Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa xiyyaara Neeppaal imaltoota 72 qabate keessaa kan lubbuun hafe waan jiru hin fakkaatu jedhame
Xiyyaara Neeppaal imaltoota 72 qabatee dhiheenya buufata Xiyyaara Neeppaaliitti kufee caccabuu keessaa abdiin nama lubbuun hafee argachu akka hinjirre poolisiin biyyatti hime.
Dubbii Himaan poolisii Teek Piraasaad Rayi BBCtti akka himaniitti gareen lubbu baraarsitootaa bakka balaan itti qaqabe irraa reefa kaasaa jiru.
Balaa Wiixata kaleessaa ganama qaqabee kanaan yoo xinnaatee reeffii namoota 68 argamu qondaaltoonni beeksiisanii turan.
Xiyyaarri balaliinisa Daandii Qilleensa Yeti ta'e kunis Kathumandu irraa gara magaalaa hawwata turistii kan taatee Pokhaaraatti balali'ee qubachuuf osoo jiruu ibiddi itti qabate.
Warraabbiin viidiyoo miidiyaalee hawaasaarratti qodaman akka mulisaniitti, xiyyaarichi osoo kufee hin cacabiin dura naannoo ummanni itti baayyatu irra bayyee gadi dhiyaatee balalii'aa ture.
Lammiilee biyya biraa 15 dabalatee imaltoota 68 fi hojjattoota xiyyaarichaa afur keessa turan jedhame.
Looltoonni biyyatti dhibbaan lakkaa'aman bakka xiyyaarichi itti kuufeefi kan buufata qilleensichaa irraa fageenya kilometira tokkoofi wallakkaa irratti argamun yoo namni lubbuun hafe jiraate yaalii taasisaa jiru.
Viidiyoowwan bakka xiyyaarichi itti kufee waraabamanis aara gurraachaafi cacabaa gubatee agarsiisu.
''Reeffa baayyee baasuuf abdannee hojjataa jirra'' jecha dubbii himaan waraana biyyatti yoo Rooyitarsiitti dubbataniitti. Itti dabalunis xiyyaarichi garmalee cacabu dubbatan.
MM biyyattii Pushpaa Kaamaal Daahaal kaabinee isaa walgahii ariifachiisaaf waamuun, eejjansiiwwan mootummaa akka oppareeshinii baraaru keessatti hirmaataniif gaafatan.
Imaltoota keessaa 53 lammiilee Neeppaal jedhaman. Lammiileen Indiyaa shan, kan Raashiyaa afur fi lammiileen Kooriyaa lama xiyyaaricha keessa turan.
Akkasumas imaltoonni biyya Ayirlaandi, Arjeentiinaa fi Faransaayi tokko tokko xiyyaaricha keessa turuunsaanii himameera.
Neeppaaliitti sababii rakkoo bakka qubannaafi jijjirama haala qilleensaa akka tasaa mudatuutiin balaan xiyyaaraa waan hin baranme miti.
Kanaan dura balaa xiyyaaraa daandii Qilleensaa Taaraatiin Caamsaa 2022 keessa kaaba biyyattii bulchiinsa Mustaang keessatti mudateen namoonni 22 du'aniiru.
Akkasumas jalqaba bara 2015tti, xiyyaara Dhaakaa irraa gara Baangilaadishitti ilamaa ture erga ibiddi itti qabachuun Kaattnaandu keessa qubateen booda namoonni 51 du'un ni yaadatama.