Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti aadaa yoo namni du’e gammachuun dhichisaa itti gaggeeffamu jiraachuu beektuu?
Duuti taatee umamaan namni kamuu keessa darbuun isaa hin ollee fi kan gaabbannii duubatti deebisuu hin dandeenyedha. Ta'us ammoo duutii yeroo hunda maatii firri jalaa du'uutti haaraadha.
Kanaaf egaan namni firaafi aantee jaalatu wayita du’uutti garaa hammaachuun imimmaan dhaanquun buusee, boo’ee kan imammaan xuruurfatu.
Aadaa fi naannoo tokko tokkoo keessattis namni firri jaalatu dhabe uffata gurraacha uffachuun, mataa addaatee, wantoota dur gammachuuf raawwaturraa of lagachuun gaddasaa ibsa.
Haata'u malee, Kibba Itoophiyaatti hawaasa Koonsoo keessatti garuu aadaan yeroo sirni namni du’e sirbaafi shubbisa gammachuutiin itti gaggeeffamu jira. Aadaan kunis ‘Shileetaa’ jedhama.
Aadaa Shileetaa kanaanis ilmi haadha ykn abbaa du'aan dhabe tokkoo sirbaafi shubbisaa gaggeessa.
Ji’oota muraasa dura akkoon isaa jalaa du'anii, kan sirnuma sirbaa, shubbisaafi gammachuu kanaan gaggeessuu himan dhalataa hawaasa Koonsoo, Dr Ongayee Odaati dhimma kanarratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Dr. Ongayeen hayyuu Aadaafi Xiin-qooqaa Yuunvarsiitii Diillaafi Naannoo Sabaaf Sablamootaa akkaumas Ummattoota Kibbaatti Hogganaa Dhimma Hojjataafi Hawaasummaati.
''Sirna sirbaafi shubbisaan namni yoo du’e itti gaggeeffamu kana waanti adda taasisu ijoolleen nama du’eellee sirbusaaniti’’ jedhan.
Namni du’e sirbaan kan gaggeeffamu yoomi?
Dr Ongaayeen abbaa isaatiif ilma angafaati. Ofiinis ijoollee lama horataniiru. Abbaan isaanii ammas lubbuun jiru.
Akka Dr Ongayeen jedhanitti, reeffi nama du’ee gara iddoo awwaalchaa wayita geeffamutti sirbaa fi dhichisaan dabaalamee gaggeeffama. Sirna awwaalchaa boodalee sirbi itti fufa.
Sirba kana keessatti gaarummaan nama du’aan boqotee, hojii gaarii dalagefi qacceen-hiddi dhalootaa ni lakkaa’ama. Namni sirbaan gaggeeffaman kun ''nama eebbati,'' jedhame amanama.
Sirbi kun yeedaloowwan gosa garaa garaa qaba. Turtiin shubbisa kanaa garaa garummaa qaba.
Nama yeroo waqtii lafti qotamu du’eef shubbisni xiqqaan guyyaa awwaalchaatti erga qopha’ee booda, yeroon shubbisaaf mijatu gara Birraa (Fulbaana ykn Onkololeessaatti) dabarfama.
Waqtii midhaan aramamutti namni yoo du’e ammoo yeroon shubbisan yeroof ni tursiifama, sababii jiruun hawaasa Koonsoo qonnaa irratti kan bu’uurreffate ta'eef.
Yeroo shubbisaa yeroo biraatti dabarsuun kanaan ‘Haranaa’’ jedhanii waamu hawaasani Koonsoo.
Sana booda guyyaan shubbisaa murteeffamee namoota naannootti himama. Duras mandara Koonsoo dhiyeenyatti argamaniitti himama.
Ittaansuun mandara gosa Koonsoo warreen halaala jiranitti himama. Kanarraa ka’uun firri halaalaa jiru shubbisa kanatti dhaqee dabalama.
Aadaa shileetaan gaggeeffamuf ulaagaan maali?
Dr Ongayeen akka himanitti, akka aadaa Koonsootti namni sirbaaf dhiichiisaan gaggeeffamu ulaagaa guutuu qaba.
Akkoosaa dhiheenya kana du'an waan ulaagaa sirbaafi shubbisaan gaggeessuuf barbaachisuu guutaniif sirna Shileetaan gaggeessuu dubbata.
Namni sirbaafi dhiichisaan gaggeeffamu nama umurii dheeratee akaakayyuu ykn akkawoo arguu qaba.
Kana malees namni aadaa shileetaan gaggeeffamu tokko ijoollee akkawoo keessaa angafti dhiira ta’uu qaba.
Namni sirna kanaan gaggeeffamu garuu koorniyaa lachuu jechuunis hanga ulaagaa kana guuteetti dhiiras dubartiis ni hammata.
Hawaasni Koonsoo dubartoonni heerumanii qe’ee waan bahaniif qe’ee hin dhaalan jedhanii amanamu akka Dr Ongayeen jedhutti. Gosa tokko jidduuttis fuutiifi heerumni hin raawwatamu. Kanaafuu dubartiin Koonsoo gosa biraatti heerumtee qe'eerraa baati.
Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Koonsootti qindeessaa dhimma Afaaniifi Aadaa kan ta'an Obbo Gammachuu Genfee Guyyoos yaaduma Dr Ongayeen kanaan walfakkaatu kaasan.
Shubbisni attamiin eegalama?
Battala namni du’etti shubbisni gammachuu hin eegalamu jedhe dhalattoonni hawaasichaa.
Jalqaba firoonni dhiyoo qofti ni boo’u. Shubbisni turtii sa’aatiiwwan muraasa booda eegalama. Garuu ammoo shubbisni kun guyyoota muraasaaf ittifufa.
Aadaa hawaasa Itoophiyaa tokko tokkoo keessatti yeroo firri jaalatan du’e uffata gurraacha uffachuun gadda isaanii ibsatu.
Aadaa Koonsoo keessatti garuu warra duuti itti galee fi namoonni ollaa yeroo mana gaddaa dhaqan uffata adii uffatu. Sirna Shileetaa irratti hirmaatan huccuu bifa garaa garaa qabu uffachuun ni eeyyamama.
Namni iddoo gaddaa dhaqu uffata adii uffata. Gaddi huccuu gurraachaan waliin hidhata hin qabu jedhu.
Akka aadaa Koonsootti daa’ima dhalattuu osoo maqaan hin moggaafamiin du’eef hin boo’amu.
Qophii Shileetaaf taasifamu
Warri dhiiraa shubbisaaf ulee ciqilee tokko hin caalle muratanii qopheeffatu.
''Shubbisni kun shubbisa gammachuu ibsuuf shubbifamu malee kan gaddaafi boo'icha miti. Namni ni kolfa, walitti qoosa, gadda miti,’’ jedhan Obbo Gammachuun.
Warri weedduu baasan namoota sirna gaggeessaa sanarratti argaman biroo leellisaanii maallaqa argatan addaan qooddatu.
Weedduu isaa namoota lama lama ta’anii dabareedhaan wal harkaa fuudhuun sirbama. Dubartoonni harkasaanii walitti dhahu.
Haaluma kanaanis osoo namni du’e hin awwaalamiin, wayita reeffi gara iddoo awwaalchatti geeffamus duukaa deemanii shubbisu.
Namoonni shubbisan muraasa yoo ta’an, balbala warra namni jalaa du’ee fuulduratti shubbisu.
Lakkoofsi namoota yoo heddumate ammoo garuu gara addabaabayitti bahuun shubbisu jedhu Obbo Gammachuun.
Aadaan kun dhalootaarra dhalootatti darbe as kan gahe jedhu dhalattoonni Koonsoo BBC dubbise kunneen.
Sirna Shileetaa raawwachuun baasii waan qabuuf hir'achaa jiraachuu himu Obbo Gammachuun himaniiru.
‘Hogganaa Gosaa du'e qufaatu qabe jedhama’
Akka aadaa Koonsootti namni gosa Koonsoo hoogganu yoo du’etti du'e osoo hin jedhamne ''qufaatu qabe’’ jedhama.
Sirni shubbisaa hoggantoota Gosaaf qophaa’u Shileetaan walfakkaatu jira.
Sirni shubbisa hogganaa ykn hooggantuu Gosaa ittiin gaggeessan 'Manaa' jedhama.
Dhalattoonni hawaasicha kunneen akka jedhaniitti, gosoonni Koonsoo sagalii qaba.
Bakka hogganaan Gosaa sun itti du’etti dur waggoota salgan ittaanaan hin shubbifamu, hin sirbamu jedhama.
Kana jechuunis hogganaan Gosaa erga du’ee waggaa sagal booda shubbisnifi sirbi eegalama.
Hawaasni Koonsoo akkaataan ittiin dhiqama biyyee ittifamu kataraa tolchu dhaabbata UNESCO'tti bara 2011 galmaa'eera.