Mormitoonni Siri Laankaa masaraa mootummaa weerarraan pireezidantiin aangoo gadhiisuuf

Madda suuraa, Getty Images
Erga mormitoonni masaraa mootummaa isaanii weeraruun mana jireenyaa ministira muummee abiddaan gubanii booda Pireezidantiin Siri Laankaa Gotabaya Rajapaksa aangoo gadhiisuuf akka jiran beeksisan.
Yeroo balaan kun mudate qondaaltonni lameenuu mana keessa hin turre.
Rakkoo bulchiinsa diinagdee mormuun ji'ootaaf sagalee dhageessifataa kan turan mormitoonni, dhumarratti kumaa kitilaan walitti ba'uun gara magaalaa guddittii Kolombootti duuluun manneen qondaaltotaa fi masaraa mootummaa weeraran.
Pireezidant Rajapaksa akka aangoo gadhiisus sagalee olkaasuun gaafatan.
Pireezidantichi Adoolessa 13, 2022 akka aangoo gadhiisan ibsaniiru. Ministirri Muummee Wickremesinghe gamasaaniin aangoo akka gadhiisan ibsaniiru.
Afa-yaa'iin paarlaamaa biyyattii pireezidantichi aangoo gadhiisuuf kan murteessaniif, ''karaa nagaan aangoon akka darbuufi,'' jedhan.
Uummanni olaantummaa seeraa kabajuu akka qabus gaafatan.
Murteen pireezidantichaa miira gammachuu olaanaan simatameera, magaalattiin gammachuu mormitootaan goolamteetti
Taatee Sambataa booda hooggantoonni US mootummaan Siri Laankaa qixa sirrii ta'een gaaffii lammiileef deebii akka kennu gaafataniiru.
Siri Laankaa rakkoo diinagdee waggoota 70 darban ishee mudatee hin beekneen raafamaa jirti.
Biyyattiin yeroo ammaa midhaan nyaataa, boba'aa fi qoricha biyya alaatii galchiti.
Hiriirtonni ji'ootaaf sagalee mormii dhageessisaa turan kunneen rakkoon diinagdee hanqina bulchiinsa gaarii irraa madda jedhu.
Aarii kanaan erga dhaadannoosaanii dhageessifatanii booda masaraa mootummaa fi manneen qondaaltotaatti cabsanii seenan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mormitoonni kunneen kutaa jireenyaa pireezidantichaatti seenuun baacaa fi bashannanaan keessa imalaa turan, darbaniis bakka bishaan daakkii pireezidantichaatti darbuun bishaan daakaa turan.
Hiriirtonni kunneen gola pireezidantichaa hunda erga seenanii sakatta'anii booda jireenya qananii manicha keessa jiruu fi waan uummanni miiliyoona 22 ta'u keessa jiru walbira qabuun akkaan mufatan.
Pireezidantichi mormiin wayita itti cimu waan qaban guurratanii manicha gadhiisanii ba'aniiru.
Kan qe'ee gadhiisanii badan Jimaata darbe yoo ta'u, yeroo ammaa eessa akka jiran BBCn hin qulqulleeffanne.
Mormitoonni mana jireenyaa Ministira Muummee handaara magaalaa guddoo Kolomboo jirus abiddaan gubaniiru, garuu isaanis mana keessa hin turre.
Ministirri Muummee akka aangoo gadhiisuuf jedhan beeksisanii turan, akkuma viidiyoon ibsa isaanii mul'achuu eegaleen ammoo manni isaanii gubachuun dhagahame.
Ministirri muummee kun bulchiinsa paartii hunduu keessatti bakka bu'ummaa walqixaa argatu hundeessuuf jecha aangoo akka gadhiisan ibsanii turan.












