Ministirri fayyaa Austria 'dadhabeera' jechuun aangoo gadhiisan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri fayyaa Ostiriyaa [Austria] sababa dadhabbiitiin aangoon gadhiisa jedhan.
Namni ganna 60 Rudolf Anschober, Amajjii 2020 keessa biyyattiitti weerara Covid qolachuuf jecha muudaman.
''Rakkoo fayyaa baroota keessatti nu mudate kanaaf, biyyi keenya ministira fayyaa %100 jabaa tahetu ishee barbaachisa,'' jechuun rippoortarootatti himan. ''Namni sun ammoo ana miti.''
Gaheessi kun waan jedhan, ji'ootni 15 bakka kana qabatanii turan ''waggoota 15 natti fakkaatan''.
Chaansilarri biyyattii Sebastian Kurz, qondaalli kun ''biyya keenyaaf aarsaa kaffalan,'' jedhan.
Namni bakka Aabba Anschober bu'an kan baraman oggaa tahu, doktora fayyaa fi miseensa Paartii Giriin kan tahan Wolfgang Mückstein jedhamanidha.
Barsiisaa kan turan Aabba Anschober guyyaa Kibxataa ibsa miidiyaaf kennaniin: ''Hojii hedduun hojjedhe, guddoon dadhabe,'' jedhan.
Rakkoo fayyaa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa fi hanga sukkaaraa dhiiga keessaan rakkachaa akka turan himaniiru.
''Weerara kan keessa, namuu dogongora irraa bilisa miti,'' jechuun hojii mootummaan hojjette himan. ''Akkan yaadutti dogongorri jiraatus, biyya kanatti waan baay'etu hojjetame.''
Pireezidantiin Ostiriyaa Alexander Van der Bellen qondaala kanaan galateeffatan - ''maqaa Rippablika kanaatiin akkasumas kootiin, hojii ati yeroo weerara dadhabsiisaafi dhiphinaa kanatti hojjetteef galata qabda.''
Chaansilarri biyyattii Kurz gamasaaniin ministeerichi hojii gadhiisuuf murteessuun isaanii, dhiibbaa weerarri kun nama dhuunfaa tokko qofaratti otoo hin taane, kanneen aangoorra jiranis akka miidhu agarsiisa jedhan.
Wayita qondaalli kun aangoorra turanitti, Ostiriyaan biyyoota Awuroppaa Dhihaa keessa biyya jalqabaa maaskii keewwachuu dirqama goote turte.
Magaalaan guddoo biyyattii Viyenaa sababa lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jiruuf, yeroo ammaa uggura jala jirti.

Madda suuraa, Reuters
Awuroopaatti wayita weeraraa kana keessa dadhabbiirraa kan ka'e qondaalli kun aangoo gadhiisuun kan jalqabaa miti,
Bitootessa bara dabree keessa, Ministirri Fayyaa Holaand Bruno Bruins jedhaman, paarlaamaa keessa marii dhimma koronaavaayiras irratti gaggeeffamaa turerratti kufanii booda, aangoo gadhiisaniiru.













