Haleellaa qilleensaa Israa'eliin booda Iraan keessatti maaltuu odeeffamaa jira?

Madda suuraa, ABEDIN TAHERKENAREH/EPA-EFE/REX/Shutterstock
Ergaan miidiyaalee fi chaanaalii oduu Iraan hunda keessa jiranii ifaadha: haallii idileetti deebi'eera kan jedhuudha.
Haleellaa Israa’el raawwattee gadi xiqqeessuuf jecha suuraaleen magaalotaa fi dhaabbileen boba’aa akka duriitti yoo hojjatan mootummaan fedhii guddaa qabu agarsiisan.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ibsa kenneen, Teehiraan weerara biyyoota alaa irraa “mirga ofirraa ittisuu uumamaa qabdi” jechuun labsan.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan haleellaa Sambata kalee ''buufata waraanaa biyyattii hedduu'' irratti raawwatameen ''seera idil-addunyaa fi Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ifatti cabsuu'' jechuun balaaleffateera.
Ministeerichi ''biyyoonni nagaa jaallatan rijinichaa fi isaan alaa'' hundi gocha Israa'el akka balaaleffatan gaafate.
Ajajni ittisa qilleensaa Iraan haleellaa Israa’el eeddoo waraanaa bulchiinsa Tehraan, kan Ilaam fi Khuzestaan irratti raawwachuu mirkaneesse.
Ibsichi haleellaan Israa'el ''ittisa qilleensaatiin haala milkaa'een addaan kutuu'' eeruun, garuu ''bakkeewwan murtaa'an irratti miidhaa murtaa'e'' gahuufi ammatti qoratamaa jira jedhe.
Akka ibsa Raayyaan Ittisa Iraan baaseetti, miseensoonni waraanaa afur ajjeefamaniiru.
ibsi kunis bakka ykn akkaataa du'a miseensoota waraanaa kanneen adda hin baafne. Garuu, halkan darbe osoo "dhukaasa sirna yakkamaa Zaayonistii irraa ittisaa jiranii" ajjeefamuu isaanii qofa mirkaneesse.
Ittisa siiviilii, karaa akeekkachiisa moobaayilaatiin, lammiileen rifachuu irraa akka of eeganiifi akka geessituu shakkisiisaa hin cuqaafneef “oduu hin mirkanoofne akka tuffatan” gorfaman.
Dabalataanis, kutaan saayibarii Eegdota Warraaqsa Islaamaa, suuraan ykn gabaasa lammiin kamiyyuu "miidiyaa diinaatiif" ergu kamiyyuu akka gocha yakkaatti akka ilaalamu labse.
Dhaabbatichi "suuraa ykn gabaasa kamuu miidiyaalee diinaa kan sirna Zaayonsitii waliin hidhata qabaniif erguun akka yakkaatti akka ilaalamu lammiileen itti himameera" jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan keessatti erga warraaqsaan booda, mootummaan haasaa isaa keessatti maqaa ‘Israa’el’ jedhu fayyadamuu irraa of qusachuuf yaalii godhe. Kanarras biyyattii ibsuudhaaf ‘sirna Zaayonsitii’ ykn ‘sirna Quds qabate’ jedhuun ibsa.
Eegdonni Warraaqsaa seeraan, "namni dhuunfaa ykn gareen kamiyyuu kan biyyoota alaa diinummaa qaban waliin karaa kamiinuu Rippabiliika Islaamaa Iraan irratti tumsu, loltuu diinaa yoo ta'e malee, hidhaan waggaa tokkoo hanga 10tu isa mudata" jechuun akeekkachiise.
Dorsiisnii fi daangeffamni jiraatus, BBC Persian lammii Iraan waliin haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwatte booda haala achi jiru ilaalchisuun dubbachuu danda’eera.
Isaanis: “haleellaa misaa’elaa Iraan Israa’el irratti raawwatteen booda guyyoota 21'f Israa'el haleellaa deebii akka raawwatu tilmaamuun diinagdee Iraanii fi nageenya xiinsammuu ummatashee irratti dhiibbaa guddaa geessiseera,” jedhan.
Fayyadamaan BBC kunis waldhabdeen Iraanii fi Israa'el gidduutti uumame bu'aa ''balaa guddaa'' diinagdee fi xiinsammuuti jechuun ibse.
Haqamuu balaliin idil-addunyaa fi gatiin tikkeettii dabaluu kaasuudhaan, gatiin riyaala Iraan gara dhibbeentaa digdamaa gadi bu’uu, gabaa aksiyoonaa dabalatee, agarsiiftuuwwan diinagdee gadi bu’uusaanii hubataniiru.
Ka'umsumaan, haleellaan Israa’el adda durummaan diinagdee Iraan irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, gochi kaleessa galgalaa kun ammoo Iraan irratti “agarsiisa gadi fageenyaa tarsiimoo galmaan ga’uuf kaayyeffachuu” irratti waliigalan.

Madda suuraa, ABEDIN TAHERKENAREH/EPA-EFE/REX/Shutterstock
Madaallii jalqabaa haleellaa Israa’el
Dhaabbileen oduu Eegdota Warraaqsaatti dhihoo ta’an akka gabaasanitti, haleellaan Israa’el iddoowwan hedduu Tehraan, Khuzestaan fi Ilaam irratti raawwatte “laafaa” ta’uu ibsan.
Akka Tajaajilli Oduu Taasniim, kan Eegdota Warraaqsaa waliin hidhata qabutti, Israa’el iddoowwan waraanaa naannolee kanneen keessa jiran irratti xiyyeeffachuuf yaalteen, haleellaan muraasni milkaa’uun miidhaan murtaa'e mudateera.
Haata’u malee, sababa ittisa qilleensaa Iraan fi qophii dursaa taasifteen, “hanga ammaatti dhiibbaan guddaan hin gabaafamne” jedhan.
Ejensichi ''madda odeeffannoo qaban'' wabeeffachuudhaan, gabaasni haleellaan iddoowwan 20 irratti raawwatame jedhu qaama ''duula saayikoloojii'' jedhee waamu ta'uu fi gabaasni xiyyaaronni waraanaa Israa'el 100 ta'an irratti hirmaataniiru jedhus guutummaatti soba jechun ibse.
Maddi kun akka jedhetti, Israa’el bal’ina haleellaashee dadhabaa kan daangaa Iraaniin alarraa madde garmalee guddisuuf akka barbaadde ibse.
Haata'u malee gadi fageenyi miidhaa daangeffamee fi bakkeewwan addaa miidhaman jedhaman irratti miidiyaan oduu kun omaa hin ibsine.
Mata duree Oduu ijoo “Gowwummaa Sirna Xiqqaa” jedhuun, Ejensiin Oduu ISNA akkas jechuun barreesse: “Iraan weerara kamiifuu deebii kennuudhaaf mirga qabduun, gocha Israa’el nageenya biyyarratti fudhattu mamii ykn of duuba deebi’uu malee deebii sirrii ni kenniti.”
Hogganaan Olaanaa Rippabiliika Islaamaa Iraan Alii Khameene ji’a darbe Onkoloolessa 5, ‘dirqama keenya ba’uuf duubatti hin jennu, ariitiins hin hojjenne,'' jechuun dubbatan.
Ibsi kun Barreessaa Olaanaa Hezbollaa Hasan Nasrallaan du’anii torban tokko booda fi duula ‘Waadaa Dhugaa 2’ jedhamuun beekamu guyyaa sadii booda ture kan dhufe.
Halkan Kibxata Onkololeessa 2 bara 2024, Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) ibsa baaseen, du’a Ismaa’eel Haaniyeh, Hasaan Nasrallaa, fi Abbaas Nilforoushaan irratti deebii kennuuf, misaa’ela hayiparsooniikii hedduu gara Israa’elitti dhukaasuu isaa beeksise.
Ergasii as Israa’el haleellaa misaa’ela Iraan raawwatuuf deebii akka kennitu irra deddeebitee ibsaa turte.

Madda suuraa, ABEDIN TAHERKENAREH/EPA-EFE/REX/Shutterstock
'Haalli jiru kanuma idileeti'
Israa'el erga Iraan irratti haleellaa raawwattee as miidiyaaleen biyya keessaa, marii qondaaltota adda addaa waliin taasisaniin, haalli biyyattii gara “idileetti” deebi’uu gabaasaniiru.
Dubbi himaan Ministeera Barnootaa Iraan, manneen barnootaa Iraan hundi Onkoloolessa 27 bara 2024 banaa ta’uu, sochiin barnootaas akkuma barame itti fufee jira jechuun ibsan.
Halkan darbe balaliinsi biyya keessaa fi idil-addunyaa yeroodhaaf addaan cituu hordofuun, daayreektarri Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Imaam Khomeenii, SalamAir, Al Jazeera, Flydubai, fi Air Arabia dabalatee, daandiiwwan qilleensaa biyya alaa muraasni balalii isaanii akka addaan kutan, halkan keessa ykn Dilabata ganama deebiisanii hojiisaanii akka jalqaban eeraniiru.
Akkasums balaliinsi biyya keessaa addaan citee tures rakkkoo tokko malee itti fufuus mirkaneessan.
'Dhaabbileen boba'aa qulleessan hin tuqamne'
Qondaaltonni warshaalee qulqulleessituu bob'aa Tehraan fi Abaadaan, dhaabbileen kunneen haleellaa Israa’el irratti kan hin xiyyeeffatamne fi akkuma barametti hojjataa jiraachu himan.
Dubbi himaan warshaa qulqulleessituu Tehraan “haleellaan dhaabbilee qulqulleessituu kanneen irratti raawwatame hin jiru, oomishnis akka idileetti itti fufee jira,” jechuun mirkaneessan.
Daarektarri warshaa qulqulleessituu Abadaanis Samabta Onkololeessa 26, 2024 irraa eegalee hojiin haaluma idileesaatti kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, hojjettoonnis akkuma barame kutaa isaanii keessatti hojjechaa iraachu ibsan.
Sagaleen jiraattonni dhaga’an kan dhukaasa ittisaa akka ta’ee fi misaa’elli ykn rasaasni kamuu mana qulqulleessituu kana akka hin rukunne, dhaabbileen hundi akka hin tuqamneefi hojiirra akka jiran beeksiisan.
Dubbi himaan opereetota buufata gaazaa, dhiyeessii fi raabsa boba’aa irratti rakkoon omaatu akka hin jirre, buufataaleen akka barameetti hojjechaa akka jiran ibsan.
Itti dabaluudhaanis, buufataalee boba'aasaanii keessatti ''daawwannaan hatattamaa ykn rifaatuu'' omatuu akka hin jirree fi gaaffiin dhiyeessitii sa'aatii 24 darbaniitiis kan guyyoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu daballii guddaa akka hin agarsiifne dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
Gatiin doolaaraafi warqee gadi bu'e
Akkasumas miidiyaaleen Iraanis ciminni maallaqa Iraan -Riiyaal dabaluu gabaasan, ciminnisaa kun itti fufuu dhiisuu danda'ulleen.
Eksipartoonni tokko tokko kufaatii doolaaraa kanaaf maddi haleellaa Israa’el raawwatteefi miidhaa eegame gadi baayyee xiqqaa ta’e geessiseef jedhu. Haleellaan Israa'eliin raawwatamed dadhabaa ta’ee itti dhaga’ame.
Gatiin warqees gadi bu’eera. Saantimni warqee toomaan miiliyoona 5 ol gadi bu’uun toomaan miiliyoona 49 fi kuma 30 kan ga’e yoo ta’u, saantima warqee durii ammoo toomaan miiliyoona 1.6 gadi bu’uun toomaan miiliyoona 47 gaheera.
Akkasumas gabaasaaleen gabaan aksiyoonaa "magariisa" ta'uu isaas kan ibsan yoo ta'u, raawwii hojii gadi bu'aa torban hedduutiin booda bu'aa muraasa agarsiiseera.












