Dubartii Itoophiyaa akkaataa kaansarii harmaa mo'achuun danda'amurratti fakkeenya taate

Aaddee Yewerqiwuhaa

Taateen kun kana mudate ALI bara 1991 ykn wagga 25 duradha. Garaajii maatii bulchaa kan turan Aaddee Yewerqiwuhaa Takastee yeroos nama umuriin wagga 42 turan.

Abbaansaanii dhukkubsatanii waan turaniif yeroosaanii baayyee hospitaalaatti akka dabarsan yaadatu. Achinis osoo guyyaa tokko abbaasaanii bira taa’anii jiranii harmasaanii bitaarratti dhukkubbuunii daqiiqaaf itti dhagahame.

Nahanii harmsaanii yoo qabatanis waan akka cirrachaa wayi itti dhagahame. Guyyaa itti aanuutti osoo biiroosaanii keessatti gaazeexaa dubbiisaa jiranu, beeksiisa hospitaala ‘‘harmi itti qoratamu’’ jedhu arganii dhukkubbii guyyaa tokkon dura itti dhagahame yaadatan.

Aaddee Yewerquwaan sirna nyaataa fayya qabeessa hordofuufi sochii qaamaa taasisuun yaalu turan.

Achinis guyyaa itti aanu gara hospitaala beeksiisa irratti arganii deemuun qoratamu eegalan.

Hakimiinis wanti mul’atu jiraachuu ibsuun gara oggeessaatti ergan. Boodas harmasaanii irraa saamudni qorannoof fudhatame.

Bu’aan qorannichaas ‘‘dhiitoo malignant’’ jedhamu jiraachu agarsiise. Isheenis ‘‘maali jechuudha? Maaliidha inni?’’ jedhanii gaafatan sababii isaan dura waa’ee kaansarii hin beekneefu.

Innis dhiitoo kaansarii balaafamaa fi saffiisaan qama keessa babalachuu danda’u waan ta’eef atattamaan wallaansi akka barbaachisu itti himame.

Dhugaa jiru fudhachu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aaddee Yewerkiwuhaan ‘maaltu ta’uu qabaata?’ jedhanii gaafatan. Yoo harmi dhukkubichi irratti argame muramee akka hin tamsaane taasifameefi qoricha yoo fudhatan fayyuu akka danda’an itti himame.

“Akkasii? Kun rakkoo maali qabaree?’’ deebii jedhu akka kennan yaadatu. Akka turu waan hin barbaadneef hakiima isaanii bira deemuun ‘‘guyyaa harmikoo itti muramu natti himaa’’ jedhan. Hakimiichi garuu jalqaba maatii walin akka mari’atan itti himan.

‘‘Harma kan naaf kenne Waaqa malee maatii miti‘‘ jechuun yeroo fudhachu akka hin barbaadne himan. Booda garuu abbaa warraasaaniitti himan. ‘‘Miirasaa waanan hin beekneef akkuma salphaattan itti hime jedhu.

Booda abbaan warraa saanii gar malee nahuun atattamaan gara biyya Ameerikaa deemanii akka wallaanaman gaafachu kaasu. Ijoolleensaanii Ameerikaa jiran haala mijjeessuufii itti himamulleen deemuu didan.

Isaan irra abbaan warraa saanii nahanii akka turan kaasuun, haamlee cimaa qabaachuun barbaachisaa ta’u kaasu.

Guufa mana yaalaa wallaansaaf seenaniitti maatiin miira gaarii akka hin qabne, isheen garuu haala tasgabbaa’aa keessa turuu dubbatti.

Achinis hospitaala seenanii guuyyaa tokkoon booda harmisaanii bitaa erga irraa murameen booda guyyaa lamaaf ciisanii turan.

Guyyaa sadaffaarratti ofumaan konkolaataa saanii kaafachuun mana akka galan dubbatu.

Wallaansa kaansariifi jiruu idilee

Wallaansi itti aanuu keemoo teeraappii fudhachu ture. Innis mala wallaansaa keemikaala cimaatti fayyadamuun seelii kaansarii qama keessatti babalachuuf jedhu kan ajjeessuudha. Innis kaansarii gosa baayyee wallaanuuf oola.

Wallaansi isaa baayyee cimaa akka ture yaadatu. Wallaansi keemooteeraappii kunis turban sadiin guyyaa Jimaataa fudhatama. Ta’us sababii wallaansa kanaatiin hojii idleesaanii akka hin dhaabne dubbatu.

Namoonni muraasni wallaansa walfakkaataa yoo fudhatan baayyee waan itti ulfaatuuf akka boqatan kan gorfamu yoo ta’u, namoonni hojjachu danda’aniif ammo xiyyeeffannaasaanii dhukkubichaarraa kaasuun akka hojjiirra taasisaniif akka gargaaru himama. Haalli kunis Aaddee Yewarqiwuhaaf dhugaa ture.

‘‘Hojii anaaf lafa ddhokannaa koo ture. Achii yoo deemee omaa hin yaadadhu. Nan hojjadha, nan dadhaba, galeen rafa, baqqaa.’’

Wallaansa keemoo egalamnaan jijjiramni qaamaa akka jiraatu ‘‘hakimii koo natti himee ture,’’ jettti. Fakkeenyaaf rifeensi ni harca’a naan jedhan garuu ana kun na hin mudannee ture jedhu.

Jalqabarratti fedhii nyaataa dhabanii waan turef huqqachu yaadatu. Boodas wallaansicha akkuma xumuraniin gara sochii qaamaa duri hojjataniitti deebii’u himu.

Haala soorataa fayyaa qabeessa hordofuu, sochii qaamaa dhaabbataa taasisuu fi boqonnaa gahaa argachuun dhiphina wallaansi dhukkuba kaansarii hordofsiisuu danda’u fi dadhabbii to’achuuf ni gargaara jedhu.

Eenyuutti himamaa?

Dhukkubsatoonniifi wallaanamtoonni kaansarii haala keessa jiran eenyuutti himuu akka qaban kan murteessan ofiisaaniti. Qophaa’oo ta’u baannaan eenyuttuu himuu dhiisuu danda’u.

Aaddee Yewarquwaan kaansarii dhukkubsatanii akka turan kan beekan namoota muraasaa qofaa turan. Isaanis abbaa warraa fi ijoolleesaanii qofaa turan.

“Haatiikoo, abbaankoo fi obbooleessikoo hin beekan turan’’ jedhu.

‘‘Wallaansa aadaatiin nama kaansarii irraa fayyee dhagahe hin beeku. Maaa’ee, babadee, akkas ta’e yoo jedhaniin dhagaha. Sababii madaa ta’ef hanguma yeroo kennituuf itti bal’ataa adeema.

‘‘Akkasumas erga wallaansa Habashaa deemaniin booda deebii’anii wallaansa ammayyaa dhaqansi namoonni hin fayyine jiru’’ jechuun ibsu. Akka wallaansa Habashaa hin deemne yoo gorsanis, ‘‘Duutiilleen duutii nagaa jira. Namni dararamee du’uu hin qabaatu’’ jedhu.

Kana yoon jedhus, ‘‘wallaantoonni aadaa hundi omaa hin beekan jechuu osoo hin taane, ofii koof nan sodaadha’’ jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Wallaansaan boodas namoota dhukkuba kanaan dhukkubsatan waliin wal arganii dhimmicharratti yaada wal jijjiruu eegalan.

Muxannoonni bunaafi shaayiidhaan eegalame kunis cimaa adeemuun, torbaniitti al tokko guyyaa Sanbataa kiliniikii hiriyaasaanii tokko deemuun, ‘‘namoota akka keenya dhiphatan maaliif hin deeggarre?’’ yaada jedhu dhiyeessan.

Dhukkubsattoota kaansarii walitti qabuun cimaa ture. Aaddee Yewerquhaanis hayyamaammoo ta’uun bobba’an.

Ta’us namoonni ‘‘dhukkubsachuunsaanii akka beekamu hin barbaadne hedduutu jira. Kun mataansaa dhibeedha,’’ jechuun dhukkubsattoonni baayyeen hayyamamoo akka hin turre himan.

Namoota tokko tokko amansiisuuf harmasaanii murame hanga agarsiisuutti akka qaqqaban yaadatu.

Haala akkasiitiin waldaan Kaansarii Itoophiyaa dhaabbachuuf bu’urri kaa’amu himu.