Waraana Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu biyyoota kamitu morme, kamitu ammoo deeggare?

Bilinkaniifi Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffamu dhaabuudhaaf yaada dhukaasa dhaabuu dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) dhiyaate deeggarsa olaanaa yoo argatu, Itoophiyaa dabalatee biyyoonni baayyeen garuu sagalee hin kennine. Biyyoonni muraasni ammoo mormaniiru.

Haleellaa baatii tokkoo oliif Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuun lakkoosfi namoota ajjeeffamanii 12,000 ol darbuufi haalli jirus itti cimaa dhufuusaatti hawaasni idil-addunyaa adda qoqodamaa jira.

Haleellaa Hamaas booda biyyoonni hedduun Israa’el deeggaranii ture. Haata’u malee, haleellaan qilleensaa Israa’el Hamaasirratti raawwattuufi Hamaasiin nan balleessa jettee duula lafoo gaggeessa jirtu irratti qeequumsi ka’aa jira.

Kanaanis, biyyoonni tokko tokkos ejjannoo waraanicharratti qabatanii ture jijjirrataa jiru. Ammattis dubbii ijoon hawaasa addunyaa dhimma dhukaasa dhaabuuti.

Onkololeessa 27 UN yaa’isaa waliigalaa gaggeeffateen Israa’eliifi Hamaas jidduutti ‘‘atattamaan dhukaasa dhaabuun walitti fufinsa qabu akka taasifamuuf’’ murte dabasseera.

Yaadni murtoo dirqisiisaa hin taaneefi Yoordaanoosiin dhiyaate deeggarsa 121, mormii 14 fi biyyoonni 44 ammoo osoo sagalee hin kenniin hafan.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Elii Kohiin murtee Biyyoota Gamtomaniitiin ‘‘qaaneessaadha’’ jedheen. Ministirri Muummee Netaniyaahunis waamicha dhukaasa dhaabuu akka hin fudhanne dubbatan.

Ammatti dhukaasa dhaabuun Hamaasitti ‘‘harka kennachuudha’’ jedhan. Kana hordofunis biyyoonni Israa’eliin qeeqaa jiru. Kaanis, walitti dhufeenya dippilomaasii qaban adda kutan. Dippilomaatota gara Israa’elitti ergan waamaa jiru.

Yaada dhukaasa dhaabuu kan mormite Ameerikaan osoo hin hafne waraanni ‘‘haa dhaabbatu’’ jechuun gaafataa jiru.

Biyyoota lixaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni lixaa baayyeen jalqaba waraanichaarraa eegalee Israa’eliin deeggaraa turan.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Israa’el waliin akka dhaabbatan ‘‘Israa’el lammiileeshee waan barbaadan dhiyeessuuf akka dandeessu taasifna’’ jechuun ibsan.

Haata’u malee, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gara Teel Aviiviitti imaluudhaan dhukaasa dhaabuun namoomaa akka taasifamuufi miidhaan namoota nagaa Gaazaarra gahaa jiru hir’atuf tarkaanfiin akka fudhatamuuf gaafatan.

Waayiti Haawus dhukaasa dhaabuun yeroof akka ta’u ibsee, biyyoonni Arabaa dhukaasa yeroo dheeraaf gaafachusaanii qeeqe.

Ministiroonni Mummee Kaanaadaafi UK Israa’el ‘‘ofirraa ittisuu dandeessi’’ jechuun ture dura waraanichaaf deeggarsasaanii kan kennan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)itti yeroo yaadni murtee dhiyaatetti garuu sagalee kennuurraa of qusatan.

Deeggartoonni Filisxeemotaa kuma hedduun lakkaa’amanis Landan dabalatee biyyoota addunyaa garaagraatti hiriira bahuun waraanichi akka dhaabbatuuf gaafatan.

Gamtaan Awurooppaa ‘‘haleellaa Hamaas cimsinee balaaleeffanna’’ kan jedhan yoo ta’u, Jarmaniifi Xaaliyaaniin walgahii UN irratti garuu sagalee hin kenniin hafan. Ispeeniifi Faransaay ammoo dhukaasni akka dhaabbatu deeggaran.

Pirezidantiin Faransaay Amaanu’el Maakiroon, biyyisaanii jalqaba waraanichaatti Israa’el waliin dhaabbachushee ibsanilleen, ajjeechaan namoota nagaa daballaan ejjannoosaanini hanga tokko jijjiruu agarsiisan.

‘‘Gaazaa keessatti Hamaasiifi namoota nagaa jidduutti gargaagarummaan jiraachuu qaba. Namoota saaxilamtoota ta’an eeguufi shororkeessitootarratti xiyyeeffachuuf dhukaasni namoomaa jiraachuun barbaachisaadha,’’jedhanii toora X kan duraan tiwitara jedhurratti barreessan.

Biyyoota Baha Giddu-galeessaa

Biyyoonni Baha Giddu-galeessaa irra caalaan yaada murtoo dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) deeggaruun sagalee kennan. Baayyeen isaanis duula loltoota Israa’el ni balaaleffatu.

Yunaayitid Arab Imreetis (UAE) fi Baahireen biyyoota walitti dhufeenyasaanii Israa’el waliin haaromsan yoo ta’an, jalqabarratti haleellaa Hamaas balaaleeffataniiru.

Amma garuu Baahireen ambaasaadarashee Israa’el keessaa baaftee jirti. Israa’elis ambaasaadarashee Baahireenii deebiifte.

Yoordaanos ‘‘rakkoo namoomaa hin eegamiin uumte’’ jechuun Israa’el balaaleeffatte. Sa'ud Arabiyaan walitti dhufeenyashee Israa’el waliin cimsuudhaaf mariirra turtulleen, walitti bu’insichi atattamaan akka dhaabbatu gaafatte. Garuu Hamaas balaaleeffattee jirti.

Onkololeessa 26 Ministiroonni Dhimma Alaa UAE, Yordaanoos, Baahireen, Sa'ud Arabiyaa, Kaataar, Kuweet, Masriifi Morookoo ‘‘Gaazaa keessatti namoonni nagaa irratti xiyyeeffatamuufi seera idil-addunyaa cabsuu’’ mormaniiru.

Mirgi ofirraa ittisuu kan mirga Filisxeemotaa sarbu ta’uu akka hin qabaanne ibsa gamtaan baasaniin beeksiisan.

Akkasumas, dursaan Iraan Ayaatolaa Alii Kaamiiniin, biyyoonni Musilimaa walitti dhufeenya diinagdee Israa’el waliin qaban adda kutuudhaan boba’aafi nyaataa Israa’elirraa galfachuu akka dhaabaniif akeekkachiisan.

Pirezidantiin Iraan Ibraahiim Raayisii, haleellaa Hamaas Israa’el irraan gaheen ergaa baga gammaddanii dabarsuudhaan, loltoota Hamaasinis ‘‘gootoota annee cimaa qaban’’ jechuun leellisan. Haata’u malee haleellaa raawwatame keessaa harka akka hin qabne Iraan ni waakkatte.

Pirezidantiin Tarkii Rasiip Taayip Edohaan jalqabarratti gahee jaarsummaa qabachuuf yaalaa turan. Booda garuu dhohinsa hospitlaa Al-Ahilii kan Gaazaa keessarratti raawwatame hordofee, ejjannoo jijjirratan.

Waa’ee haleellichaarratti yaadniwwan garaagraa jedhameera. Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessaa akka jedheetti haleellaa sanaan namoonni 500 ta’an ajjeeffamaniiru.

Istaambulitti hiriirri Filisxeemota deeggaru wayita gaggeeffametti, Erdohaan Israa’el ‘‘yakkamtuu waraanaati’’ jechuun farajjuudhaaf qophii ta’uu ibsan.

Akka biyyoota miseensa NATO gara biraa fi Gamtaa Awurooppaatti, Tarkiin Hamaasiin garee shororkeessa jechuun hin waamtu.

Erdohaan Hamaasiin, ‘‘qabsaa’oota bilisummaa lafa Filifsxeem kabachiisuuf dhaabbatu’’ jechuun ibsan. Akkasumas, Tarkiin yaada murtee UN deeggarte.

Iraaq biyya qaxanichaa sagalee hin kenniin hafte jedhamte kan eeramte yoo taatu, kunis kan ta’e dogongora teekinikaatiin ta’uun ibsamee, biyyoota yaada murtee deeggaraman keessatti hamatamteetti.

Kanaaf, biyyoonni Baha Giddu-galeessaa hundi murtee yaadichaa yoo deeggaran, Israa’el qofti ni mormite.

Hiriira deeggarsa Filisxeem Landaniitti ta'e

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaa

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haleellaa Hamaas hordofuun guyyoota muraasaaf yaada hin kenniine ture.

Boodarra ammoo rakkoo uumameef bu’aa ‘‘kufaatii imaammata Ameerikaafi Baha Giddu-galaati’’ jedhan. Waraanichi eegalee torbanitti Puutin, ‘‘haleellaan hin eegamne Hamaas irraa Israa’el mudate’’ jechuun, Israa’el karaa gara jabiinaa mataasheetiin deebii kennaa jiraachuu ibsan.

Israa’eliif gadda hin ibsanne, Hamaasis hin balaaleeffanne. Raashiyaanota dabalatee namoota butaman hiikuuf Onkolooleessa 26 Mooskootti Jila Hamaas waliin mariin gaggeeffameera.

Raashiyaafi Chaayinaana wixiinee yaada murtee Ameerikaan mana-maree nageenya UN’tti dhiyeessite aangoo sagalee sagaleedhaa kufiisuutti fayyadamauun kufisan. Yaadni Raashiyaan deeggartus osoo deeggarsa hin argatiin hafeera.

Eshiyaa

Biyyoonni Eshiyaa waliigalatti dhukaasni akka dhaabbatuuf sagalee kannan. Chaayinaan ammoo gahee nagaa buusuu yaalaa jirti.

“Namoota nagaa eeguuf jecha qaamooleen dhimmisaa ilaallatu atattamaan walitti bu’insa dhaabuu qabaatu,‘‘ jette Chaayinaan.

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa “daandiin ittiin walitti bu’insa keessaa baafamu biyyoota lama uumuudhaan. Biyyi bilisaa Filisxeem uumamuu qabaata,‘‘ jedhan.

Israa’el Gaazaa keessatti tarkaanfii ofirraa ittisuu bira darbe fudhataa jirti jedhan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi. Mootummaan Israa’el, “ummata Gaazaa jumlaadhaan adabuu dhaabuu qabdi,‘‘ jedhan.

Indiyaan ammoo biyyoota sagalee hin kenniin hafan keessaati. Mormitoonni Indiyaa kanaan naasiisaadha jedhan.

Indiyaan erga bilisummaashee argatteen booda Filisxeem waliin walitti dhiheeya qabdi. Biyyi lama umamuu deeggarti.

Haleellaan Israa’el irratti erga raawwatameen booda, “Ummanni Indiyaa Israa’el waliin dhaabbata. Gochaa shororkaa kamuu Indiyaan ni balaaleeffatti,‘‘ jedhanii turan MM biyyattii.