Shamarree Paakistaan onnee Hindii argatte

Ayishaa Rashiid bara 2012 keessa yeroo jalqabaaf warrishee akka isheen dhukkuba onnee dhalootaan dhufuun qabamte oduu gaddisiisaa dhagahaniitti isheen mucaa umuriin waggaa torbaa turte.
Ayishaan haala gaarii hin taane keessa turte, hafuura baafachuu, haasa’uu ykn deemuun ishee rakkina ture.
Dhukkuba onneen dhiiga akka hin raabsine taasisu cardiomyopathy jedhamu qabdi turte.
“Onneen ishee %25 miidhamaadha. Booda keessas baay’ee itti hammaatte,” jechuun ture himti haatishee Saanober Raashiid.
Haalli Ayishaa kunis maatiishee abdii fi kutannoon ka'uun daangaa Paakistaan qaxxaamuruun gara Hindiitti akka imalan isaan taasise.
Biyyoonni lamaan erga bara 1947 qoodamanii as, morkattoota guddaa waliif ta'an. Diinummaan gidduusaanii jirus kan amantii fi seenaa irraati hundee baayyee kan gadi fageeffateedha.
Ayishaan amma umuriinshee waggaa 19 yoo ta'u, haala isheen ''qabsoo dheeraa'' jechuun ibsiteen booda, dhiheenya kana Hindii, Chanaayitti jijjiirraan onnee milkaa'aan taasifameefiira.
Maatiinis manasaanii Karaachii irraa fagaatanii hospitaala Chanaayi kan intala isaaniif jireenya haaraa akka argattu gargaare, Inistiitiyuutii Jijjirraa Sombaa, Onneefi Deeggarsa Marsaa Makaanikaa (MGM Healthcare) irraa BBC waliin dubbataniiru.

Jireenya barbaacha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ayishaan jalqaba erga rakkoon ishee adda baafamee booda, maatiinshees Paakistaan keessatti kunuunsa onnee gaarii ta'e barbaaduuf waggoota muraasa dabarsan.
“Doktoroonni keenyas golli onneeshee dhiiga dhiibuu guddaan bal’atee akka jiru, Ayishaan yaalii baqaqsanii hodhuu akka barbaachiisu nutti himan”, jetti Aadde Raashiid. “Yaalii gaarii argachuuf ammoo gara Hindii ykn Kaanaadaa geessu akka qabnu nutti himan.”
Qorannoo bal'aa taasisaniin boodas carraan gargaarsa garii argachuuf qaban inni guddaan Cheenaayi, bakka onnee jijjiirraa Hindii keessaa ta'u hubatan.
Magaalaan guddoo bulchiinsa Taamiil Naaduu tunis sagantaa arjooma qaamaa si'omaa qabdi.
Gara Hindii imaluuf viizaa argachuunis rakkisaa waan ta'eef, jalqabarratti ni dhorkaman. Sababii uggura viizaa cimaa ta'eetiin lammiilee biyyoota lamaanituu gara biyyoota walii deemuun garmalee rakkisaadha. Yeroo sanattis, haalli fayyaa Ayishaa itti cimee ture.
Bara 2019tti, iyyanni viizaa hatattamaa inni lammaffaan fudhatama waan argateef, maatiin kun dhumarratti ogeessa onnee olaanaa Dr. K R Balakrishnan waliin wal arguuf imalasaanii jalqabaa gara Chanaayitti taasisan.
Innis Daarektara dhaabbata MGM Healthcare yoo ta'an, biyyattiitti damee kanarratti warra ciccimoodha jedhaman keessaa tokko jedhamee fudhatama.

Onneen dhaabachuu
Garuu akkuma Ayishaafi haatishee Cheenaayi gahaniin wanti gara hamaatti jijjiirame.
Aadde Rashiid, ''Ayishaan dhukkuba onneetiin kan qabamte siʼa taʼu, kunis qarqara jireenyaafi duʼa gidduutti akka raafamtu taasiseera. Onneen Ayishaa dandeettii %10n hojjechaa akka ture dubbatti.
"Yeroo jalqabaaf gara keenya dhufteetti onneenshee dhaabatee waan tureef, ishee dammaqsuu qabna turre," jedhu Dr Baalakrishnan.
Sana boodas gareen wallaansaa jalqaba Ayishaaf meeshaa onnee dhiiga dhiibuu yeroof taasifameef. Boodarra ammoo meeshaa LVAD (Left Ventricular Assist Device) sadarkaa olaanaa qabu itti hidhaniif.
Sana booda yeroo dheeraaf bayyanannattee fayyuu abdachuun gara Karaachiitti deebite. Haata'u malee haalli dadhabbii keessa turte infekshiiniif ishee saaxile.
Haalli itti cimaa adeemuu
Hakiimota Ayiishaa waliin kan wal qunnaman Dr Balakrishnan akkasiin yaadatu: “Paakistaan keessatti bakki meeshaan kun itti hordofamu hin turre. Waggaa lamaaf dhukkuba kanaan baay'ee dhukkubsattee, irra deddeebitee hospitaala seentees turte. Yeroo walakkaa of wallaaltee turte.”
Ogeeyyiin fayyaa Ayishaa amma onnee jijjiirrachuu qofatushee baraaruu danda’a jedhan.
Haatii Ayishaas abdii kutachuun gargaarsa argachuuf guyyaa guyyaan gara Chanaayitti bilbilaa turte.
''Paakistaan keessatti wallaansi baqaqsanii yaaluun onnee ni raawwatama, onnee jijjiirrachuun hin jiru,'' jetti Aadde Raashiid. “Akkasumas, wallaansichuma illee kanfaluu hin dandeenye.”
Hinditti onnee jijjiiruun hanga doolaara kuma 42 gaafachuu danda'a.
"Anis hakiimoota Chanaayitti bilbilee baqaqsanii yaaluuf maallaqa gahaa hin qabu jedheen. Isaanis: ‘Kottaa, ni hojjannaaf’ naan jedhan," jetti kolfaa.
Achiis ji'oota 10f nama onnee arjoomu erga eeganiin booda maatiin kun dhumarratti oduu gaarii tokko dhagahan. Ayishaaf onneen nama ganna 62 arjooma Deeliitti argamu itti himame
Kunis maatiif yeroo “gammachuu fi ara galfii dhugaa” ture jedhu.

'‘Daqiiqaa hunda caalaa gammadaa’
Onnee baqaqsanii yaalamuun onnee dhukkubsataa baasuudhaan isa haaraadhaan onnee arjoomameen bakka buusuun sa'aatii afur hanga ja'aa gidduutti fudhachuu danda'a.
Gama biraatiin ammoo, dhukkubsattoonni maashinii onnee fi somba bakka bu'uun oksijiinii gara qaamaatti geessu taasiifamaaf.
Akka imaammata qaama namaa jijjiiruu Hindiitti, qaamni tokko dhukkubsataa biyya biraatiif kan jijjiiramuu danda’u yoo dhukkubsataa Hindiitiin hin fudhatamne qofadha.
Haala Ayishaatiin, onneen arjoomame isheef kan haala gariin walsiimu hin turre, ta'us inuma simaatame.
"Umurii fi guddinni wal simuu baatuus onnicha ni fudhanne," jedhu Dr Balakrishnan, "sababni carraa kana qofaatu lubbuushee oolcha ta'eef."
Onnee jijjiirruun wallaansawwan onnee yaaluu hunda caalaa kan yeroo murteessaa barbaaduudha.
Onneen sunis erga sa'aatii lamaaf nama arjoomaa sana keessaa baheen booda balaan qaama jijjiirrachuu sun fashalaa'uu nama onneen jijjiirramuuf dabaluu jalqaba.
''Haata'u malee, onneen hospitaala ga'uudhaaf gara sa'aatii shan fudhate. Kanaafuu, hojjetuu haa dhiisuu adda hin baafanne turre,” jedhu daayreektarri -waloo Kunuunsa Fayyaa MGM, Dr Sureesh Raa'o.
Haata'u malee battalumatti, wayita dha’annaa onnee haaraa Ayeshaa isa jalqabaa arganiitti gammchuun machaa'u dubbatu. Daqiiqaa hundas caalaa gammachuunsaanii dabalaa adeemuu miiraan ibsu.
Abdii jiraachuu ifaa
Ammattis Ayishaan kunuunsa Fayyaa MGM keessatti yeroo bayyanannaa irratti argamti. Callistee haadhashee cinaa teessi huccuu of eeggannoo uffatte.
Namoonni baayyeen sodaatan illeen, qaamni ishee onnee haaraa galfameefiin orma walitti hin taane.
''Wallaansa baqaqsanii yaaluutiin booda miira gaarii, baay'ee namatti toluti jira," jetti sagalee gadi qabatte Ayeshaan waan baayyee akka hin dubbannee dhorkamtef.
''Amma sirriittan socho'a. Wallaansaan dura deemuus ta'e afuura baafachulleen hin danda'un ture. Amma garuu hundaa nan danda'a.''
Mucaan tunis baatii lamaan booda gara biyyasheetti wayita deebiituutti waa'ee jireenyashee kana boodaaf abdii ifaa qabaachu dubbatti.

"Barnoota koo eegaluun barbaada. Dizaayinara faashinii ta'uun barbaada,'' jette. Mootummaan Hindii waan wallaansa isheetiif haala mijeesseef baayyee gammadu kaafti.
''Hindiifi Paakistaan jidduu garaagarummaa jabaa hin agarre. Akkan biyya gara biraa jiru natti hin dhagahamne'' jette.
Wallaansi ishee kunis dhaabbata tola-oltummaa Hindii Sishwaaryaa jedhamuufi haadha sababii dhibee onneetiin intalashee dhabeen eegalameen mijeeffameef.
Dr Baalaakrishnaan gama isaaniin, sababii mucaa Paakistaaniif jijjirraa onnee raawwataniif dhiibbaa wallaansaa, kanfaltiifi rakkoon hawaasummaa isaan irra qaqabu himu.
Miidiyaa hawaasaa irratti mormiin isaan irratti ka'ee ture. ''Haala qabatamaa biyya keenyaa irratti hundaa'ee haalichi salphaa hin turre. Baayyee kan nama dhiphisu ture. Garuu waan gaarii hojjanneerra,'' jedhan Dr. Baalaakrishaan.
''Dhukkubsataan tokko gara keenya wayita dhufutti biyya kam irraa kan jedhuuf dursa hin kenninu. Hundaa akkuma nama wallaannuutti ilaalla.''












