Saffisaan imaluun saffisaan fiiguu danda'uu keenya mirkanneessaa?

Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni saffisoon dandeettii uumamaan qabu, garuu kana jechuun nutis saffisaan fiiguu barachuu hin dandeenyu jechuu miti.
Waggaa afuritti al tokko kan gaggeeffamu Olompikii fi Paaraalimpiksiin dandeettii qaamni namaa qabu maal fakkaatu akka ilaalluuf carraa nuuf laata.
Atileetonni ga’umsasaanii sadarkaa ol aanaarra jiru waanta nuti abjuudhaan qofa abjoochuu dandeenyu raawwatu.
Tarii hunda caalaa kan nama hawwatu wayita namoonni saffisoon dirree dorgommiirra fiigani.
Gosoota ispoortii biroo muraasa keessattis ga'umsi akkasitti fiigichaan wal bira madaalamu ni jira.
"Waa'ee saffisaan fiiguu wanti beekamu qabu yoo jiraate, namni kamuu dandeettii ofisaatii qaba’’ jetti Eilidhi Doyle. Eilidhin fiigicha meetira 400 fi gufachisaa fiigdi.
Olompikii Riyoo bara 2016 irratti meedaliyaa naasa Biritaaniyaaf argamsiifte.
"Akka meetira 1500 fa'aatti tooftaa namoonni itti gargaaraman kallattiin dhiibbaa sirratti uumuu hin danda'u.
Seensa dorgommicharra dhaabbattee 'karoorrikoo maal akka ta'e nan beeka, karoora sana raawwachuufan jira, sababiin isaas namni biraa ittiin morkuu hin danda'u" jechuu dandeessa jetti.
Saffisaan furguggifamu ykn fiiguun foormulaa salphaa ta’e qaba; dheerina tarkaanfii baayyisuu fi saffisaan ittiin tarkaanfattudha .
"Dheeressite tarkaanfachuu danda'uu ykn saffisaan tarkanfachuu qabda. Sun wanti bu'uuraa atii gochuu dandeessudha," jedha Saam Gilihadhil.
Saam Yunivarsiitii Kibba Awustiraaliyaa keessatti qorataa baayoomakaaniksii fi jabina qaamaati.
"Of eeggannoon ati gochuu qabdu garuu, jara kana keessaa tokko yoo fooyyessite, isa kaan hir'isuu hin barbaaddu" jedha.
Baayyina tarkaanfiiwwan keetii dabaluuf yaaluun dheerina tarkaanfii keetii gabaabsu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Olompikii irrattillee fiigicha marsaa xumuraa meetira 100 irratti atileetoonni tooftaa adda addaa qabu," jedha Saam Gilihadhil.
"Namni akka Kiristaan Koolmaan, kanneen maashaa isaanii ispoortiin cime qaban, saffisaan gara fuulduraatti bahu danda’u.
Yeroo dheeraaf furguggachuu ykn saffisiisaan fiiguu danda’u, garuu tarkaanfiin isaanii gabaabadha.
Huseen Boolt ammoo hojjaan isaa dheeraa dha." Miillisaa xiqqoo sababa dheeratuuf tarkaanfiin isaa ni dheerata."
Boolt saffisa isaa kan argatu karaa dheerina tarkaanfiisaatii fi humna yeroo lafa ejjatu uumamuuni.
Kanatu tarkaanfiin isaa akka dheeratu taasisa. Tarkaanfii dheeraan Boolt tarkaanfate gara 2.872m bal’ata.
Boolt meetira 100 sekondii 9.58 furggugachuun saffisa rikoordii ta’uu galmeessiseera.
Ragaan guutuun jiraachuu baatus qorannoon akka agarsiisutti, saffisi fiigicha dubartootaa saffisaan tarkaanfachuu irratti hundaa’e.
Saffisni fiigicha warreen dhiiraa ammoo tarkaanfi dheeraarratti hundaa’e.
Kunis gartokkoon dhiibbaa gaarii dheerinni miilaa, dheerina tarkaanfiirratti qaburraa kan ka'e ta'uu danda'a .
‘’Namoonni saffisaan fiiguu danda’an kanneen saffisaan fiiguu hin dandeenye caala tafa guddaa fi maashaalee naannoo jilbaa cimaa qabu’’ jedhan.
Atileetonni dheerina tarkaanfii saaniirratti xiyyeeffatan miilasaanii cimsachuu, humna qabaachuu, maashaalee naannoo tafaasaanii cimsachuu qabaatu.
Ga’umsa akkasii qabaachuun yeroo lafa itti ejjatan ykn tarkaanfatan gabaabsuuf gargaaru.
Gama biraatiin saffisaan tarkaanfachuun niworoonita dhaamsa deeddeebisaniirrratti kan hundaa’u, akkasuma qindoomina maashaalee gidduu jiruu, dadhabbiin niwurooniirratti hundaa’a.
Atileetonni saffisaan tarkaanfachurratti hundaa’an fiigichaan dura sochii niwuroonii sadarkaa olaanaan gahuutu isaan barbaachisa.

Madda suuraa, Getty Images
Haa ta’u malee, saffisni tarkaanfii hangam fooyya’uu akka danda’u gaaffii kaasuu mala.
"Akka yaadutti, dheerina tarkaanfii keetii fooyyessuurratti xiyyeeffachuu qabda," jedha, Yunivarsiitii Aristootil Tasalooniiki Giriikitti piroofeesara gargaaraa baayoomakaaniksii kan ta’e Vaasiloos Paanutsakopuulos.
"Saffisa tarkaanfii erga gaheesaa taatee booda jijjiiruun hin danda’amu" jedha Vaasiloos. Gahumsi fiigichaa qaccee fi dhiibbaa naannootiin bocama.
Qacceen saffisa tarkaanfiirratti qooda qabaachuu danda'a, sababiin isaas
sochii niwuroonota dhaamsa deddeebisaniirratti hundaa’a waan ta’eef.
Namoonni uumamaan saffisaan deemuu danda’an saffisaan fiiguurratti fooyya’oo ta’uu danda’u kanaaf jedhama. Wanti fooyya’uu danda’u tooftaa fiigichaati.
Paanutsakopuulos fi waahillanisaa akka jedhanitti atileetoonni dargaggeeyyiin warreen gaa’eyyii waliin wal bira qabamee yoo madaalamu miila isaanii salphaatti diriiruuf akka danda’u hime.












