Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giriikittti erga balaan baabuuraatiin namoonni heddu du'anii booda hogganaan buufatichaa to'ataman
Kaaba Giriikitti baaburri geejibaa lama walitti bu'uun yoo xiqqaatee lubbuun namoota 36 darbee, namootni hedduun ammoo madaa’uu isaanii, tajaajili yeroo balaa himeera.
Baaburri imaltoota 350 ta’an fe’ee ture tokko yeroo baabura meeshaa fe’ee turetti walitti bu'ee lubbuu galaafate.
Tola ooltonni halkan guutuu namootaa yeroo balaa naannaa magaalaa Larisaatti uumametti miidhaman gargaaraa turan.
Viidiyoon miidiyaalee biyyattiin gadhiifame bakka balaa kanaatii aarri guddaan yemmuu ka’u mul’isa.
Qondaaltonni ittisa ibiddaa 150 ta’anii fi ambulaansiin 40 bakka kanatti argamuun hojjechaa akka jiran, tajaajilli ittisa ibiddaa ibseera.
Baabura imaltootaa magaalaa Tesalonqiifi Larisaa gidduu imalu kana waliin akkamiin baaburri inni tokko akka walitti bu’e ammallee ifa miti.
“Naasuutu ture. Gara sakandii 10 ykn 15’f jeequmsatu ture. Namootni kukkufaa turani, ibiddi jira, foddaan caccabeera, namni hin iyya, namootni kaan danqamaniiru,” jechuun baaburichaan imalaa kan ture Istergiyoos Minenis dubbateera.
“Akka kirkira lafaa ture,” jechuun imalaan biraa Anjeloos Tisiyamowaas miidiyaatti hime.
Imalaan biraa Lazoos jedhamu gaazexaaa Protothema jedhamutti akka himetti, balaan kun mudannoo “guddaa rifachiisaa” ture.
“Ani ofiikoo guddaa hin miidhamne garuu dhiiga namoota biroo naannoo kootti miidhamaniin laaqameen ture.”
“Balaa baay'ee cimaa ture,” jechuun bulchaan naannoo Tesaalii, Koostaas Agorastoos, miidiyaa biyyatti himuu eeruun AP'n gabaaseera.
“Kun halkan hamaadha… wanta bakka balaa kana jiru ibsuun baay'ee cima.”
Hojjettoota lubbuu baraaraniif haalli jiru “baayyee rakkisaa” ta’uu dubbi himaan tajaajila ittisa ibidda Vasaalis Vartakoyinis dubbatan.
“Hojiin namoota achi baasuu adeemsifamaa jira, sababa hameenya balaa baabura lameeniin haalaa cimaa uumame keessa hojiin kun adeemsifamaa jira,” jechuun himan.