'Tiippii' kennuu ilaalchisee biyyoota garaa garaa keessa ilaalcha akkamiitu jira?

Dolaara Ameerikaa

Madda suuraa, vinnstock/Getty Images

Biyyoonni addunyaa kun karaa ittiin galata namaaf dhiyeessan ykn nama jajjabeesan barsiifata garaa garaa qabu.

Biyyoota tokko tokko keessatti shaayii, buna, nyaata ykn tajaajila biroo fayyadamtanii tajaajila argattanitti gammaduu keessan agarsiisuf nama isin tajaajileef 'tiippii' kennuun baramaadha.

Biyyoota kaan keessatti ammoo safuudha. Mee biyyoota shan fudhannee akkaataa itti 'tiippin' kennamuufi hammam kennuu akka qabdan gorsa muraasa haa ilaallu.

UStti hojjattoonni dhaabbata Apple Store tiippii gaafachuuf akka jiran oduun erga dhagaamee booda, tiippin kennamuu qabaafi hin qabuurratti falmiin kaasee jira.

Kaaba Ameerikaatti namoonni heddu maqaa tiippitiin saamichatu gaggeeffama jedhu.

Waa'ee tiippirratti addunyaarratti namoonni yaada wal-fakkaataa hin qaban.

Dhiyeenya kana Ispeenittis falmiin wal-fakkaatan ka'eera.

Faransaayitti ammoo "kan tajaajilaa" jedhama. Nagahee isiniif dhiyaaturratti "kan tajaajilaa dabalameera" jennaan "tiippin nagaheetti dabalameera" jechuudha.

Biyyoota Baha Eshiyaa keessatti ammoo tiippin jiraachuu dhabuun mallattoo kabajaati.

Falmiin waa'ee tiippii kennuu waan waggoota heddu dura tureedha. Maa biyyoota muraasa fakkeenya fudhannee aadan tiippii kennuu maal akka fakkaatu haa ilaallu.

Jaappanitti keessummeessituu

Madda suuraa, AzmanL/Getty Images

Jaappaan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jaappan addunyaarratti biyyoota duudhafi safuu eegun beekaman keessayi. Duudhaa hawaasaa kabajuun jireenyasaanii guyyaa guyyaa keessatti mul'ata. Aartii isaanii keessattis akkasuma. Karaarra deemaa hin nyaatin; geejjiba uummataa keessatti callisi; quba namatti hin qabin; bakka namni jirutti furrii hin fudhatin kan jedhan fa'aa aadaa isaanii keessa jira.

Akkasumas Jaappanitti tiippii namaa kennuu jechuun akka arrabsootti ilaalama. Aadaa isaanii keessatti tajaajila tiippii irraa bilisaa namaa kennuun baramaadha. Kanaaf, Jaappaanitti tiippii kennuun safuu cabsuudha.

Jaappanitti mana nyaataa ykn hoteela seentanii nama isin tajaajileef tiippii dhiistanii yoo baatan, namni alattillee yoo ta'e isin duuka fiigee qarshii keessan isiniif deebisa.

Namoonni baay'en Jaappanitti namoonni gaafa tajaajila kennan tiippii malee itti tolee akka hojjatan hin beekan. Mana nyaataa seentanii nyaata erga nyaattanii booda, nama isin keessummeesse sanaaf tiippii kennuu osoo hin taane, 'oyishikaataa' (baay'ee mi'aaya) ykn ammoo 'gochiisoo saamaa' (nyaata mi'aayu waan naa dhiyeessiteef galatoomi) jechuu qofatu isinrraa eegama.

Jaappaanitti tajaajila namaa kennuun ykn nama keessummeessun ofitti boonanii hojii ofii hojjachuu agarsiisa. Namni maalif tiippii naaf kennuu didde jedhee isin komatu dhiisatii yoo kennitanuu "Ee nan bade nu qaanessite, safuu keenya cabsite" jechuun qarshii keessan isiniif deebisa.

Jaappaanitti tiippii kennuun haal-duree tokko qofa keessatti hayyamama. Innis, mana keessuummaaf qophaa'e keessatti keessummaan tiippii kaa'ufii ni danda'a- sanaayyuu nyaanni sun gaarii yoo ta'e ykn tajaajila sanatti yoo gammaddan qofa. Qarshii tiippii sana harkatti kennamaaf osoo hin taane waan akka xalayaa keessa godhamee nama isin keessummeesse sanaaf keessanii baatu jechuudha.

Nama hirkatee dhaabbatu

Madda suuraa, Credit: Travel/Alamy

Masirii

Biyyooya Kaaba Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa Kibbaa keessatti yaanni 'baaksheesh' ykn maallaqa xiqqoo akka kennaatti namaa kennuun baramaadha. Namoonni karaarratti, konkolaataa keessatti ykn mana nyaatatti "mee qarshii xiqqoo naa kenni" isiniin jechuu danda'a. Naanna'ee tiippii jechuudhuma.

Akka hin taanetti yoo hiikame ammoo 'kadhachuu' ta'ee ilaalama. Amantaa Islaamaa keessatti hiyyeessaf kennuun akka akka utubaawwan amantii Islmaa shanan keessaa tokkootti ilaalama.

Masirittii maallaqa xiqqaa bifa kanaan namatti hiixachuun baramaadha- hojjattoota mana nyaataa, konkolaachiftoota taaksii, kanneen turistootatti daandii agarsiisaniifi hojjattoota hoteelaf, warra karra eegan, mana siree qulqulleessan fa'aaf kennuun waanuma jiruudha.

Chaayinaatti yeroo namni keessumsiifamu

Madda suuraa, dowell/Getty Images

Chaayinaa

Magaalota Chaayinaa gurguddoo kanneen akka Beejing, Shaangaayi fa'aa keessatti tajaajila argattaniif galatoomi jettanii tiippii nama isin keessummeessef kennuun eegamaa miti. Biyya teeknolojiin akka malee dagaa jirtu Chaayinaa keessatti namni tiippii isin irraa eegu hin jiru. Inumaayyuu tiippii kennuun yeroo tokko dhorkaa ture.

Duudhaa Chaayinaa keessaa tokko "namni hunduu wal-qixa, eenyuyyuu hojjataa (servant) eenyuu miti" kan jedhuudha. Kana jechuun tokko isa kaan irratti olaantummaa agarsiisun safuudha jechuudha.

Garuu hoteelotafi reestorantiiwwan maamila baay'ee hin qabne keessatti tiippii kennuun inuma jira. Turizimiin Chaayinaa guddataa deemufi aadan biyyoota lixaa Chaayinaatti baramaa dhufuun ilaalcha tiippii kennuu dur safuu ture amma akka jijjiiramaa deemu gochuun hin oolle.

Ta'ees garuu, ammayyuu Chaayinaa keessatti tiippif harka namaa ilaalun baramaa miti.

Dolaara Ameerikaa

Madda suuraa, Thomas Winz/Getty Images

Ameerikaa

Tiippii fudhachuun US keessatti aadaa baramaadha. Akka UStti biyyoonni tiippii kennuun baramaa itti ta'e muraasa. UStti tiippii kennuus ta'ee fudhachuun sammuu hawaasaa keessatti hundee fageeffateera. Lammiilee biyya biraa ykn turistota gara US deemaniif yeroo baay'ee kun qormaata.

Tajaajila tokko argattanii nagaheen kaffaltii gaafa isiniif kennamu tiippii dhibbeentaa 20-25 itti dabalamee arguun baramaadha. Kana ammoo 'tiipinfileeshinii' jechuun kan komatan danuudha.

Hangi tiippii kennamuufi akka kennitan isinirraa eegamus UStti baay'ee dabalaa dhufeera. Keessumaaa karaa onlaayinii tiippii kennuun ammoo rakkoo kana wal-xaxaa taasiseera.

Hojjattoonni mindaan isaanii gadaanaa yoo ta'eefi tiippii guyyaa guyyaan argatan irratti jireenyi isaanii hundaa'a ta'e, buufataalee boba'aatii kaasee hanga wiirtuwwan Itaarbaaksi fa'aatti waan gurguran irratti kaffaltii tajaajilaa (service charge) dabaluun kaffaltii hojjattoota isaanii ol-kaasun baramaa ta'eera.

"US biyya kam caalaa aadan tiippii kennuu kan keessatti dagaageedha," jedha daayirektara dhaabbata Knightsbridge Circle jedhamuu kan ta'e Piitar Andersan.

"Dhiyeenya kana magaala Niwu Yoorkitti bishaan qaruura tokko bitadheen, yeroo laffaltii kaffalu tiippii gaafatame. Bishaan ofii kootii dhaqee fudheen iddoo itti kaffalan dhaqee kaffale. Garuu, tiippii 20% akka dhiisutu narraa eegama. Bakka baay'etti hojjataa mindaa gadi aanaa argatuuf mindaasaa kaffaluun maamila irratti baasii dabalataa fe'uu jechuudha," jedha.

Ammas taanan, UStti tiippii kaffaluun fedhiirratti kan hundaa'edha.

Deenmark

Madda suuraa, Alexander Spatari/Getty Images

Deenmaark

Biyyaa wal-qixxummaan itti kabajamuufi adunyaarratti biyyoota lammiilensaanii gammachuun jiraatu jedhaman keessaa Deenmark tokkoodha. Namoota biraatti gaarummaafi arjooma agarsiisun beekamtis jedhama.

Haa ta'u garuu lammiilen Daanish tiippii hin kennan jedhamuun hamatamu. Sababni isaan tiippii hin kennineef waa lama: tokkoffaan, lammiilen biyyattii GDP biyyaattii olaanaa ta'erraa fayyadamoodha. Addunyaarraa biyya qoodimiinsi diinagdee haqa ta'e qabduudhas.

Kana jechuun hojjattoonni, konkolaachiftoonni taaksiifi hojjattoonni kaan galii tiippii irraa argatanirratti hundaa'u miti.

Tiippii kennuufi fudhachuun aadaa Deenmaark ta'uu baatus, biyyoota Iskaandineeviyaanii keessatti qarshii maranii "galatoomi" jechuudhaf namaa kennuun cubbuu miti.