Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyya namoonni reeffa firootaa waliin jiraatan beektuu?
Biyya baayyeetti, namni tokko yoo du'u, erga qophiiwwan barbaachisan raawwatamaniin booda guyyaa muraasa keessatti gaggeessaan taasifamaaf ykn sirni awwaalcha isaa raawwatama.
Haata'u malee biyya amma isinitti himuuf jirrutti garuu namni erga du'ee booda osoo hin awwaalamiin ji'oota ykn waggootaaf mana keessa tursiifamuu danda'a.
Aadaa hawaasa biyya kanaa keessatti gaafa du'an sirna gaggeessaa guddaa ta'ee qabaachuuf namoonni qabeenyasaanii ol kaawwatu. Hawaasni kun eessatti argamuu?
Akeekkachiisa: Suuraalee miira keessan jeequu malan barreeffama kana keessatti argitu.
Hawaasni reeffa waliin jiraatan kunis Indoonezhiyaa naannoo Torajaa, bakka Sulawesii jedhamu jiraatu.
Warri Torajaa nama du'e akka waan dhukkubsatee ciisutti kunuunsu. Buna, tamboo fi nyaata fa'aa dhiyeessuuf. Nama du'e yoo kunuunsu dhiisan ekeraasaa/hafuurasaatu nu miidha jedhanii amanu.
Akka nama dhukkubsate ciisuutti lakkaa'u, nidhiqu, itti dubbatu.
Warri Torajaa hamma sirni awwaalchaa guddaan qopheesssuuf maallaqni gahaa ta'e qusatanitti reeffa firasaanii baala biqiltoota addatti filatamoo ta’an itti dibuun tursiisu.
Sirna awwaalchaa raawwachuuf beeyladoota danuu qalmaaf dhiyeessuun hawaasa kana biratti baratamaadha.
Sirna awwaalcha warra Torajaan irratti gafarsatu qalmaaf dhiyaata, sababni isaas lubbuu nama du'ee gafarsatu iddoo lubbuun namaa si'a lammaffaa itti dhalatu geessa jedhanii amanu.
Dubartiin Mamak Liizaa jedhamtu abbaa ishee erga du’anii waggoota kurna lakkoofsise sireerraa qabdi. Maatiin Mamak maanguddoo du'aan boqotan Paawuloo Sirindaa ammayyuu akka waan lubbuun jiranitti lakkaa'u.
Paawuloon hin socho'u, gogaan isaa gogee daalachaa'era. Paawuloon ittin ilaalu baatus kishaafeen dhukkeen itti duude ijatti kaa'ameera.
Ijoolleen akkawoo maanguuddoo kanaa ''akaakaan yeroo hunda maaliif ciisaa?'' jedhanii gaafatu.
‘’Ammayyuu dhukkubsatee ciisa jira’’ jette Mamak sagalee tasgabbii qabuun ijoolleesheetti haasofti.
Yoo ofirraa fageessine awwaalle akka tasaa ni gaddina jetti.
Mamak seeqaa, gara reeffa maanguddoo erga dhiyaatte booda harka fuutee, ‘’Abbaa namoonni si ilaalu halaalarraa dhufan as jiru, kuni si mufachiisa jedhee hin yaadu ykn sin aarsu jedheen yaada’’ jettee itti haasofti.
Mamak waggoota 12 oliif reeffa abbaa ishee manatti kunuunsuun gadda akka cabsattuuf ishee gargaaru dubbatte.
‘’Yoo awwaalle akka tasaa garmalee gadduu malla’’ jettee yaaddofti.
Ijoolleen ishee ‘’akaakaa dammaqi, ammammoo soorata nyaachuu deemna’’ jedhanii akka reeffa kanatti dubbatan himte Mamak.
Abbaan Mamak Liizaa amma firrisaa sirna awwaalchaa guddaa ta'e qopheessanitti mana intalasaa tura.
Mamak gama isheetiin ''akka aadaatti, abbaan keenya mana keessa maatisaa waliin turuun gaariidha'' jetti.
Warri Torajaa jireenya isaanii keessatti qabeenya horachuuf jabaatanii hojjatu.
Garuu jireenya qananii ittiin jiraachuuf otoo hin taane gaafa du'an sirna gaggeessaa guddaa ta'ee qabaachuuf qabeenyasaanii ol kaawwatu.
Kanaaf reeffi abbaa Mamak Liizaa hanga firri sirna gaggeessaa qopheessutti mana tura.
Warri Torajaa awwaalli iddoo lubbuun namaa dacheerraa baatee gara 'Pooya' bakka jedhanii waamanitti imala eegalti jedhanii amanu.
Pooyan jechuun du'aan boodatti iddoo lubbuun namaa si'a lammaffaa itti dhalatu jedhanii amanu.
Gafarsi ammoo lubbuu nama du'ee baatee bakka kana geessa jedhanii waan amananiif, maatiin nama du'ee gafarsa hanga humnisaanii danda'e qopheessuun qalu.
Gafarsi qalame namni du'e akka gara 'Pooya' jedhamu kanatti salphaatti imalu gargaara jedhanii amanu.
Kanaaf jecha warri Torajaa umrii isaanii harka caalu qabeenya sirna aarsaa kanaaf oolu qopheessuurratti dabarsu.
Gaafa maatiin nama du'ee qabeenya sirna aarsaa dhiyeessu isaan dandeessu gahaa qopheessan hiriyoota fi firoottan isaanii addunyaa kanarra jiran sirna aarsaa sanarratti akka argaman affeeru.
Namni du'e sun wayita lubbuun jiru baayyee dureessa yoo ta'e, sirni gaggeessaa isaas akkasuma baayyee guddaa ta'a.