'Haala amma jiruun Itoophiyaan sharafa alaa ga'aa qabdi kan jedhu amansiisaa miti'- Oggeessa diinagdee

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan sharafa alaa ga'aa ta'e qabaachuu ibsuun, maallaqa gabaa sharafa alaa seeraan alaa keessa socho'u ammoo dhaaluuf dhaadatteetti.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Maammoo Mihratuu, ibsa Roobii darbee haala sochii sharafa alaa fi caal-baasii sharafa alaa tibbana gaggeeffamerratti xiyyeeffachuun kennan, namoonni gabaa sharafa maallaqa seeraan alaa fayyadaman ''yoo of hin eegganne'' maallaqni isaanii akka dhaalamu akeekkachiisaniiru.
Hammi sharafa maallaqa alaa baankonni biyyattii hawaasa daldalaaf dhiheessan ''dachaan dabaleera'' kan jedhan Obbo Maammoon, walumaa gala baankonni sharafa alaa dolaara biiliyoona walakkaatti tilmaamamu ji'a ji'an akka kennan dubbatan.
Haata'u malee, haala diinagdee Itoophiyaarratti xiinxala kennuun kan beekaman ogeessi diinagdee Dr Guutuu Teessoo, haala diinagdee Itoophiyaa amma jiruun biyyattiif doolaarri hangamii akka ga'uu fi hangam akka barbaachisuyyuu beekuun nama dhiba jedhan.
Itoophiyaan sharafa adda ta'e akkasheen argattu wanti godhame tokko hin jiru kan jedhan ogeessi diinagdee kun, ''akka nama diinagdee biyya kanaa hordofu tokkootti sharafi alaa biyya keenya keessa jiru ga'aadha kan jedhu na biratti fudhatama qabaachuu dhiisuu danda'a. Amanamaadha jechuuf na rakkisa,'' jedhan.
Inumaa waggoota dhihoo as oomishaaleen gara alaatti ergaman hir'achaa dhufuun, lakkoofsi abbootii qabeenyaa hanqachuu fi sharafi biyya alaa daandii seera qabeessa hin taanerra dhangala'uun, sharafi alaa hanguma duriiyyuu akka hin argamne taasiseera jedhu Dr Guutuu Teessoo.
''Qaala'iinsa diinagdee daran hammaaterraa kan ka'e fedhiin sharafa alaa baayyee dabaleera. Meeshaa waggaa kudhan dura doolaara tokkoon binnee galchinu amma doolaara afuriin bitaa jirra. Kanaaf yeroo ammaa sharafa alaa kan waggaa kudhan dura ture harka afur, shan nu barbaachisa jechuudha.''
Waraanni, walitti bu'iinsi fi jeequmsi naannolee Itoophiyaa, keessattuu Tigraay, Amaaraa fi Oromiyaa keessaa fedhiin sharafa alaa akka dabaluuf sababa ijoo ta'eera jedhu ogeessi diinagdee kun.
''Sababa waraanaa fi walitti bu'iinsaan misoomaawwan bu'uuraa manca'an deebisanii ijaaruuf sharafa alaa guddaa barbaachisa. Kana hunda walitti qabnee yoo ilaalle sharafi alaa ga'aatu jira kan jedhu amanuun ni ulfaata.''
Mootummaan Itoophiyaa sharafi alarraa argamu ''kan eegamuu ol guddachuu'' eeruun inumaa baankonni caal-baasiidhaan sharafa alaa barbaadan akka argachuu danda'an ibseera.
Obbo Maammoo Mihratuu akka jedhanitti torban kana keessa caal-baasii taasifameen hanga ammaatti baankonni hirmaatan 28 doolaara miiliyoona 150 argataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankiin Biyyaalessaa sirna ''maallaqa gabaa seeraan alaa seenuu fi socho'u'' ittiin hordofu diriirsaa jiraachuu kan ibsan Obbo Maammoo Mihratuu, ''lammiileen gabaa idilee hin taane fayyadaman gocha isaaniirraa yoo hin deebine hordoffii dhihoon tarkaanfiin maallaqa isaanii hanga dhaaluutti geessu akka fudhatamu,'' akeekkachiisaniiru.
Itoophiyaan gatiin sharafa alaa akkaataa gabaa jiruun akka murtaa'u bara 2024 ji'a Adoolessaa gara dhumaa keessa labsite.
Kunis Itoophiyaan jaarmiyaalee maallaqaa garaagaraa irraa maallaqa akka argattuuf kan karaa saaqu yoo ta'u, bu'uura kanaan biyyattiin kallattiinis ta'e al-kallattiin doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu ni argatti jedhamee abdatamee ture.
Mootummaan Itoophiyaa murtee kanarra ga'uu ji'oota dura Jaarmiyaa Maallaqaa Addunyaa (IMF) irraa doolaara biiliyoona 10 argachuuf marii gaggeessaa ture.
Tarkaanfii Itoophiyaa kun akkaataa maallaqi kun itti argamuuf haala mijeessuurratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.
Gatiin sharafa alaa akkaataa fedhii fi dhiyeessii gabaarra jiruun akka murtaa'u gochuun, adeemsa diinagdee olaantummaa mootummaan oofamaa ture gara humnoota dhuunfaa gabaa keessa jiraniitti geeddaruu danda'a abdiin jedhus tureera.
Wayita Itoophiyaan jijjiirama diinagdee bu'uuraa kana labsitu ogeeyyii diinagdee yaada ogummaa kennaa turan keessaa Dr Guutuu Teessoo adda-durummaan eeramu.
''Haala qabatamaa diinagdeen Itoophiyaa itti jiru kanaan garaagarummaa sharafaa isa karaa seeraa fi seeraa alummaa keessa jiru (gabaa gurraachaa) kana dhiphisuun abadan hin danda'amu jennee turre,'' jechuun yaada xiinxalaa yeroo sana kennan yaadatu.
Ogeessi diinagdee kun ''imaammati kun osoo irree mijaawaan hin qophaa'in fi dhiibbaa alaatiin kan hojiirra ooledha,'' kan jedhan Dr Guutuu Teessoo ''guddinni diinagdee biyyattii sadarkaa waan akkasii barbaadu ykn keessummeessurra ga'ee miti,'' jedhan.
Akka ogeessa diinagdee kanaatti biyya tokkoof akkaataa sharafa alaa kan murteessuu qabu dhiibbaa alaa osoo hin taane adeemsa guddina diinagdee mataa isaa ta'uu qaba.
Gabaa seeraa alaa sharafa alaa Itoophiyaa kana keessa kan jiran lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hin taane lammiilee biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kaabaa, Afrikaa Kibbaa keessas jiru jedhu Dr Guutuu Teessoo.
''Warreen kunneen sharafa biyya alaa seeraan ala daddabarsuun warra hidhata cimaa qabanidha. Warra ittiin fayyanidha. Akkuma hojii baankii seera qabeessaatti caasaa isaanii cimsanii diriirsanii jiru. Yeroo kana keessatti gabaa sharafa alaa garmalee dabaluun balaa guddaa qaba. Haala kanaan to'achuun hin danda'amu.''
Hunda caalaa ammoo yeroo biyyattiin waraanaa raafamaa jirtuu fi diinagdeen biyyattii tasgabbii dhabee jirutti gatii sharafa alaa ol kaasuun furmaata ta'uu hin danda'u jedhu ogeessi kun.
''Ammas rakkoo walxaxaan osoo hin hiikamin Baankiin Biyyaalessaa qabeen maallaqa irraa dhaala jechuudhaan qaawwa gabaa lamaan (idilee fi kan seeraan alaa) dhiphisuun hin danda'amu.''
Akka ogeessi diinagdee kun jedhanitti waggaa tokko dura wayita Itoophiyaan tarkaanfii kana sharafa alaa irratti labsitu, doolaarri tokko birrii 118tti sharafama ture.
Amma Ameerikaa irraa warri doolaara ergan gabaa seeraan alaatiin birrii 170 olitti sharafaa jiru jedhan.
''Kana jechuun irra-jireessi daldaltoota keenyaa, abbootiin qabeenyaa biyya kanaa kan isaan gabaa murteessan sharafa biyya alaa isa baankii keessa jiruun osoo hin taane isa gabaa seeraan alaa keessa jiruuni.''
Haalli kun yoo itti fufe diinagdeen biyyattii akka hin tasgabboofne godha kan jedhan Dr Guutuu Teessoo, ''sababa kanatti seeraan ala maallaqa gara biyya alaatti godaansisuun, qaala'iinsi jireenyaa, namoonni qabeenyasaanii maallaqa biyya alaatiin kuufachuun dabalaa deema,'' jedhan.
Kana malees oomishni biyyattii sadarkaa addunyaatti maallaqaan gaafa shallagamu rakasaa deema, oomishi gara biyyattii seenu ammoo garmalee qaalawaa deema jedhan.
Ogeessi diinagdee kun nageenya mirkaneessuu, oomisha biyya keessaa guddisuu, imaammata diinagdee dhiibbaa alaan dhufu ofirraa qolachuu fi tarsimoo diinagdee Itoophiyaa gitu bocachuu irratti xiyyeeffachuutu furmaata jedhan.












