Dureen Shi'aa Iraaq siyaasa keessaa of baasuu hordofee hookkara ka'een 23 du'an

Madda suuraa, AHMED JALIL/EPA-EFE/REX/Shutterstock
Dureen warra Shi'aa Iraaq, gameessi siyaasaa Moqtada al-Sadr siyaasa keessaa of baasuu isaa labsuu hordofee deeggartoonni isaa magaalaa Bagdaad keessatti jeequmsa kaasan irratti yoo xiqqaate lubbuun namoota 23 darbeera.
Hiriira kanarratti dhukaasi meeshaa waraanaa fi rookeetiiwwanii dhagahamaa ture.
Deeggartoonni duree amantii Muslimoota Shi'aa kun humnoota nageenyaa fi milishoota Iraan biraa deeggarsa qaban waliin walitti bu'aniiru.
Aab Sadr deeggartoonni isaa bakka torbanootaaf itti hiriira mormii gaggeessaa turan, fuuldura gamoo paarlaamaa biyyattii, gadhiisanii akka deeman ajajaa ture.
Iraaq erga filannoo bara 2021 gaggeessitee nagaa dhabdee jirti, filannochis qixa sirrii ta'een hin xumuramne.
Hookkarri kun kan eegale Wiixata kaleessaa wayita dureen amantaa kun dirree siyaasaa keessaa of baasuu labsaniidha.
Namni amantii fi siyaasaa kun filannoo Onkoloolessa bara darbee gaggeeffamerratti gareesaa waliin ta'uun teessoo argatee ture, garuu garee kaan waliin ta'uun mootummaa hundeessuurratti waldhaban.
Gareen inni ittiin waldhabe garee olaantummaa qabuu fi mootummaa Iraan irraa deeggarsa guddoo qabuudha.
Aab Sadr yeroo tokko michuu Iraan ture, boodarra garuu Iraan fi US dhimma keessoo Iraaq keessa seenuurraa of qusachuu qabu jechuun ejjennoosaa mul'iseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amma lolli kan gaggeeffamaa jiru milishaa Aab Sadr-Riqicha Nageenyaa(Peace Birigdes) jedhamanii, Milishaa Iraaniin deeggaraman fi humna nageenyaa Iraaq gidduutti.
Hookkarri irra jireessaan naannawa manneen jireenyaa qondaaltota mootummaa fi imbasiiwwan jiranitti.
Sababa hookkara kanaa Iraan daangaa Iraaq waliin qabdu cufteetti, Kuweet ammoo lammiileenshee hatattamaan akka Iraaq gadhiisanii ba'an ajajjeetti.
Walitti bu'iinsa kanarratti kanneen ajjeefaman hunduu deeggartoota Sadr ti. Dabalataan namoonni 380 ta'anis madaa'aniiru jedhan ogeeyyiin fayyaa Iraaq.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii jeequmsa Iraaq keessatti mudate kanaan akkaan yaadda'uun, ''hatattamaan dubbiin akka qabbanaa'u,'' gaafateera.
Ga'eessi umrii waggaa 48 Moqtada al-Sadr waggoota kurna lamaan darbaniif siyaasa Iraaq keessatti, akkasumas ammoo hawaasa biyyattii biratti nama kabajaa fi jaalala guddaa qabu ture.
Deeggartootaa fi jaallattoota miiliyoonaan lakkaa'amanis horateera.
Deeggartoonni isaa hiriira ba'an hedduun Wiixata kaleessaa (Hagayya 29, 2022) irraa eegalanii masaraa mootummaatti seenanii jiru.
Hedduunsaanii osoo bakka bashannanaa mooraa masaraa pireezidantii biyyattiitti bashannanii, kaan osoo bishaan daakaniifaa mul'atan.
Akkaataa hookkarri kun itti babal'atee fi mufannaan uummataa kun biyyattiin akka biyyaatti itti fufuuf kan yaaddessu ta'uu UN dabalatee qaamoleen idil-addunyaa hedduun ibsaa jiru.












