Mucaa xiqqoo Filisxeemoota Israa'el hiitee jidduu turte maaltu mudate?

Garee dhiirota Gaazaa, humnoota Israa'eliin hidhaman keessatti, mucaa xiqqoo tokkogiingoo keessatti mul'atti. BBC'n namoota baay'ee adda baafaman fuula isaanii dukkaneessuu filateera

Madda suuraa, Supplied

Dhiiroota Filisxeem kanneen loltoonni Israa'el uffatasaanii baafachiisuun qullaasaanii bakka tokkotti walitti qaban jidduutti mucaan dubaraa xiqqoon tokko fagootti mulatti.

Loltoonni Israa'el namoota Filsxeem qaban hundi mudhiin gadii malee akka uffatasaanii baafatan ajajan. Jara kana keessatti maanguddoonni illeen ni mul'atu.

Isaan jidduutti mucaan dubaraa xiqqoon tokko ni mulatti. Suuraan kunis jalqaba Teelegraam gubbaarratti akkaawuntii madda humnoota raayyaa ittisaa Israa'el wajjjin hidhata cimaa qabuun maxxanfame.

Namni suuraa isaan kaasaa ture loltuu Israa'el ta'usaa akka hin ollee amanama.

Dhiiroonni suuricharratti mul'atanis baayyee kan dadhaban, soodaa fi dadhabbiin kan irraa mul'atamu akka ta'an suuricha irraa hubachuun ni danda'ama.

Daa'imti tunis kallattiidhaan kaameeraa ilaalaa hin jirtu. Tarii taateen kaameeraan alaa qalbiishee hawwate jiraachu mala ta'a. Yookan ammoo loltootaafi meeshaa waraanaa isaan hidhatan ilaaluu hin barbaanne ta'a.

Waraanni Israa'el jarrii kunneen achi akka dhaabbataniif itti hime. Isaan booda ammoo haleellaa gamoowwan irratti boombiidhaan raawwatamu itti fufeera.

Loltoonnis dhiiroota kanneen meeshaa waraanaa, sanadawwan, ykn mallattoo hidhata Hamaas waliin qabanii kan sakattan ta'uu danda'a jedha gabaasaan BBC Baha Jidduugaleessaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dararaa namootaa haala akkasiitiin arguun jireenyi namootaa sababii waraana kanaatiin hangam akka miidhame kan agarsiisuudha.

Akkasumas mucaa xiqqoon tun bakka akkasiitti argamuun, haalli isheen waan ta'aa jirtuu itti ilaalaa jirtu gaaffiilee hedduu kaasu qaba.

Ofii mucaan xiqqoon tun eenyuudhaa? Booda maal taatee?

Suuraan kunis torbaniin dura kaafame. Sababii duula qindaa'aa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuutiin torban darbees namoonni dhibbaan lakka'aman ajjeeffamanii, hedduun miidhaan irra gaheera.

Kumaatamni ammoo bakka jireenyaasaaniirra buqqaafamaniiru. Haleellaa qilleensaatiin daa'imman jijjigaa gamoo jalatti awwalamaniitiin ykn sababii wallaansi ykn qorichi hin jirreetiin du'aniiru.

Gaazexessaa BBC Arabic Sgantaa Gaza Today waliin mucaa sana barbaacha eegalle. Israa'el BBC ykn miidiyaa idil-addunyaa akka Gaazaa keessa seenanii walabaan hin gabaafneef dhorkiteetti.

Kanaafuu BBC odeeffannoo argachuuf gaazexessitootaafi bakka bu'oota miidiyaa achitti argaman amanamootti fayyadama.

Gaazexessaan sagantaa BBC Arabic suuraa daa'iman tanaa qabachuun maddeen dhaabbilee gargaarsaa kaaba Gaazaa keessatti argamaniitti erge.

Achinis sa'aatii 48 keessatti deebii arganneera jedhu argate.

Jiiliiyaa abbaashee waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Mucaa waggaa sadii Jiiliiyaa abbaashee waliin

Mucaan waggaa sadii Juuliyaa Abbuu Waardaa ammas lubbuun jirti.

Gaazeexeessaan BBC'f hojjatus bakka mucaan tun qeesaanii irraa buqqaafamuun itti dahatanii jiran magaalaa Gaazaatti qajeele.

Gaazexessaan kun bakkicha wayita gaheettis mucaan suuraarratti mul'attee sun abbaa, akkoo fi haadhashee waliin turte.

Daa'imtii tunis fiilmii daa'imaa dowwataa kan turte yoo ta'u, iyyi sagalee diroonniiwwan Israa'el uuman filmii ilaalaa jirtu gutummaan akka hin dhaggeeffanneef rakkoo itti uume.

''Ati eenyuudha?'' jedhan abbaanshee kolfaa. Afaan ijoollummaatiin cabaqaa ''Juliiyaadha'' jettee deebiifteef.

Mucaan torban dura suuraa namoota to'ataman keessatti mullattee turte Juliiyaanaan miidhaan irraa hin mul'atu. Riifeenshisheetiif qabduu daraaraa curuliisa ifaa qabuun qabsiifameera. Isheen haala dhiphiin qabuun gaazexxeesicha ilaaluu eegalte.

Achiinis abbaanshee Mohaammad seenaa suuraa sana duba ture itti himuu eegale.

Haleellaa qilleensaa fi haleellaa meeshaalee gurguddaa Israa'el raawwataa jirtu jalaa miliquuf guyyoota 21 darban keessatti maatiinsaa yeroo shan buqqaafamaniiru.

Guyyaa suuraa itti kaafaman sanattis diirooniin Israa'el Filisxeemoonni akka manasaanii dhiisanii bahaniif akeekkachiisuu dhagahan.

''Sagaleen meeshaa waraanaa walitti fufee yoo dhukaafamu ni dhagahama ture. Nutis gara Wiirtuu baqattoota Jaabaaliiyaatti imaluuf kaane'' jedha.

Maatiinis uffata, nyaataa saamsamanii fi qabeenyaa muraasa qabachuun baqachuudhaaf ka'e.

Jalqaba maatiin hundi walumaan imalaa ture. Abbaa Juliiyaa, haadhashee Amaal, daa'ima waggaa tokkoofi baatii sadii -obboleessa Juliyaa Haamzaa, eessummaan lamaafi mucaan eessumma saanii waliin imalaa turan.

Burjaajii keessa Juliyaa fi abbaanshee maatii kaan irraa adda bahan.

Achinis nama yaa'u jidduu imalasaanii itti fufan. Daandiiwwanis wiirtuu du'aa ta'aniiru. ''Reeffii daandiirratti kukkufee mulata. Waanti hundi barbadaa'eera'' jedha Mohaammad.

Waraana daa'imti hedduun ittiin ajjeeffaman sukkanneessaa kana ilaaluun taatee guyyaa daa'immanii ta'e tureerra.

Jumlaan osoo imalaa jiranu uumaticha waliin keellaa sakkatta'insa Israa'el irra qaqaban.

''Loltoota taankiitti fe'amaniifi waraana lafootu ture. Ummata buqqaafamee imalaa tureetti siquudhaan samiitti ol dhukaasuu eegalan. Ummnnis dhukaasicha dhageenyaan wal dhiibuu eegale'' jedha.

Achiinis dhiiroonni uffatasaanii baafatanii akka uffata jalaatiin qofaa taa'an gaafatan loltoonni Israa'el. Loltoonnis badee baleessaa fi meeshaa waraanaa dhokate barbaaduuf jechuudhaan Filisxeemoota qullaa dhaabuun gochaa barame ta'eera.

Keellaa sakkata'insaa kanattis mucaasaa waliin sa'aatii torbaaf to'annoo jala akka ture dubbatta Mohaammad. Suuraa sanarratti Juuliiyaan tasgabbooftee kan ilaalaa turte fakkaatulleen, abbaanshee baayyee dhiphaattee akka turte yaadata.

Erga gadhiifamanii booda ''iyyuu eegalte. Haadhashee akka barbaaddu natti himte'' jedha. Maatii Juuliyaa dabalate namoonni haleellaa Isra'el baqachuuf buqqa'an bakka xiqqoo tokko qaqaban.

Dhumarrattis maatiin wal argan. Walitti dhufeenya maatii kanaa cimaadha. Maatiin Juliyaa buqqa'an gara magaala Gaazaatti yoo imalan battalumatti firoonni walitti qabame. Juliyaanis maatiifi firoota ishee jaalatuun marfamteetti.

Mi'ooftuu fi chiipsii dinniichaatu dhiyaateef. Mucaan xiqqoon waggaa sadii tunis umuriishee kanatti darara hedduu argushee dubbata abbaanshee. Ilma eessumaa baayyee jaalatu Yaahiyaa jedhamu qabdu turte.

Yaahiyaa kan waggaa torbaafi Juuliyaan yeroo baayyee daandiitti bahanii waliin taphaa turan. haata'u malee haleellaa diroonii Israa'el torban lamaan dura raawwatteen Yaahiyaan osoo daandiirra jiruu haleellichaan ajjeeffame.

Ilmi eessuuma Juuliyaa diroon ajjeeffame
Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi eessuuma Juuliyaa Yaahiyyaan haleellaa diroonii Israa'eliin ajjeeffame

''Duraan jireenyi haaluma barameen ture. Asiifi achii fiigdee taphatti turte,'' jedheera.

“Amma garuu erga Yaahiyaan ajjeeffameen booda yeroo dhukaasni dhagahamu hundatti akeektee ‘xiyyaara!’ jetti. Yeroo hunda ijashee ol kaaftee gara diroonii nu irra balali’utti akeekuun nu agarsiifti.”

Haara ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtomaniitti Dhaabbanni Deeggarsa Daa'immanii UNICEF'tti daa'imman Filisxeem 14,00 ajjeeffamaniiru.

''Daa'imman waraana hin beekneen guyyaa guyayadhaan gatii baataa jiru'' jedhu dubbi himaan UNICEF, Joonaataan Kiriiksi.

“Daa'imman ani arge baayyeenis maatii isaan jaalatan haala sukkanneessaa ta'en dhabaniiru'' jedhan.

Akka dhaabbata Biyyoota Gamtomaniitti, Gaazaa keessatti hunda haala jedhamuun, daa'imman gara miiliyoona tokkootti siqan deeggarsi fayyaa sammuu akka isaan barbaachisu tilmaamama.

Daa'imman akka Juuliiyaa lubbuun hafan carroomaniiru jechuun ni ulfaata. Dararaan agarte, maatiin isheen dhabde akkasumas haalli amma keessatti argamtu yaaduun ni cima.

Umuriishee kanatti jireenyi haala naasiisaa ta'en akka darbuufi waa'ee gadda cimaa ni beekti.

Daa'imman maatiitu eegaa ture. Amma garuu haleellaan qilleensaa, dhukaasni meeshaa gurguddaa, beelli fi dhukkubni dandeettii saaniitiin ol itti ta'eera.

Carraan Juliiyaa gara fuulduraa kan carraa irratti murtaa'u ta'a.