Waltajjiin Masirii fi Sawudiin durfamu Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageessuuf jiruu laata?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni kaayyoo adda addaatiif tumsa waloo uummachuu danada'u. Yeroo tokko tokko daldalaafi diinagdee isaaniif haala miijessuufidha.
Yeroo tokko tokko ammoo nagaa fi tasgabbiin isaanii yoo balaadhaaf saaxilamu, diina waloo isaanii doorsisiifu.
Kanaaf NATO'n fakkeenya gaarii ta'u danda'a. Gamtaan sodaa weerara Gamtaa Sooviyeet waggoota 70 dura hundaa'e har'ayyuu cimee jira. Gamtaan Sooviyeet sodaatamte garuu biyyootaheddutti hiramteetti.
Kaayyoo fi sochiin isaanii adda adda haa ta'u malee gamtaa Afrikaa Dhihaa akka "ECOWAS" fi Gaanfa Afrikaa immoo IGAD faa fudhachuun ni danda'ama.
Gamtaan waggoota muraasa dura uumame amma ijoo dubbii ta'eera. Waltajjii tumsa Galaana Diimaa irratti taasifamuu kan Itoophiyaa qoode fakkaata.
Kun garuu Itoophiyaaf yaaddoodhaa?
Waltajjiin tumsa Galaana Diimaa kan eenyuuti?
Biyyoota ollaa Itoophiyaa ta'an kanneen akka Eertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Jibuutii, Joordaanii fi Yaman faa of keessatti hammata.
Gamtaan kun biyyoota Baha Giddu Galeessaa fi Gaanfa Afrikaa walitti hidha. Gareeen biyyootaa kunis sababa Galaana Diimaatiin walitti hidhamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhugaadha, naannoon kun naannoo biyyoota guddatan kamuu fedhii irraa qabaniidha. Sababni isaa wirtuu daldalaa cimaa bakka doolaarri bishaan irra yaa'udha.
Bakka dooniwwaan galaanaa addunyaa hedduun itti wal dhiphisaniidha. Bakka Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa fi Awurooppaan itti wal arganidha.
Karaan tokkichi Galaana Hindii karaa Meditiraaniyaanii, bo'oo Suwuuz fi Galaana Diimaa hanga Hindii geessudha.
Kanaafuu biyyi humna qabdu naannoo furtuu ta'e kana keessatti humna qabdu agarsiisuu hin barbaannee jiraa? Kanaaf ammoo akka fakkeenyaatti Jibuutii haa fudhannu.
Jibuutii biyya hanga odola xiqqoo geessu irra eenyufa akka qabatu ilaaluu qofti ergaa baay'ee qaba.
Faransaay, Ameerikaa, Jaappaan fi Chaayinaan faa achitti wal dhiphisu. Indiyaa fi Raashiyaanis biyyoota isaanii galchuuf yaalii gochaa jiru.
Gamtaan Immireetota Arabaa, Kaataar, Turkii fi Iraan karaa biyyoota michuuwwaana isaanii naannicha keessa jiraniin bakka isaanii qabataniiru. Kaanis itti makamaa jiru.
Biyyoota uumamni naannoo Galaana Diimaatti isaan uumue qofa osoo hin taane, kanneen fagoo jiranillee, dooniin daldalaa isaanii keessa darbuun waan hin oolleef, akka waan balbala mataa isaaniitti nagaa fi tasgabbii naannichaaf yaaddoo qabu.
Karri kibbaa Galaana Diimaa Baab el-Mandeb yoo jeeqame biyyoota hedduudhaaf akka waan lafeen qoonqootti rakkateetti hamaadha.
Kanaafis, rakkoo waraana Gaazaa booda, yeroo Huutii Yaman, michuu Iraan, dooniiwwan warra dhihaa irratti xiyyeeffate, muddamni uumame ni yaadatama.
Deebii kanaaf, humnoonni waloo galaanaa fi qilleensaa warra dhihaa naannichatti, qajeelfama Ameerikaatiin bobba'uun isaanii, dhimmi Galaana Diimaa hundaaf dhimmaa amma libsuun ijaafille hin amanne ta'uu agarsiisa.
Dantaa biyyoota humna qaban fagoo naannicha irra qaban ilaalcha keessa galchuun biyyoonni Galaana Diimaa bara 2018 irraa eegalee waliin dhaabbachuuf waan yaadaa turan fakkaata.
Kayyoon isaa ifa ta'e biyyaa fagoo humnaan doorsisu barbaadu fuuldura dhaabbachuuf kan kaayyeffate fakkaata.
Karoorri kun bara 2019 irraa eegalee guddachaa fi bifa qabachaa kan jiru yoo ta'u, bara 2020ttis hundeeffame.
Biyyoonni saddeet kunneen Fooramii Tumsa Galaana Diimaa kan hundeessan yoo ta'u, waggaa lama dura kan waamame wal-faaydaa fi doorsisa walootiif walitti dhufuun gaariidha.
Obbo Na'am Ashenafi qorataa damee Qorannoo Afrikaati. Waltajjiin kun fedhii cimaa Sa'uudii fi Masrii irratti kan hundaa'e malee hayyama guutuu biyyoota miseensa ta'anii irratti kan hundaa'e akka hin taane amana.
Kanaaf sababni inni kaasu tokko sadarkaa miseensonni hafan yeroo ammaa keessa jiranidha.
"Masrii malee biyyoonni baay'een isaanii biyyoota ofuma isaanii dhaabbachuu hin dandandeenyedha. Isa caalaa inumaa Sa'udii Arabiyaa deeggaruuf gahee qabu."
Waltajjiin kun garuu maaliif Itoophiyaa moggaatti baase?

Madda suuraa, PMO
Moggatti dhiibamuu Itoophiyaa kana keessaa harki Masrii jiraa? Itoophiyaa keessatti gaaffiin "Galaanni Diimaan karaa btokkicha bahaa fi gala kenyaa ta'ee utuu jiruu, Wayata Sa'udii fi Masriin itti yaadanii moggaatti nu dhiiban maal gochuu qabna?'' kan jedhu mana maree bakka bu'oota Ummataa keessatti ka'aa ture.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad tibba tokko paarlama irratti deebii gabaabaa fi abdii namatti horu kennuun ni yaadatama.
"Simbirroon damee mukarra kan teessuu dameen mukaa sana abdatti utuu hin taane baallee ishee waan amantuufi. Itoophiyaan waggaa 10 ykn 15 booda dhimmi Galaana Diimaa biyyoata dhimmi kun isaan ilaallatu keessa tokko ta'uu akka danda'u hin shakkinaa. Dhiibbaan keenya naannoo Galaana Diimaa kana keessatti waan hafu natti hin fakkaatu" jedhan.
Deebiin isaanii keessatti maaltu qabatamaan gama dippilomaasiitin hojjetamaa akka jiru ibsuu batuus abdiin akkasii fulduratti jiraachuu agarsiisa.
Obbo Na'am Itoophiyaan moggaatti dhiibamuun ishee Masrii waliin walqabachuu akka danda'u kaasan.
"Keessa yommuu ilaaltu, warra kakaasan eenyu akka ta'e gaafachuun walakkaa deebiiti" kan jedhu xinxalaan naannichaa kun, namoota kakaasan keessaa Masriin ishee ijoo ta'uu ibsu.
Gamtaa Awurooppaa bara 2018 irraa eegalee yaada kana kan beeksisaa jirtu Masriidha. Masriin waltajjii kamittuu Itoophiyaa dippilomaasii fi naannoo dinagdee irraa fageessuu barbaaddi," jedha.
Sababa kanaan, Misriin akka miseensota garee kanaa kanneen birootti Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa keessatti bakka akka hin qabne ifatti ibsaa jirti.
Biyyoonni miseensa ta'an ja'an hafan hangas mara ta'uu baatanis Sa'uudii Arabiyaa waliin gamtaa kana kan cimsaa jiru Masrii akka ta'e shakkiin hin jiru.
"Gama biyyoota miseensa ta'aniin Sa'uudii Arabiyaa booda biyya ajandaa ishee hojiirra oolchuu dandeessu Masrii qofa ta'a." "Masriin ajandaa Itoophiyaa adda baasuun beekamti," jedhan Obbo Na'am.
Dhimma Abaay hordofuun wal faallessuu hedduu qabaatanis Itoophiyaa fi Masriin waltajjii tokko waliin qooddachuu akka danda'an sadarkaa ilaalchaan yoo ka'e, kan fashaleessuu danda'u Masrii malee kan biraa miti.
Gamtaan kun gara tumsa waloo waraanaatti jijjiiramuu danda'aa?

Madda suuraa, Reuters
Itoophiyaan suuta suutaan gara tapha kanaa dhufaa jirti. Galaana Diimaa Waltajjiin kun ammallee jalqaba irra jira.
Kaayyoon waltajjii kanaa ibsame saamicha galaanaa ittisuu, fayyadamummaa naannichaa beeksisuu fi qooddachuu, meeshaa waraanaa seeraan alaa fi daldala namaa to'achuudha.
Dantaan kun tokko tokkoon ka'aa akka jiru beekamaadha, garuu yaaddoo waloo biyyoota dhihaa hundaati.
Saamichi galaanaa Ameerikaa fi biyyoota dhihaa qofa osoo hin taane, hundaaf balaadha. Daldalli namaa mataa dhukkubbii guddaa Awurooppaati.
Walumaa gala sochiin nanawa kana jiru gara fuulduraatti naannicha walitti hidhamiinsa daldalaa guddaaf wiirtuu akka taasisu shakkiin hin jiru.
Yeroon sun gaafa gahu biyyoonni naannichaa faayidaan daldalaa isaanii humnoota akka Chaayinaa, Hindii, Ameerikaa kanneen fagoon irraa akka fudhataman hin barbaadan. Kunis waltajjii tumsaa uumuuf sababa biraa ta'uu danda'a.
Garuu waltajjiin kun dhuma irratti gara gamtaa waraanaatti yoo guddate hoo? Obbo Na'am Ashenafi akk jedhanitti waltajjii kana uumuuf yeroon daangeffame hin jiru.
Sadarkaa yaadatti Eertiraa, Masrii fi Sa'udiin yeroo adda addaa fi haala adda addaa keessatti ajandaa mataa isaanii qabaachaa turan.
''Gamtaa Sa'udiin durfamu kun bara 2020 hundeeffame, garuu dhimma Masrii fi Sa'udiin bara 2018 irraa eegalee irratti mari'achaa turan yoo ta'u, bara 1970moota irraa eegalee yaaliin xiqqaa fi guddaan godhamaa jira,'' jedhan.
"Maaliif akka hundeeffame hubachuuf dorgommii dhiibbaa naannicha keessatti taasifamaa jiru hubachuu qabdas" jedhu.
Kunis irra caalaa qabsoo keessoo UAE fi Sa'udii Arabiyaa gidduutti taasifamaa jiruun ibsama. Obbo Na'amiif kun qabxii bu'uuraa kan biraati jedhu.
UAE akkamitti marii kana keessaa hafte?
Biyyoonni Galoo Galaanaa Kaataar yeroo adda baasan, mootummaa Kaataar kan adda baase Masrii, Sa'uudii Arabiyaa fi UAE ture; naannoo qilleensaa ishee cufuudhaan, dhiibbaa dinagdee uumuudha.
Yeroon kun yeroo isaan waliin dhaabbataniidha. Gamtaa kana erga hundeessanii booda yeroo dheeraa hin turre.
Kanaafuu yeroo waltajjiin Galaana Diimaa kun hundeeffame akkamitti michuu Itoophiyaa kan taate Emireetota hin afeerre?
Emireet yoo kaafne gaaffii biraa ka'uu danda'a. Naannicha keessatti gaheen Emireet gita hin qabu.
"DeepWorld dhaabbata guddaa buufata doonii Jibuutii fi Somaalilaandii bulchudha. Emireetiin biyyoota naannichaa hunda keessatti, xiqqaa fi guddaan, asii fi achi keessatti fedhii siyaasaa fi dinagdee qabdi."
Kanaafuu waltajjiin naannoo kana keessatti Emirat hin hammanne akkamitti hundeeffame?
"Kanaafidha galmi waltajjii kanaa akkuma hundeessitoonni isaa jedhan walta'iinsa daldalaa ta'uu amanuun kan nama rakkisu," jedha obbo Na'am.
"Tumsa caalaa dorgommii natti fakkaata," jedha. Dorgommiin kun biyyoota maallaqa boba'aa qaban lama gidduutti ta'a."
"Tarii Itiyoophiyaa baay'ina ummataa qabdu dabalatee garee dorgomaa biraa kan Sa'uudii Arabiyaa mormu ijaaru danddessi ta'as"jedhee yaada
Gara gamtaa waraanaatti guddachuuf carraa qabaa jedhamee gaafatamaniif deebiin isaanii waan fakkatu miti kan jedhuudha.
Sababni ammoo garaagarummaa fi dadhabina biyyoota miseensa isaa irra ka'uudhani.
Fakkeenyaa "Sudaan rakkoo keessa jirti, Eertiraan addunyaa irraa adda baatee jirti, Somaaliyaa fi Yaman ni beekamti, kan hafan Joordaan fi Masrii; cimsuu illee barbaachisa.
Gabaabumatti biyyoonni kunneen Sa'udiin hin jirtu taanaan gahee biraa maal qabaachuu danda'u?" jedhanii gaafatu.
"Dhaabbileen akka NATO yeroo hundeeffaman kaayyoo ifatti ibsamee fi galma waloo qabu turan. Waltajjiin kun kaayyoo Sa'udii yaada keessa galchuun hundeeffame," jedha qorataan kun
Ministirri Muummee Abiy Itoophiyaan naannoo Galaana Diimaatti deebi'uun ishee hin oolu jechuun irra deddeebiin ibsaa turaniiru.
Miseensa garee kanaa kan taate Eertiraan abbaa biyyummaa ishee irratti araarama akka hin qabnes ibsiteetti.
Masrinis karaa hundaan Itoophiyaa Galaana Diimaa irraa fageessuuf yaalii gochaa jirti.
Adeemsa kana keessatti gaheen Waltajjiin Tumsa Galaana Diimaa maal akka ta'u kan ilaalamu ta'a.















