Hospitaalli bakka naga-qabeessa seenee itti baqannee turre - haadha ijoollee Gaazaa

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hospitaalli bakka naga-qabeessa seenee itti baqannee turre-haadha ijoollee Gaazaa
Hospitaalli bakka naga-qabeessa seenee itti baqannee turre - haadha ijoollee Gaazaa

Maatiin tokko Jimaata darbe gara hospitaala guddicha Gaazaa keessatti akkuma baqatanii daqiiqaa shan keessatti haleellaan guddaan irratti raawwatame.

Akka aanga’oonni Filisxeem jedhanitti, haleellaa qilleensarraa Israa’el raawwatte ture. Maatii kana keessaa haati waan mudate dubbatti.

Doktaroonni Hospitaala Al-Shifaa keessa hojjetan boba’aa waan hin qabneef daa’imman osoo hin ga’iin dhalatan wallaanuu waan hin dandeenyeef du’aa jiru jedhu.

Israa’el ammoo daa’imman osoo hin ga’iin dhalatanii hospitaalichatti wallaanamaa jiran gara hospitaala biraattan geessa jechuurraa kan hafe ibsa bal’aa hin kennine.