kan ibse Baayiden, hanqina kana fooyyessuun cimee akka hojjetu ibseera.
Bulchaan Niwu Jeersii miseensa Dimokiraat ta'e Fiil Maarfii, Aab Baayiden fi giifti-duree waliin sagantaa galii walitti qabuu sanarratti argamuun ''harka 1,000 si waliin jirra,'' jechuun Baayideniif waadaa seene.
Filannoo Ameerikaa 2024 Sadaasa dhufu gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee falmii jalqabaa Kibxata darbe (Waxabajjii 25,2024) gaggeeffamerratti kaadhimatoonni lameenuu [Pirezidant Baayiden fi Doonaald Tiraamp] wal-arrabsuurraan kan hafe waan ijoo hin dubbanne.
Inumaa haasaa Pirezidant Baayiden hiika kan hin qabnee fi hordofuufillee kan nama rakkisu, akkasumas dhaabbiin pirezidantichaallee amansiisaa akka hin taane falmii jalqabaa kanarratti mul'ateera.
Namni kun filannoo dhufu kanaaf dhuguma kaadhimamaa sirriidhaa? gaaffii jedhus kaasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afa-yaa'iin duraanii mana maree bakka bu'ootaa miseensa paartii Dimokiraat turte Naansii Peloosii falmiin Baayiden ''gaarii hin turre,'' jette, qondaalli kominikeeshinii duraanii pirezidantichaa Keet Bediingifiild ammoo haasaan pirezidantichaa ''kan nama mufahciisu ture,'' jedhan.
Waliigalli tuuti duula filannoo Baayiden falmiin ture akkaataa eegameen akka hin raawwanne hubateera, garuu kanaaf jecha kaadhimamaan biraa bakka bu'u akka hin jirres ibse.
Dubartiin duula filannoo Baayiden kan dursitu Jeniifer O'Maalii Diilon falmicha booda sagaleen kenname ''ammallee yaadi filattootaa akka hin jijjiiramne agarsiisa,'' jette.
Miidiyaa dabalatee jette jetteen yeroo filannoo dantaa garaagaraaf raawwatamu waanuma eegamu, kun isa jalqabaa miti jette.
Michuu Baayiden kan ta'an pirezidantiin duraanii US Baraak Obaamaan ''halkanni falmii nuffisiisaa keessummeesse Ameerikaatti mudateera,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse.
''Ammoo ammallee taanaan filannoon nama jireenyasaa guutuu lammiilee hundaaf qabsaa'aa jiruu fi nama yeroo hunda waa'eesaa qofaaf dhiphatu gidduutti adeemsafama,'' jedhe Obaamaan.
Falmiin gaggeeffamee sa'atii muraasa booda Tiraamp deeggartootasaa duratti ba'uun ''falmii turerraa injifannoo argachuu'' dubbate.
Baayiden dorgomaa laafaa akka ta'e hubadheera jedhe.
''Rakkoon Joo Baayiden umrii qofa miti,'' jedhe namni waggaa 78 Turaamp.
Falmii qondaaltonni lameen taasisan booda qaamni dhimma filannoorratti qorannoo raawwatu- Data for Progress yaada uummataa irratti bu'aa argateibseera.
Akkaataa kanaan kanneen falmicha argan yookiin oduusaa dubbisan harki 62 Tiraamp, harki 30 ammoo Baayiden filatan.
Hanga qorannoon yaada uummataa marsaa biraan gaggeeffamutti garuu Baayiden kaadhimamaa ta'ee akka itti fufuuf milkaa'inni sagantaa maallaqa walitti qabuu akkaan murteessaadha.
Dursituun duula filannoo Baayiden Jeniifer O'Maalii Diilon falmii Kamisaa irraa eegalee hanga Jimaata galgalaatti doolaara miiliyoona 27 walitti qabuu himte.












