Helikooptarri Waashingitanitti kufuun loltoonni gameeyyiin US afur du'an

Madda suuraa, Getty Images
Helikooptarri Black Hawk jedhamuun beekamuun Bulchiinsa Waashingitanitti kufee caccabuun lubbuun loltoota oppireeshinii addaarra turan afurii darbeera jedhe Humni Waraanaa US.
Loltoonni kunneen osoo fagootti ba'anii shaakalliirra jiranii helikooptarri ittiin kufe.
Helikooptarri Sikorsky UH-60 Black Hawk naannawa buufata Joint Base Lewis-McChord jedhamutti gaafa Roobii caccabe jedhan Kaaba Kaalifoorniyaa ajaja waraanaa Fort Bragg jedhamutti dubbi himaan oppireeshinii addaa humna waraanaa US Jaakuwi Hiil.
Loltoota xiyyaara kana keessa turan afran keessaa namni lubbuun ba'e hin jiru.
Loltoonni shaakallii Lewis-McChord jedhamuuf bobbaafaman kunneen miseensota Reejimantii Oppireeshinii Aiyeeshinii Aaddaa 160ffaa, Bataaliyoonii 4ffaa- 160th Special Operations Aviation Regiment, 4th Battalion turan.
Gareen ergama qilleensarraa kun "Night Stalkers," jedhamuun moggaafameera.
Dukkana dawoo godachuun oppireeshinii addaa raawwata. Haala kanaan mala maltee waraanaa yeroo halkanii milkeessu.
Leetinaant Jeneraal Joonaataan Biraagaa waa'ee loltoota gameeyyii lubbuun darbanii akkas jechuun ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Loltoota gameeyyii duudhaa humna waraanaa keenyaa tiksanii asiin ga'aniidha. Mallattoo oppireeshinii addaa humna waraanaa keenyaa turan. Wareegamni isaanii yoomuu hin dagatamu.''
Qondaalli waraanaa, Hiil, fageenyarraa kan ka'e bakka balaan kun itti mudate qaqqabuun rakkisaa ta'eera jedhan.
Wayita balaan kun mudatu abidda uumame bosona keessaa ol ka'ee mul'ataa ture.
Lubbuu baraartonni Jimaatarra eegalanii garasitti bobba'anii hojiitti jiru.
Ka'umsi balaa kanaa ammallee qoratamaa jira jedhan Hiil.
Humni waraanaa hojiin lubbuu baraaruu itti fufee akka jiruu fi ammallee maqaan namoota du'anii akka adda hin baane ibse.
Ajajaan Humna waraanaa Oppireeshinii Addaa US Joonaataan Biraagaa ''ogeeyyii loltoota keenya manatti deebisuuf humnaasaanii osoo hin qusatin boqonnaa tokko malee hojjetan ni galateeffanna,'' jedhan.
Buufati shaakallii waraanaa -Joint Base Lewis-McChord jedhamu Waashingitan kibba Takomatti argama.
Onkoloolessa 2024 keessas jeettiin waraanaa US Waashingitan naannawa gaara Raayiniir jedhamuutti kufuun lubbuun loltoota lamaa darbeera.















