'Diinoonni waraanni dheerate jalaa fashalaa'e' walitti bu'iinsa kaasuuf yaalaa jiru- Badhaadhina

Madda suuraa, FBC
Manni-maree Paartii Badhaadhinaa qaamoolee humnoota ''diinoota waraannii dheerate jalaa fashalaa'e'' jechuun waame, maloota adda addaa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsa kaasuuf yaalaa jiru jechuun himate.
Manni-marichaa qaamoolee 'diinoota' jechuun addatti maqaa hin dhahiin, ''finxaaleeyyiin'' eddoowwan biyyattii garaa garaa keessa socha'an fayydamuun tokkummaa ummataafi mootummaa qooduuf yaalii taasisaa jiru jedheera.
Manni-maree Paartii Badhaadhiinaa waligahii idileesaa Hagayya 6-8, 2025tti gaggeeffataa ture wayita xumurutti ibsa baaseen dhimmoota adda addaarratti mari'achuu beeksiiseera.
Manni-marichaa waraanaa Kaaba biyyattiitti gaggeeffame ''injifannoon'' xumuruufi ''olaantummaa waraanaa'' argame waliigaltee nagaa Piritoriyaatti mallattaa'een xumuramuu kaaseera.
Waraana kaaba Itoophiyaatti gageefamen mootummaan Ertiraa maddii motummaa federaalaa hiriisuun lolaa ture waliigaltee Piritoriyaatiin booda walitti dhufeenyi isaanii laaffatuun ammaan tana waraanaaf qophaa'uun wal himataa jiru.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqiin dhiheenya kana af-gaaffii TV biyyaalessaa biyyattii waliin taasisaniin Itoophiyaan guyyaa guyyaadhaan humna waraanaatii doorsiisaafi meeshaa waraanaa bitachaa jirti jechuun himachuunsaanii ni yaadatama.
Era waraanni Tigraayiitti gaggeeffame xumurameen booda MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaa argachuun dhimma jiraachuu ykn jiraachuu dhabuuti jechuun erga dubbatanii boodaa fi kana ilaalchisuun tarkaanfiiwwan garaa garaa wayita fudhatan Ertiraan biyyoota faallaa itoophiyaa ta'an kan biraa waliin wal ta'insa uummatte.
Waggoota darban keessa naannoolee gurdguddoo biyyattii keessaa Oromiyaa fi Amaaraatti hidhattoonni humnoota mootummaa waliin wal waraanaa kan jiran yoo ta'u, Tigraay keessattis gareen TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin durfamu motummaa federaalaa waliin wal dhabaa jira.
Aanga'oonni mootummaa fi aanga'oonni duraanii garee TPLF motummaa Ertiraa waliin adda uumachuun kaasuun himataa turan.
Manni Marii Paartii Badhaadhinaa ibsa isaa kanaan hidhattoota kutaalee biyyattii garaa garaa keessa socha'an deeggaruun qaamooleen ''diinoota seenaa'' jedheen ''dursummaafi qindeessummaan'' himateera.
Humnoota paartiin Badhaadhinaa diinummaa seenaa akkasumas diinummaan faraje kunneen ''finxaaleeyyii baandaa'tti fayyadamuun waraana gaggeessuu akka barbaadan ibsa isaatiin kaaseera.

Madda suuraa, EBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humnoota ''Itoophiyaa okkoora keessa tursiisuu'' barbaadu jedheen kanneen, malwwan adda addaa biraa fayyadamuun tokkummaa uumataa fi humnoota mootummaa qooduuf hojjatuu jedhameera.
Manni marichaa ibsa isaa kanaan waggoota lamaan darban qaamooleen kunneen tokkummaa ummataa fi mootummaa jeequuf bakkeewwan adda addaatti walitti bu'iinsa baayyiisuu fi miidiyaalee dijitaalaatiin mootummaa saaxiluu akka malaatti fayydamanii turuu kaaseera.
Manni maree paartichaa walgahii guyyaa sadiif taasifatee ture yeroo xumureetti ibsa baaseen, filannoowwan nageenyaa biyyattiitti walitti bu'iinsa dhaabu danda'an yaaluudhaaf murteessuu beeksiiseera.
'Seenaawwan' kanaan dura turaniin akkasumas ''dhuqaa qabatamaa addunyaatiin'' barachuusaa kan ibse paartichi, mala ''carraawwan siyaasa nageenyaa'' fayyadamuuf filachuusaa ibsichaan kaaseera.
Manni marichaa humnoota kanneen irratti qabsaa'udhaaf tarreewwan kaa'e keessaa hidhattoota karaa nagaatiin qabsaa'uuf murteessaniif waan barbaachisu hunda raawwachuuf murteessu ibseera.
Paartiichi kanneen filmaata nageenyaa hin fudhannee fi humnoota ummataafi qabeenyaa biyyaarratti kanneen rakkoo uuman irratti ''haala cimeen seera kabachiisuuf'' murteessu isa kanaan beeksiseera.
Walitti bu'iinsa naannoo Oromiyaatti waggoottan torban darbaniif mootummaan Waraanaa Bilisummaa Oromoo akkasumas naannoo Amaaraattis waggaa lamaan darbaniif Faannoo waliin wal waraanaa jira.
Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota naannoolee gurguddoo biyyatti lamaan keessatti taasisaniinis lubbuu namootaafi qabeenya irra miidhaa qaqabsiisuun alatti sochiin idilee ummataa haala olaanaadhaan danqamuu jiraattoonni ni dubbatu.
Manni marichaa ''gaaffiilee bulchiinsa gaarii, haqaa fi diingadee sadarkaalee garaa garaa irratti ka'an'' deebiisuuf akka hojjatu ibsichi beeksiiseera.
''Kaayyoo ummataafi biyyaaleessaa keenya ta'eef danqaalee keessoo loo'anii seenan qulleessuu ni cimsina'' jedheera paartichi ibsa baaseen.
Kana malees filannoon biyyaaleessaa torbaffaan dhufu ''dimokraatawa, seera qabeessaa fi kan himaannaan guutuu ummataa ittiin calaqisu akka ta'uuf'' damaqinaan akka hirmaatan beeksiiseera.












