Fayyaa: Onnee booyyee namaaf dhaabuu irratti rakkoolee naamusa sadii ka'an

Wal'aansa baqaqsanii hodhuu

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MARYLAND SCHOOL OF MEDICINE

Ibsa waa'ee suuraa, Wal'aansa baqaqsanii hodhuu

Lammiin US Deevid Beneet, ganna 57, addunyaa irratti nama yeroo jalqabaaf wal’aansa baqaqsanii hodhuun onnee booyyee qaccee sanyiin isaa foyyeessame kennameef ta’e.

Wal’aansi kun yeroo dhukkubsattonni wal’aansa jijjirraa qaamaa argachuuf itti eegan hir’isuun, addunyaa irratti jireenya namoota hedduu geeddaruu danda’a jedhamuun farsameera.

Namootni kaan garuu wal’aansi kun naamusa kan eege ta’uu isaa irratti gaaffii kaasaa jiru.

Gaffii kanaan nageenya dhukkubsataa, mirga bineensotaa fi yaaddoo amantii irratti rakkoo naamusaa jiru kaasaniiru.

Kanaaf jijjiirraan qaamaa booyyee irraa dhufu hagam falmisiisaadha?

Dhimma meedikaalaan

Kun wal’aansa baqaqsanii hodhuu yaaliin taasifamedha, kanaaf dhukkubsataa irratti yaaddoo rakkoo uumuu guddaa ni qabaata.

Wal’aansi baqaqsanii hodhuu onnee nama tokko nama biraaf kennuuniyyu yaaddoo milkaa’uu dhiisuu ni qabaata – kun ammoo qaama bineensaadha kanaaf yaaddoon jiru kanarra guddata.

Waggootii dheeraaf oggeessonni fayyaa qama bineensotaa wal’aansa 'xenotransplantation' jedhamu fayyadamuuf yaalaa turaniiru, gariinis milkaa’aniiru.

Bara 1984’tti, oggeessotni fayyaa Kaaliforniyaa lubbuu daa’ima tokko olchuuf jecha, onnee jaldeessaa kennaniifi ture, ta’us garuu guyyoota 21 booda lubbuun ishee darbeera.

Waal’aansi akkanaa baay'ee, baay'ee yaaddeessa ta’us, oggeessotni naamusa meedikaalaa tokko tokko yoo dhukkubsataan yaaddoo jiru beeka ta’e waal’aansicha itti fufuu danda’a jedhu.

“Namni kun wal’aansicha booda takkaatti haala hamaan lubbuun isaa darba yoo ta’e hin beeknu – garuu yaaddoon jira jedhamee hojjachuu hin dhiistu,” jechuun yuunivarsitii Oksifoorditti hogganaan namuusa hojii piroofeessar Juliyaan Savulesko himaniiru.

“Namootni wal’aansicha argatan yaaddoo jiru guutummatatti hubatanii jennaan, namootni yaaliiwwan addaa akkanaa simachuu qabu jedheen yaada,”jedhan.

BOYYEE

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Dabaluunis, gargaarsa onnee makaanikaalaa ykn onnee nama biraa argachuu dabalatee filannoo isaan qaban dhiyyeessuufin barbaachisaadha jedhaniiru.

Ogeessi fayyaa wal’aansa Beneet irratti hojjatan, Beneet filannoo wal’aansa biraa waan hin qabnee fi kana malee lubbuun isaa waan darbuuf, wal’aansi kun barbaachisaa akka ture himu.

Wal’aansi Beneet akka yaalii meedikaalatti hin gaggeeffamne, akkasumas qorichi isaaf kenname ammati bineensota akka jaldeessaa irratti hin yaalamne.

Yunivarsitii Merilaand dame Meedisinii irraa, wal’aansa Beneet kan qindeessite Dr Kiristiin Lawuu garuu, yeroo wal’aansa kanaaf qopha’anitti wanti irra darbame akka hin jirre himteetti.

Mirga bineensotaa

Dabalataanis wal’aansi Beneet, falmii wa’ee booyyee wal’aansa namaaf fayyadamuu deebisee kaaseera, yaada kana ammoo gartuleen mirga bineensotaaf falman hedduun ni mormu.

Isaan keessaa tokko, Namoota Kunuunsa Bineesota Naamusaaf (PETA), wal’aansa Beneet kana “naamusa kan hin qabne, kan balaa uumuu danda’uu fi qabeenya guddaa barbadeessuudha,” jechuun balaaleeffateera.

“Bineensotni kusaa-meeshaa yeroo barbaddetti diigdu osoo hin taane, uumama sammuu fi beekumsa qabanidha,” PETA’n.

Rogeessonni akka jedhani binoonsota caalatti nama fakkeessuuf qaccee sanyii (jiinii) isaanii geeddaruun sirri miti. Saayintistoonni booyyeen wal’aansa Beneetiif fayyadameeme akka simatamuuf jecha qaccee-sanyii ykn jiinii isaa 10 geeddaraniiru.

Boyyeen kun ganama wal’ansi kun gaggeeffamuutti onneen isaa keessaa baafame.

Beneet

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MARYLAND SCHOOL OF MEDICINE

Ibsa waa'ee suuraa, Beneet

Dubbi himaan, gartuu mirga bineensotaaf falmu UK jiru, animal Aid, “waan fedheefu” qaccee-sanyii bineensotaa geeddaruu akka mormu BBC’tti himaniiru.

“Bineensotni dhukkubbii fi dararaan qacceen sanyi isaani utuu hin geeddaramiin jireenya isaanii jiraachuuf mirga qabu, kanarratti ammoo ajjeefamanii qaamni isaani gargar fudhatama,” jechuun gartuun kun ibseera.

Amantii

Qaama bineensa wal’aansaan fudhachuu irratti rakkoon biraa kan uumamuu karaa amantaanidha.

Wal’aansa akkanaaf boyyeen kan filatamu kutaan qaamaa isaanii tokko tokko hammi isaan kan dhala namaa waliin waan wal gituu fi boyyee horsiisuun salphaa waan ta’eefidha.

Filannoon kun garuu dhukkubsattoota amantaa bineensa kana irratti seera cimaa qaban hordofan kan akka Jiwishii fi Musliimaa irratti dhiibbaa akkamii uuma?

Seeri Jiwiish hordooftonni amaticha boyyee akka hin horsiisnee fi hin sorranneef dhorkus, onnee booyyee wal’aansaaf fudhachuun garuu “seera amantaa Jiwii karaa kamiyyu kan faallessu miti, jechuun lubni amantaa Jiwii ykn rabaay UK, Dr Moshee Firiidmaan dubbataniiru.

“Xiyyeeffannoon seera Jiwish inni dursaa lubbuu namaa olchuu waan ta’eef, dhukkubsataan amantaa Jiwii hordofu, yoo wal’aansi kun kan fayyummaa isaa gargaaruu fi lubbuu isaa olchuun jireenya foyya’aa kan kennuuf ta’e wal’aansicha fudhachuun dirqama isaadha,@ jechuun Raabaay Firiidmaan BBC’tti himaniiru.

Amantaa Islamaafis, haaluma wal fakkaatuun bineensota lubbuu namaa olchuuf fayyadamuun kan eeyyamamudha.

Pirof Savuleskoo, utuu namni tokko sababa amantii ykn naamusa isaan wal’aansa qaama bineensa fayyadamu fudhachuu died, wal’aansa jijjiira namaa argachuuf tarree eeguu irratti xiyyeeffannoon inni argatu hir’isuu hin qabu jedhaniiru.

“Namootni tokko tokko qaama jijjirachuuf carraa argatteee ture kanaaf, tarree kanarra gari bu’uu qabda jechuu danda’u; kaan ammoo akkuma namoota kanii mirga wal fakkaata argachuu qabda jedhu,” jedha.

“Kunneen ejjennoo nuti irratti walii galuu qabnudha.”