'Galaana Diimaatti bahuuf karaa walakkaa ol deemneerra' - Itoophiyaa

Galaana

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan mormiin cimuus, gaaffii ulaa galaana argachuutti cichiteetti

Imalli Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasistu walakkaa ol imaleera jechuun aangawaan olaanaa Itoophiyaa dubbatan.

Haa ta'u malee, milkaa'ina Itoophiyaa jedhan kanarratti ''ololli olaanaa banameera'' jechuun Ministirri Odeeffannoo Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu himaniiru.

Dubbii Himaan mootummaa Itoophiyaa sagantaa Miidiyaan Biyyaalessaa Roobii qopheesserratti argamuuni kan kana dubbatan.

''Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramuuf guyyaa muraasatu hafe. Imalli keenya galaana Diimaas daandii walakkaa ol imaleera.

''Sochii Itoophiyaan [gama] hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan taasiftu guddatee mul'achuurraa kan ka'e, diinonni keenya laafuu keenya barbaadan baandaa keessaafi humnoota kana oofan waliin ta'un duula ololaa olaanaa nurratti bananiiru,'' jedhan.

Haa ta'u malee, dubbiin isaan 'imalli galaana Diimaa Itoophiyaa walakkaa ol imaleera' jedhan ifa miti.

Aangawaan olaanaa Itoophiyaa kuni sababa ololli cime jedhaniif miidiyaaleen dijitaalaa Itoophiyaa 'maqaa gaarii Itoophiyaa guddisuun' deebii kennuu akka qaban gaafatan.

Itoophiyaan waggaa dura ulaa galaana argachuun ''dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti'' jechuun erga ibsite booda Gaanfa Afrikaatti muddamni mudateera.

Manni Maree paartii Itoophiyaa bulchuu, Badhaadhina, torban darbe walgahii adeemsise yeroo xumurutti, dhimma nageenyaa eere.

''...Diinoonni waraanni akka dheeratu hojjetanii jalaa jalaa fashalaa'e'' tooftaalee garaagaraa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'insi akka babal'atuuf yaalaa jiru jedhe.

Qaamolee ''diinota'' jedhee qaama ibse maqaa hin dhoofne. Haa ta'u malee, kanneen dhimma Gaanfa Afrikaa xiinxalan Ertiraa ta'u akka maltu akeekan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaa waliin hiriirtee kan turte Ertiraan, yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa waliin muddama keessa jirti.

Wantoota biyyoota lamaan muddama keessa galche keessaa tokko Waliigaltee Piritooriyaa waraanicha dhaabedha.

Inni ijoo biraa garuu gaaffii ulaa galaanaa naaf mala jechuun Itoophiyaan gaafataa jirtudha.

Ibsa Paartiin Badhaadhinaa baase irratti Ministirri Odeeffannoo Ertiraa deebii kennaniin dhaaba Itoophiyaa bulchu qeeqaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jechuun himatani.

Dabaluunis, ''duula qaanessaa'' Ertiraa irratti baname jedhan ''haqa qabeessa hin taane'' jechuun ibsani.

Ministirri Itoophiyaa faallaa kanaan 'milkaa'inni' Itoophiyaa akka hin mul'anne ''olola olaanaatu'' baname jedhaniiru.

Dr Laggasaan qaamolee siyaasaa mootummaan Itoophiyaatti akka jijjiiramu gaafataa jiran 'baandaa' jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibsani.

Qaamolee siyaasaa mootummaa cee'umsaa gaafatan, xinxaltoota ''Badhaadhina booda'' jedhan, akkasumas waan badii qofa faarsan jedhan biyyoota diina Itoophiyaa ta'an waliin hariiroo tolfataniiru jechuun himaniiru.

Gaaffiin guddaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru gaaffii ulaa galaanaati.

Waggaa dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffii kana erga dhiheessan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni ka'e itti fufeera.

Itoophiyaan biyya ummata hedduu osoo qabduu karra galaanatti ishee baasu hin qabnedha.

Yeroo dheeraaf gaaffiin kuni mootummaan ka'ee hin beeku, inumaa lagatamaa ture.

Gaaffiin MM Abiy Ahimad kaasan garuu biyyoota Gaanfa Afrikaa ummataafi dinagdee xiqqoo qaban bir'achiise.

Karra galaanaa dhabuun hidhaa keessa nu kaa'e jedhu aangawoonni Itoophiyaa.

Kanaaf sochii amma itti jiran akka uggura jalaa bahuutti ilaalu.

Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhiheenyaan osoo jirtuu karra galaanatti ishee baasu dhabuun lammiilee biyyattiif gaaffiidha.

''Itoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde dogoggora nuyi hojjenneeni,'' jedhu qondaalli duraanii waraana Itoophiyaa BBC'n dubbise.

Lt. Jeneraal Yohaannis G/Masqal, dhaloonni ani keessa ture buufata ykn ulaa galaanaa ilaalchisee ''dogoggora seenaa hojjetanii darban'' jechuun dubbatu.

''Dhimmi ulaa galaanaa akka boombii yeroo isaa eeggatee dhohu awwalamee [time bomb]ti. Jaallan keenyatu dogogora seenaa kana hojjete,'' jedhanii amanu.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa biyyoota ollaashee bir'achiisus, Finfinneen karaa nagaa gaaffii kana gaafachuu akka itti fuftu dubbatteetti.

Waliigalteen bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin taasifame muddam jabaa erga uume booda sadarkaan irra jiru hin beekamu.

Eegasii waliigaltee taasifameen Somaaliyaan gaaffii Itoophiyaa kanaaf deebii akka kennitu ibsamus, mariin biyyoonni lamaan eegalan waan irra jiru ammatti ifa miti.