Hoggantoonni Hamaas erga ajjeeffamanii booda Gaazaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu maaltu dhorke?

Madda suuraa, EPA
Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar erga ajjeeffameen booda ibsa kan kennan Ministirri Mummee Israa'el Beenjamaiin Netaniyaahuun waraanni Gaazaa ganaa ''hin xumuramne'' yoo jedhan dhagahaman.
Baayyeen ammoo ajjeeffamuun Yaahiyaa Sinaa waraanni Gaazaa dhuma akka argatuuf sababii ta'uu danda'a tilmaama jedhu qabu. Haasaan Netaaniyaahu garuu abdii kana dukkanneessa.
Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Joo Baayidan dabalatee dureewwan biyyoota lixaa du'a Sinwaar sababa xumura waraanaa Gaazaa ni xumura jechuun abdii akka qaban ibsan.
Haata'u malee, taajjabdoonni hedduun dhimmi waraanni Gaazaa waliigaltee nagaatiin xumura argachuu abdii kan qabu hin fakkaatu jedhu.
Israa'elis taatee Hamaas kan walii galtee nagaatiif harkasaanii diriirsan hin fakkaatan.
Israa'el erga Sinwaar ajjeessuu ishee mirkanneessiteen sa'aatiiwwaniin booda ture Netaaniyaahuun ''tarkaanfii guddaa'' jechuun ibsan.
Haa ta'u maleeY, waraannii akka itti fufu kan dubbatan.
Torbanoota darban muraasa keessattis waraanni itti cimaa demaa jira. Waraanni Gaazaa keessatti Haamas waliin gaggeeffamu kan itti cime yoo ta'u, Weest Baanki to'annoo jala jirtu keessatti fi Kibba Libaanos irratti haleellan qilleensaa akkuma itti fufeetti jira.
Haaluma walqabateen garee hidhataa Libaanos Hezbollaa irratti haleellaa raawwatamu cimsee akka itti fufuu beeksiiseera. Deeggartuu Hamaasii fi Hezbollaa kan taatee Iraan ajjeechaa Sinwaar ''miira qabsoo kan kakaasuudha'' jetteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Qindeessaa haleellaa Onkololeessa 7

Madda suuraa, Reuters
Sinwaar namoota Israa'el adda durummaan barbaadan keessaa jalqabarra ture. Haleellaa Onkololeessaa 7, 2023 Hamaasa Israa'el irratti raawwate kan qindeessee isa akka ta'e shakkama.
Hamaas haleellaa kibba Israa'el irratti guyyaa sana raawwateen namoonni 1,200 ta'an ajjeeffamani kanneen 251 ta'an ammoo boji'amuun gara Gaazaatti geeffaman.
Kooleejii Saayinsii SIyaasaa fi Diinagdee Landaniitti Pirofesara quunnamtii addunyaa kan ta'an Faawaaz Gargis dhiheenyatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu ni taasifama jechuun abdii akka qaban BBCtti himan.
Pirofessarri kun dabaluudhaan ''Netaaniyaahuun erga ajjeeffamuu Sinwaar labsanii booda waraanni akka itti fufu dubbataniiru.
Sababiin isaa kaayyoosaanii hin milkeessine. Akka Netaaniyaahuutti yoo ta'e, injifannoon kan dhufu booji'amtoota deebiisuu fi Hamaasiin gutummaa guutuutti barbadeessuudhaan'' jedhu.
'Waraanni Gaazaa hin xumuramne'
Netaaniyaahuun toora miidiyaa hawaasaa X isaaniirratti ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin, ''Sinwaar du'eera. Kunis waraanaa Gaazaa keessaatiif dhuma ta'uu baatuulleen, jalqaba dhumaatii'' jedhan.
Pirofesar Gargis akka jedhaniitti, ''Netaniyaahun jechuu kan barbaadan waraanni kan dhaabbatu Hamaas yoo hidhannoo hiikkate qofaadha. Kana ammoo hidhattoonni garee Filisxeemootaa akka caalaa lolaniif sababii ta'u danda'a.''

Madda suuraa, EPA
‘Fuulduratti waan hedduun’ jijjiirama
Dhaabbata Israeli Strategic Center (ICGS), jedhamu keessatti qorataa kan ta'an Edii Kohaan waa'ee waraanaa Gaazaarratti ilaalcha addaa qabu. AKka jedhaniittis Netaaniyaahuun booji'amtoonni Gaazaatti argaman hiksiisuudhaan alatti kaayyoo biraa qaba.
Netaanihiyaahun akka jedhuuti kaayyoonsaa tokko ''Hamaas gonkumaa Gaazaa akka hin bulchine gochuu bira darbee qaamni kamuu Gaazaa akka hin to'anne gochuudha'' jedhan.
Kohin waraanni gutummaa guutuutti akka dhaabbatuuf karaan qofaa jiru, Hamaas ta'e kan biraa bakka bu'aan Sinwaar egeree Gaazaa irratti akka hin murteessine gochuudha jedhanii amanu.
Qorataan kun itti dabaluudhaan, daangaan Gaazaa Istriip to'annoo jala oolfamnaan meeshaalee karaa seeraan alaatiin karaa daangaatiin galan dhorkuun ni danda'ama.

Madda suuraa, Reuters
Gerges akka jedhutti, Netaaniyaahuun Gaazaa, West Baankii fi Libaanos keessatti waraana gaggeessaa jira jedhu.
"Akkasumas, kana bira darbuun Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam gara waraana kanaatti akka galaniif kaayyeffattee hojjataa jiraachunshee beekamaadha," jedha.
Netaaniyaahuun ibsa ajjeechaa Sinwaariin booda kennanin, ''cuuphaa seexanaa kana dhaabnee egeeree fooyya'aa umuudhaaf carraa olaanaa qabna'' jedhan.
Ministirri Mummee haasaa isaanii kanaan kan dubbiin xuqan gareewwan Iraaniin deeggaramuun Gaazaa, Libaanos, Sooriyaa, Iraaq fi Yaman keessatti argamaniidha.
Ajjeechaa Sinwaarii fi bojii'amtoota Gaazaa
Hoohin Mariin dhukaasa dhaabuu akka hin taasifamneef danqaa kan ta'an Sinwaar turan amantaa jedhu qabu. DHimmi booji'amtoota Gaazaatti argamanitis sababii Sinwaariin irraanfatame tureera jedhu.
''Israa'el Gaazaatti kaayyoo biraa hin qabdu. Haata'u malee boji'amtoonni Gaazaatti argaman gadhiisiisuu barbaadna'' yaada jedhu kennan.
Akka isaan jedhaniitti ajjeechaan Sinwaar waliigalteewwan dhukasa dhaabuu baatiiwwan dhufan keessa gaggeffaman irratti dhiibbaa gaarii qabaachu danda'a.
Koohen haaloonni ''waljalaan ni fooyya'u'' abdii jedhu kan qaban yoo ta'u, dhiheenyattis dhimmi booji'amtootaa deebii ni argata jechuun tilmama isaanii ka'u.

Madda suuraa, Getty Images
Netaniyaahuun Onkololeessaa 2023 buufata TV Ameerikaa NBC jedhamu waliin haasaa taasianiin''nagaa yoo barbaadne Hamaas balleessaa qabna'' jechuun dubbatanii ture.
''Tasgabbii barbaadnaan Hamaas balleessuu qabna. Egeeree Israa'el, Filisxeem akkasuma Baha Jidduugalaatiif jennee Hamaas balleessuu qabna'' jedhan.
Netaniyaahun booji'amtoota harka Hamaasiitti argaman gadi dhiisiisuuf kan danda'amef hunda gochaa kan jiran ta'u himaniiru.
Haata'u malee maatiiwwan boji'amtootaa tokko tokkoo haasaa Netaaniyaahun kana hin amanan.

Madda suuraa, Hostages' Families Forum
Marii dhukaasa dhaabuu
Gargis ministirri Mummee Israa'el danaa siyaasa Baha Jidduualeessaa boca haaraa qabsiisuu akka barbaadan amanu.
Kanaafiidha Sinwaar erga ajjeeffamne boodalleen Netaniyaahuun waa'ee dhukaasa dhaabuu dubbachu hin barbaadan kanan jedhamuuf.
Oggeessi kun akka jedhaniitti, Netaaniyaahuun Hamaas injifachuurra akkasumas deeggarsoota Weesti Baankiitti argaman balleesuufi Hezbollaa injifachuurra Iraan fuldura dhaabbachu barbaadada.
Yaahiyaa Sinwaar, Hamaasii fi waraana Israa'el jidduutti dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra akka hin gahamneef gufuu turan jedhame amanama.
Haata'u malee ajjeechaan Sinwaar waraanni Gaazaa fi qaxanicha keessaa kaan akka dhaabbatu hin taasifne.












