Taatoon Holiiwuud gocha Israa'el waan balaaleffatteef hojii fiilmiirraa ittifamte

Madda suuraa, Getty images
Jaarmiyaa fiilmii oomishuun addunyaarratti beekamu Holiiwuud keessa kan hojjettu Meliisaa Baareeraa, Filisxeem deeggaruun yaadota miidiyaa hawaasummaarratti barreessiteen hojii fiilmiirraa ittifamte.
Taatoo beekamtuun kun gocha hammeenyaa Gaazaa keessatti raawwatamaa jiru karaa miidiyaa hawaasaa ibsuun beekamti. Kanaaf farra warra Israa'el jedhamuun adabamte.
Barreeffamoonni ishee Israa'el ''gocha duguuggaa sanyii fi sanyii lafarraa balleessuu,'' raawwataa jirti jechuun himatu.
Abbaan qabeenyaa dhaabbata fiilmii kanaa ''namoota yaada jibba warra seem qabaniif araarama hin qabnu,'' jedhe.
Taatoon biraa Suuzaan Saaraandan jedhamtus, hiriira deeggarsa Filisxeemiif ba'amerratti hirmaachuun haasaa waan taasifteef jaarmiyaa Holiiwuud keessatti ejensii ishee hojjechiisu keessaa hari'amteetti.
Suuzaan Saaraandamis ta'e lammiin Meeksikoo Meliisaa Baareeraa dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.
Baareeraan hari'amuushee dura yaadota hari'ammuuf deemuushee akeekan Inistaagiraamii isheerratti barreessitee turte.
Taatoon kun fiilmii walitti fufiinsaan marsaa lamaan darbaa ture- Scream jedhamurratti hirmaatteetti.
Fiilmiiwwan xumuramanii gabaarra oolan, Carmen fi The Heights jedhaman irrattis hirmaatteetti.

Madda suuraa, Getty images
Maxxansi Baareeraan dhiheenya maxxansite inni kan biraan waa'ee seenaa Hoolookasti jallisuun ''meeshaa waraanaa Israa'el gabbisuuf oolchuuti.''
''Gaazaan iddoo dirree fi mooraa waraanaatti geeddaramteetti,'' jechuunis barreessiteetti.
Qopheessaa fiilmii Scream 7 kan ta'e jaarmiyaa Spyglass jedhamutti dubbi himaa kan ta'e ibsa Vaaraayitiif kenneen ''ejjennoon isaanii kan hin sharafamne,'' ta'uu eere.
''Sanyii balleessuu, duguuggaa sanyii, dhumaatii lammiilee yookiin haala gara jibbiinsaatti nama geessu kamiyyuu hin fudhanne,'' jedhe.
Daarektara fiilmii Scream 7 ta'a jedhamee kan eegamu Kiristoofar Loondon dhimma kanaan walqabsiisee yaadasaa miidiyaa hawaasummaarratti barreesseera.
Maxxansi isaa boodarra X [twitter] irraa haqame, ''wanti raawwataa jiru hunduu nama dhukkuba. Iyya dhaabaa. Kun murtee kiyya miti,'' jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Filmiin walitti fufiinsaan kutaa kutaadhaan darbu Scream, bara 2022 kan eegale yoo ta'u, kutaa shanaffaarratti maallaqa doolaara miiliyoona 137, ja'affaarratti ammoo miiliyoona 169 argamsiiseera.
Baareeraan fiilmii kana keessatti maqaa Sam Carpenter jedhamuun taatummaan hirmaachaa turte.
Taatoo Saarandan dhaabbata ishee hojjechiisu UTA jedhamuun hari'amuun erga dhagahamee booda, Bareeraanis hojiirraa dhorkamte.
Saaraandan hiriira deeggarsa Filisxeemiif torbee darbe ba'amerratti hirmaachuun ''yeroo kanatti namoonni Yihuudaa ta'uu sodaatan hedduudha. Muslima waan ta'aniif qofa kanneen dararaa barabaraa argaa jiran heddu,'' jechuun dubbatte.
Namni kamuu fuulduratti ba'ee daba dhala namaarratti raawwatamaa jiru dubbachuurraa akka duubatti hin jenne dhaamte.
Taatoo gameettiin miseensa jaarmiyaa Holiiwuud taate kan biraan Maahaa Daakhiil, waa'ee waraana kanaa akkas jechuun Inistaagiramiirratti barreessite:
''Wayita duguuggaan sanyii raawwatamu taa'anii ilaaluu caalaa maaltu nama guba? Sanuu duguuggaan sanyii raawwatamaa jiraachuu haaluu caalaa wanti onnee namaa dhukkubsu maaltu jira?''jette.












