MM Finlaand mana jireenyaasaaniitti dubartoonni qullaa suuraa kaanaan dhiifama gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Finlaand Saanaa Maariin manasaaniitti dubartoonni lama mudhii ol qullaa suuraa ka'uun erga mul'atanii booda dhiifama gaafatan.
Dubartoonni lameen mudhii olitti qomee osoo hin kaa'atanii fi osoo waldhuungatanii suuraa ka'an kunneen namoota bebbeekamoodha.
Hiriyoonni Ministira Muummee kanaa wayita mana qondaala kanaatti affeeramana ture suuraa kana kan ka'an.
Ministirri Muummee kun tibba darbes erga wayita isaan shubbisan viidiyoon mul'isu gadhiifamee booda akkaan qeeqamaa turan.
Qoricha sammuu hadoochu fudhachuun shakkamanii qorannoon irratti taasifamus garuu bilisa ta'aniiru.
Alanas suuraan dubartoota bebbeekamoo kunneenii miidiyaa hawaasummaarratti akkaan qoodameera.
Ministirri Muummee kun ''suuraaleen kunneen fudhatama kan qaban miti,'' jedhaniiru.
Dubartoonni kunneen wayita Ministirri Muummee kun Adoolessa darbe sagantaa bashannanaa qopheessan suuraa kana ka'uu ministirri muummee kun ibsan.
Suuraa kanas mana fincaanii keessummootaaf qophaa'e keessatti ka'an.
Sagantaa qophaa'e tokkorratti osoo shubbisanii kan argaman Ministirri Muummee Finlaand kun, miseensota paartiisaanii fi mormitootaan akkaan qeeqamaniiru.
Sagantaa bashannanaa kanarratti dawaa sammuu hadoochu fayyadamuu hin hafan jechuun kan shakke gameessi siyaasaa tokko, akka qorataman gaaffii dhiyeesse.
Ministirri muummee kun dhugaatii alkooliin machaa'uurraa kan hafe dawaa sammuu hadoochu akka hin fudhannee fi fudhataniis akka hin beekne falmaniiru.
Qorannoo taasifameen bilisa ta'uunsaanii mirkanaa'eera.












