Noorway lammummaa Ertiraanota mootummaa Asmaraa deeggaraniif kennite akka irraa mulqitu beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Noorway lammummaa dhalattoota Ertiraa mootummaa Ertiraa deeggaranirraa akka mulqitu beeksifte.
Dhaabanni Tajaajila Baqattootaa Noorway akka jedhetti, waggoota lamaaf qorannoo erga gaggeesseen booda lammummaa namoota Noorway-Ertiraa ta'an mootummaa Ertiraa deeggaran akka irraa fudhatu murteesseera.
Ertiraanonni lammummaan Noorwa isaaniif kenname mootummaa Ertiraatiif deeggarsa kennu kan jedhe koree qorannoo miseensota shan qabudha.
Ertiraanota 135 irratti qorannoo kan gaggeesse yoo ta'u, waan miidiyaa hawaasaarratti barreessan, akkasumas namoonni biroo waa'ee isaanii kan dubbatan hordofaniiru.
Namoonni qorannoon irratti taasifame 135 kunneen lammummaan Noorway kan isanaiif kenname yoo ta'u, waggoota saddeet darban keessa biyyattii keessa jiraataniiru.
Hanga ammaatti namoonni 20 hayyamni jireenyaasaanii kan jalaa fudhatame yoo ta'u, dhimmi namoota 30 ta'an biroo ammoo qoratamaa jira.
Walumaagalatti namoota meeqatu lammummaan isaanii akka irraa fudhatamu ifa miti.
Akka seera Noorwayiitti, namoonni biyyattii keessatti kolu-galtummaa gaafatan hayyamni jireenya aisaaniif kennamu ykn lammummaan irraa fudhatamuu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baqattoonni hayyamni jireenyaa ykn lammummaan kennameef dogoggorri ta'e irratti argamnaan murteen akka duuba deebiyuu danda'u seera kanana tumameera.
Mootummaan Noorway hayyama jireenyaa ykn lammummaa dhalattoota Ertiraa irraa yeroo deebisee mulqu kun kan jalqabaa miti.
Ertiraanonni biyya dhaloota isaanii keessa yeroo jiran loltummaa dirqamaatiif, hidhaaf, saamichaa fi gidiraaf akka saaxilaman ibsuun Noorway keessatti kolu-galtummaa erga gaafatanii booda mootummaa Ertiraatiif deeggarsa akka kennan ibseera.
Dhaabbanni Tajaajila Baqattootaa Noorway akka jedhetti, loltummaan biyyaalessaa dirqama ta'e, sarabamoonni mirgoota namoomaafi hidhaan jiraachuu mootummaa Noorwayiif ibsan sirrii miti.
Mootummaan Nooraway qorannoo kan bane sababa walitti bu'iinsa deeggartoota mootummaa Ertiraa fi mormitoota gidduutti waggaa lama dura dhalateen ture.
Ertiraanota walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaataa kan turan keessaa tokko bara 2013 Noorwayitti nama kolu-galtummaa argatedha.
Dhaabbanni Tajaajila Baqattootaa Noorway akka jedhutti, qornnoon dahalttoota Ertiraarratti gaggeeffame adda durummaan kan irratti xiyyeeffate warra mootummaaf deeggarsa taasisanirrattidha.
Magaalota Osloo fi Bargan keessa deddeebiyuun qorannoo kan gaggeesse yo ta'u, magaalaan Bargan kanaan dura bakka deeggartoota mootummaa Ertiraa fi mormitoota gidduutti walitti bu'iinsi itti mudatedha.
Qorannoon baqattoota deeggartoota mootummaa Ertiraarratti jalqabame addaan citee kan ture yoo ta'u, qorannoon kun irra deebiin jalqabamuun isaa ibsameera.
Waggaa haaraan booda ol iyyannoo ertiraanotaa akka ilaalamu Dhaabbanni tajaajila Baqattootaa Noorway beeksiseera.
Yeroo qorannootti baqattoonni kunneen gaaffiin kolu-galtummaa isaanii maaliif fudhatama argate? Maaliif mootummaa baqatan deeggaru? kanneen jedhan kaasuun qorachuu isaa ibseera.
Gareen qorannoo kun barreeffamoota miidiyaa hawaasaatiin alatti dhalattoota Ertiaa mootummaa Ertira amormaniifi Noorway keessa jiraatanirraa eeruu kenname walitti qabateera.
Hayyamni jireenyaa fi lammummaan gaaffii kolu-galtummaatiif ragaafi odeeffannoo sobaa dhiyeessan jalaa haqamuu danda'a.
Lammiin Ertiraa kanaan dura karaa seeraan alaa gara Israa'el deemuun mootummaa Ertiraa deeggaruun beekamu ji'a darbe keessa gara Israa'elitti ari'amuu sabaa-himaaleen Israa'el gabaasuun isaanii ni yaadatama.
Israa'el nama lammummaa Ertiraa qabuu fi mootummaa Ertiraa deeggaru biyyasheetii yeroo ariitu kun kan jalqabaati.
Lammiin Ertiraa abbaa daa'ima tokkoo ta'e kun gara Israa'el kan seene bara 2011 yoo ta'u, waggoota 14 darban jireenya isaa achuma godhatee tureera.
Bara 2023 keessa walitti bu'iinsa magaalaa Tel Aviiv keessatti Ertiraanota gidduutti dhalateen poolisii Israa'el dabalatee namoonni 150 miidhamuu isaanii ni yaadatama.
Deeggartoonni mootummaa Ertiraa fi mormitoonni wal qooduun walitti bu'iinsa tureen namoonni 11 rasaasaan rukkutamanii ture.
Bara 2024 keessa walitti bu'iinsa ka'ee tureen ammoo namoonni lama yoo ajjeefaman, namoonni seddet ammoo madaan cimaan isaan mudatee akka ture ni yaadatama.















