Pireezidantiin Chaayinaa dhimma waraana Yukireen Putiin waliin mari'achuuf- Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing dhimma waraana Yukireen irratti gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin mari'achuuf jiraachuu Raashiyaan ibsite.
Qondaaltonni lameen dhuma torbee kanaatti kan walarguuf jiran yoo ta'u, dhimmoota idiladdunyaa fi ajandaawwan naannawasaaniirrattis mari'achuuf jiru.
Walga'iin dureewwan biyyaa kunneen Uzbeekistaan keessatti taa'uuf jiran kun, michummaa warra lixaarra filannoo biraa barbaaduuf karoorsaa jiraachuu agarsiisa.
Pireezidanti Shii Jiinpiing erga weerarri koronaavaayirasii eegalee yeroo jalqabaaf daawwannaaf biyyaa ba'aa jiru.
Dhimma Yukireen irratti ejjennoo qaban irraa kan ka'e hariiroo isaan warra lixaa waliin qaban akka duraa miti.
Pireezidanti Putiin hooggantoota biyyoota Indiyaa, Paakistaan, Tarkii fi Iraanillee arguuf jiru.
Walga'iin isaan pireezidantii Chaayinaa waliin qabaatan garuu kaanirra akkaan bu'a qabeessa jedhan dubbi himaan Imaammata Dhimma Alaa Kireemlin Yuurii Ushakoov.
Pireezidantonni lameen Shii Jiinpiing fi Vilaadmiir Putiin kora -Shanghai Cooperation Organization jedhamurratti walaraguuf jiru, korri kun Fulbaana 15-16 gaggeeffama.
Kora bara 2001 biyyoota giddugaleessa Eeshiyaa miseensota Sooviyeet duraanii ta'aniin hundeeffama kana keessatti Chaayinaa fi Raashiyaan iddoo guddaa qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaaltonni Raashiyaa fi Chaayinaa kunneen erga yeroo dhiyoo as hagas mara qondaaltota biyyoota kaaniin walarganii hin beekan.
Pireezidant Shii Jiinpiing bara weerarri Covid eegalu Amajjii 2020 Miyaanmaar daawwatan, isa booda dhiyeenya kana Adoolessa keessa Hoongkoong daawwatan.
Putiinillee akkasuma, erga waraanni eegalee hooggantoota Tarkii fi Iraan qofa argan, kan Chaayinaa kun sadaffaasaaniiti.
Pireezidanti Putiin gitasaanii kan Chaayinaa waliin bara darbe dorgommii- Winter Olympic jedhamurratti erga walarganii booda hariiroon biyyoota lameenii daangaa akka hin qabaanne walii galanii turan.
Raashiyaan erga Yukireen weerartee Chaayinaan as baatee ejjennoo ibsachuu dhabuun biyyoota lixaa akkaan mufachiiseera.
Biyyoonni lixaa Chaayinaan waraanicha yookiin hin deeggarre yookiin hin mormine jechuun qeeqaa turan, Beejiing ammoo qaamoleen walwaraanan lameenuu badii qabu jechaa turte.
Addunyaarraa wayita Raashiyaarratti qoqqobbiin gosa garagaraa itti heddummaatu Chaayinaan hin qoqqobne.
Daldalli biyyoota lameeniis akkuma duriitti itti fufeera, boba'aan Chaayinaan Raashiyaarraa galchitu garuu erga waraana Yukireenii as hir'iseera.












