Lammii Eertiraa Itoophiyaan dabarsitee Nezerlaandiif kennite mana murtiitti dhiyaate

Tawaldee Gooyitoom

Madda suuraa, IDN

Ibsa waa'ee suuraa, Tawaldee Gooyitoom

Daddabarsa namaa seeraan alaan sadarkaa idil-addunyaatti kan himatamee fi Itoophiyaan to'achuun Nezerlaandiif dabarsitee kan kennite dhalataan Eertiraa Tawaldee Gooyitom har'a galmeen isaa ilaalamuu jalqabe.

Tawaldee Gooyitom maqaa masoo Walid jedhamuunis beekama. Namoota kumaatamaan lakkaa'aman karaa Liibiyaa daddabarsuun isaan saamaa tureera.

Akkasumas namoota seeraan ala daddabarsaa ture haala suukaneessaan dararuu fi daldala namoota seeraan alaa keessatti hirmaachuu fi waliigalaan himata shaniin manni murtii Itoophiyaa yakkamaa isa jedheera.

Tawaldee Gooyitomii fi namoota isa waliin yakka kana keessatti hirmaachuun himataman irratti manni murtii Nezerlaandis ragaa hedduu dhagahee murtii kennuuf aduu ji'a tokkoo itti fudhachuu danda'a jedhame.

Tawaldee Gooyitom ykn Walid garee namoota daddabarsa namaa seeraan alaa akka idil-addunyaatti gaggeessuun lammiilee Eertiraa Liibiyaa keessatti hidhuun, dararuu fi miidhaa saalaa irraan gahuun himatameera.

Gareen Tawaldeen gaggeessaa ture Liibiyaa keessaa bakka Baanii Walid jedhamu bakka turtii baqattootaa yoo tahu, gargaartota isaa waliin tahuun, Sudaanii fi biyyoota kaan irraa namoota dhufan dararuun maatii isaanii irraa maallaqa guddaa fudhachuu turuu himameera.

Baqattoota Liibiyaa keessa darbuun gara Awurooppaa galuu barbaadan kaampii keessatti reebuun, beelessuu fi gudeeduun waggootaaf dararaa tureera.

Sababa kanaanis baqattoonni hedduun du'aniiru. Tawaldeen irra caalaan isaanii dhalattoota Eertiraa kan tahan kumaatama ykn kuma kudhanii oliin bakka bakkatti seeraan ala daddabarsaa tureera jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbootiin alangaa Nezerlaandis erga baqattoonni hedduun karaa Tawaldee Gooyitom biyyicha galanii booda waan isaan irra gahe himanii himata isa irratti banan.

Himata isarratti dhiyaate kanaaf namoonni 191 tahan ragaa irratti bahaniiru.

Bara 2020 yeroo Walid ykn Tawaldeen to'annoo jala oole, nama biraa yakka daddabarsa namaan barbaadamu Kidaanee Zakaariyaas Habtemaariyaam jedhamu waliin ture.

Lameen isaanii lammmii Eertiraati. Lameen isaanii baqattoota Eertiraa kumaatama ukkaamsanii qabachuun hanga isaan maallaqa kaffalanitti tursiisaniiru.

Tawladeen Itoophiyaatti himata shan isa irratti dhiyaateen yakkamaa jedhameera.

Ergasii yakka Liibiyaatti hojjetaa tureef Nezerlaandiin barbaadamaa waan tureef Itoophiyaan dabarsitee kennite.

Kidaaneen erga Itoophiyaatti to'annoo jala oolee mana murtiitti dhiyaatee osoo dhimmi isaa ilaalamaa jiruu miliqee bade.

Booda Mudde 1 bara 2023 Sudaanitti qabame. Fandii seeraan alaa fayyadamuun baqattoota seera qabeessa fakkeessuuf yaaluu isaan UAE keessatti himanni irratti banameera.

UAE akkuma Itoophiyaa nama kana Nezerlaandisiif dabarsitee kennuuf waliigalte.

Innis hiriyyaa isaa Waalid ykn Tawaldee irratti akka ragaa biraatti dhiyaata jedhame.

Ji'oota jalqabaa himanni isa irratti dhiyaatetti Walid namoota ragaa isa irratti bahuuf jedhan doorsisuufi waraqaa eenyummaa sobaa argachuuf yaaluun himatameera.

Lammiileen Eertiraa nama kanaan akka malee miidhaman hedduun ragaa irratti bahuuf gara Mana murtii deemaniiru.

Bidiruu baqattoota baattee imalaa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Waxabajji 5, bara 2024 lammiileen hedduun naannoo mooraa mana murtichaatti argamuun daddabarsa namaa seeraan alaa fi bulchiinsa mootummaa Eertiraa mormaa turaniiru.

Akkasumas mootummaan miidhamtoota daddabarsa namaa seeraan alaa gadi bahuu sodaataniif eegumsa akka godhu gaafataniiru.

Akka gabaasa IOM [Jaarmiyaa Baqattoota Idil-addunyaatti] Liibiyaa keessa qofa baqattoota gara 900,000 jira.

Walid ykn Tawaldeen erga bara 2014 hanga 2018 daddabarsa namaa seeraan alaa Liibiyaa keessaa kana dursaa ture jedhama.

Chancalli daddabarsa namaa seeraan alaa kun baqattoota gara mana hidhaa fagoo jiruutti geessuun doorsisuu fi dararaa turan.

Yeroo dararan ammoo akka baqattoonni gara maatii isaaniitti bilbilanii maalalqa gaafatan gochaa turan. Daddabarsi namaa maallaqaaf jecha godhamu akka garbummaatti ilaalama.

Dararaan isaan irra gahu reebicha, qaama isaanii gubuu, qaaama isaanii irratti laastikii baqsuu, harka isaanii duubatti hidhuun akka isaan hin sochoone gochuu fi eletikrikiin dararuufaa of keessaa qaba.

Baqattonni haala akka siin qabaman man-kuusaa keessa kaa'amuun nyaata xiqqoo qofatu isaaniif kennamaa ture.

Akka qorannoon agarsiisutti bara 2016 hanga 2021 gidduu lammiileen Eertiraa karaa Liibiyaa qofaan Awurooppaa galan gara 100,000 tahu.

Yeroo kana gidduutti maallaqni maatii miidhamtootaan namoota seeraan ala namoota daddabarsaniif kaffalame gara doolaara biliyoona tokkoo caala.

Qorattoonni akka jedhanitti daddabarsa kana keessatti kan hirmaataniifi dursan Kidaanee fi Waliid qofa miti.

Lammiilee Itoophiyaa fi Sudaan daddabarsa kanaan akka malee miidhamaniiru. Mootummaan Nezerlaandis, Xaaliyaanii, Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa fi Inter-Pool wlaiin tahuun Kidaanee fi Walidiin to'annoo jala oolcheera.