Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayidan tasaYukireenitti argamuun Zeleniskii jajjabeessan
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan osoo hin eegamin Yukireen magaalaa Kiiv daawwatan. Daawwannaan isaanii kunis iccitiidhaan taasifamuun namootatti gaaffii ta'eera.
Qondaalli US kun erga Raashiyaan fi Yukireen wal waraanuu eegalanii yeroo jalqabaaf Yukireen daawwachuu isaaniiti.
Pirezidantichi biyya ollaa Yukireen taate Poolaand erga daawwatanii booda achumaan osoo hin yaadamin gara magaalaa Kiiv goran.
Ganama har'aa Yukireen keessummaa guddaa tokko akka simachuuf jirtu ibsamaa ture, boodarra namni kun eegamu kun Baayidan ta'uu gameettiin siyaasaa Yukireen Lesia Vasylenko mirkaneessite.
Yeroo xiqqoo booda Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii gita isaanii kan Ameerikaa Joo Baayidan waliin suuraa ka'an maxxansan.
''Joseph Baayidan baga nagaan dhufte! Daawwannaan kee kun akka nu cinaa jirtan agarsiisa, michuu nu tumsu qabaachuu keenya calaqqisiisa,'' jechuunis barreessan.
Aab Zeleniskiin torbanoota muraasa dura daawwannaa walfakkaataa Washington'tti taasisanii turan.
Raashiyaa waraanuu irratti humna akka argataniif Kongireesiin Ameerikaa akka meeshaa waraanaan isaan garagaarus gaafatan.
Sababa sodaa nageenyaaf jecha daawwannaan Baayidan kun iccitiidhaan qabameera.
Pirezidantichi Yukireen galuun dura daandiiwwan magaalaa Kiiv guutummaatti cufamanii turan.
Daawwannaan isaanii kun ejjennoo US dimokiraasii, birmadummaa fi kabaja daangaa Yuukireen mirkaneessuu irratti qabdu kan mirkaneessu ta'uu Baayidan hubachiisan.
''Putiin waggaa tokko dura wayita waraana labsu waan Yukireen laafte fi biyyoonni lixaa waan qoqqoodaman itti fakkaatee ture. Waan nurra aanu itti fakkaatee ture. Garuu ni dogoggore,'' jedhan.
Meeshaalee waraanaa jajjaboo fi ammayyaa ta'an Yukireeniif gumaachuu akka itti fufanis ibsan.
Waa'ee daawwannaasaanii kanarratti ibsa bal'aa kennuun dura, Aab Zeleniskii waliin mari'ataniiru Baayidan.
Pirezidanti Baayidan gitasaanii Pirezidanti Zeleniskii waliin waa'ee egeree addunyaa fi Yukireen akka bal'inaan dubbachuuf jiranis ibsaniiru.
Pirezidanti Zeleniskiin wayita daawwannaan kun gaggeeffamaa jirutti ibsa kennaniin ''yeroon dimokirasiin addunyaa olaantummaa argatu amma,'' jedhan.
''Daawwannaan kun seenaa US fi Yuikireen keessatti isa akkaan murteessaa ta'eedha,'' kan jedhan Aab Zeleniskiin, erga Baayidan biyyasaanii seenaniis ''marii akkaan bu'a qabeessa ta'e gaggeessuu, ibsaniiru.