Hogganaan Olompiksii Tookiyoo ‘dubartoonni haasaa dheeressu’ jedhan aangoorraa bu’uuf

Hogganaan Koree Olompiiksii Tookiyoo, Yooshiroo Moorii

Madda suuraa, Reuters

Hogganaan Koree Olompiiksii Tookiyoo haasaa ‘sirrii hin tahiin’ waa’ee dubartootaa dubbachuu isaaniin aangoorraa bu’uuf.

Yooshiroo Moorii nama ganna 83 yoo tahan dubartootni haasaa gatii dheeressaniif walgahiin boordii, dubartooti itti baay’attu ‘yeroo dheeraa fudhata’ jedhan.

Jechi isaanii kun mormii cimaa kaasuun Mooriin dhiifama akka gaafatan tahe, garuu aangoo hin gadhiisu jedhanii turan.

Haatahu malee, akka aangoo gadhiisan dhiibbaan taasifamu jabaachaa dhufe.

Mooriin ministira mummee Jaappaan duraanii yoo tahan Koree Olompiksii kana keessaa gaafa Jimaata akka bu’an eegama.

Warreen olompiksii kana deeggaran dhaaboti gurguddoo kanneen akka Tooyottaa fa’i waan isaan jedhan qeeqan.

Pireezidantiin Toyoottaa Akiyoo Toyodaa haasaa isaaniin ‘gaddineerra’ jedhan.

Gaafa Kibxataa gareen seera baaftota dubartootaa wayyaa adii uffachuun dhiirota isaan deeggaran waliin mormii dhageessisan.

Akka miidiyaan naannoo gabaasetti namoonni hojii tola-ooltummaaf olompiksichaaf galmaa’an 400 gadhiisaniiru.

Boordiin koree kanaa yeroo ammaa miseensota 24 kan qabu yoo tahu, shanan isaanii dubartootadha.

Bara 2019 koreen atileetota Olompikii irratti hirmaatan filachuuf hundaa’e –lakkoofsa miseensota dubartootaa harka 40’n dabaluuf kaayyeffatee ture.

‘’Miseensota dubartootaa yoo daballe sa’atii itti haasa’an hir’isuu qabna, sababiinsaa immoo dubbii kutuu irratti rakkoo waan qabaniifi, kunimmoo nama aarsa,’’ jedhan.

‘’Koree keessaa dubartoota torba qabna garuu hundinuu iddoo isaanii ni beeku,’’ jedhan.

Mooriin kana duras bara 2000-2001 yeroo ministira mummee turan dogoggora adda addaa uumuufi haasaa naamusa hin qabne dubbachuun beekamu.

Gaazexaa Jaappaan Maayinichii dubartootni maatii isaanii keessa jiranillee haasaa isaaniif akka malee isaan qeequu himan.

"Eda galgala haati warraa koo natti dubbatte. Ammas waan badaa dubbatte? Ammallee waan dubartoota faallessu dubbattee na dararuuf jirta,’’ naan jette jedhan.

‘’Intala koofi mucaan mucaa koos natti ka’an,’’ jechuu gaazexichi barreesseera.