Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii maaraatoonii gammoojjii lama xumuruun seenaa dalagde
Morkii maaraatoonii gammoojjii dachaa fiigdee xumuruun dubartiin jalqabaa jedhamte leellifamaa jirti.
Filiippaa Mooriis nama ganna 33 yoo taatu Waadii Raami, Joordaanitti somsomaadhaan fiigicha maaraatooni gammoojjii lama fiiguun sarara xumuraa qaxxaamurteetti.
Dubartiin kuni lammii Ingilaand, ogummaadhaan arkiteektii yoo taatu kanneen ishee waliin fiigaa turan sababa tempireecharaafi gammoojjii keessaa qofaa fiiguu sodaachuun addaan kutaniiru jette.
Guyyaa jalqabaa, ''jireenya koo baayyeeman jaalachaa ture,'' guyyaa lammaffaatti garuu yaaddoo na jalqabe jette.
Morkiin Joordaanitti adeemsifamu kuni dorgomtoota maaraatoonii lama fiigan keessummeessera.
Dhabbanni miti-mootummaa dorgommii fiigicha fageenya dheeraa fi fiigicha bashannanaa deeggaru Aadde Mooriis dubartii jalqabaa gammoojjii keessatti maaraatoonii lama fiigdee xumurte dha jechuun mirkaneesseera.
Dubartiin ganna 33 kuni ''sodaan leenjifadhu naa kennaa,'' jechuun morkii kanaaf galmaa'uufi dhaabbata tola oolaa ijoollee tokkoof qarshii walitti qabuuf akka tahe himte.
''Muuxannoon koo guyyaa jalqabaafi lammataa baayyee gargari,'' kan jettu Aadde Mooriis baha Landan Baarkingsaayid jiraatti.
''Jalqaba haala jiru fudhadheen ture, baayyee taaneetu fiigaa turree, namoonnis jiruu, sitti tola.
Tahus haalli galgala guyyaa jalqabaa hamaa ture. Kaan gaggabanii, kaan ammoo gammoojjii keessa fiiguu soodaatan,'' jechuun dubbatti.
''Guyyaa itti-aanuu anis sodaa namoota baayyee fudheen baayyeen sodaadhe.''
Qofaa fiiguu...
Aadde Mooriis maaraatoonii jalqabaa sa'atii jahaafi daqiiqaa 52 keessatti kan xumurte yoo tahu guyyaa itti aanu daqiiqaa 24 fooyyessuun galte.
Ergasii dhaabbata tola-oolaa daa'immanii Ordinary 2 Extraordinary jedhamuuf Paawudnii 2,800 walitti qabde.
''Akka malee waan guddaa dha, hamma waan tahe amanutti yeroo muraasaaf boo'aan ture,'' jechunis ibsiti.
''Qofaa koo gammoojjii fiiguurraa nama iddoo hundatti ''baga gammadde,'' naan jedhuttin bahes jetteetti.