Sochiin qaamaa daqiiqaa kudhanii dandeettii waa yaadachuu akkamiin dabala?

Madda suuraa, Getty Images
Miillaan yeroo gababaadhaaf deemuu, maarshaal artii hojjechuu/shaakaluun, yoo xiqqaate daqiiqaa kudhaniif sochii ispoortii kamiyyu yoo taasiftan dandeettii waan tokko yaadachuu keessan saffisaan dabaluu ni danda'a.
Gareen qoratoota Yuunvarsiitii Kaalifoorniyaa irra geenyeerra akka jedhanitti yoo xiqqaate guyyaatti daqiiqaa kudhaniif sochii qaamaa taasisuun samuun keenya akka sirriitti dadammaqu taasisa.
Qorattoonni kun sochiin qaamaa samuu keenya irratti akka jijiirama gaarii ta'e fidu baruudhaaf meeshaa wallaansa fayyaa "MRI" jedhamu kan fayyadamu yommuu ta'u namoota hedduu irrattis yaaliin tasifameera.
Namoonni sochii qaamaa hin taasifne warraa sochii qaamaa taasisan waliin walbira qabamanii yeroo dorgomsiifaman warreen sochii qaamaa taasisan samuu dammaqaa, saaffisaafi bu'a qabeessa ta'e qabu.
Barreeffama bu'aa qorannoo isaanii kana baasan keessatti qoratoonni kunneen sochii qaamaa taasisuun bu'aawwan murteesoo sadii qaba.
- Waan dagachuun danda'amu akka yaadannuufi dandettii waa xiinxaluu keenya dabana
- Qaamni samuu keenyaa''Hipookaamus'' jedhamu saffisaan sochi jalqaba
- Sammun keenya guutummaa qaama keenyaa waliin ergaa inni dabarsu saffisaa ta'a

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni kun akka argatanitti dhala namaa qofaa osoo hin taane sochiin qaamaa antuunnillee akka dandeettiin waa yaadachuu isaanii dabalu taasisa.
Bu'a qabeessummaa qorannichaa mirkaneessuudhaaf namoonni fedhii isaaniitiin qorannoo kana irratti hirmaatan 36 dadeettii waa yaadachuu isaanii qorannoo sana dura akka sakatta'amu taasifmeera.
Namoonni fedhiin hirmaatan kun meeshaaleen akaakuu 186 ta'an fuduraaleefi meeshaaleen itti fayadaman akka ilaalan taasifamanii hangama akka yaadatan sakata'ameera.
Haala ajaa'iba ta'een namoonni daqiiqaa kudhaniif sochii qaamaa taasisan warra sochii qaamaa hin taasifne caalaa waantoota ilaalan sirriitti yaadachuu danda'aniiru.
Sochiin qaamaa duraanuu faayidaa hedduu akka qabu kan beekamu ta'ullee daqiiqaa kudhaniif sosocho'uun garuu bu'aa ajaa'ibaa kana akka qabu ibsa qorannoon kun.
Kanatti dabalataan sochiin qaamaa rakkoo waan tokko dagachuu umurii waliin walqabatee dhufu wallaanuudhaaf gargaara jedha qoranichi.














