Dhibee kaansarii mo'atee biyyaasa injifannoo Waancaa Afrikaan kan gahe Haaler maal jedha?

Sbaastiyaan Haaler

Madda suuraa, SEB HALLER ON TWITTER/GETTY IMAGES

Goolii Ayivoori Koost haala hin eegamneen Waancaa Afrikaa akka injifattu gargarte erga galchee booda Sabaastiyaan Haaler gama televizhiniin as bahee dubbate. Garuu gurbaan ganna 29 dirree keessaa fi alatti tasgabbiin beekamu tasa imammaaniin hudhame, dubbii adda kute.

Waggoota qormaataan guutan lama booda gooliinsaa tookko Ayivoorsi Koostiin gara falmii waancaatti ceesifte, guyyoota afur booda ammoo gooliin kan biraan lakkoofsise uummata biyya haadha isaa uummata miiliyoona 30 qabdu gammachuu barootaaf irraa dubbattuun geesse.

Dhibee kaansarii isa mudaterra bayyanachuuf ji'oota jahaa oliif waldhaansa hordofaa turee kilabasaa Doortimuunditti yeroo deebi'u simannaa ho'aa argate, injifannoosaa kaansarii boodas goolii galche.

Ammammoo biyyasaatti dirree Alasaan Wataaraatti gooliin galche biyya gammachiisutti miira itti dhagaahame yoo ibsu ''Yeroon kun akka dhufu yeroo dheeraaf hawwaa turre'' jedhe.

''As gahuuf abdachaa turre, ammoo taphichi salphaa hin turre. Miirri gammachuu kun, wanti biyyattii keessatti ta'aa jiru maali, ni malaaf'' jechuun gammachuusaa ibse.

Taphataan duraanii Ayivoori Koost Kooloo Tuuree ''Haaleriif hedduun gammade'' jedhe.

''Yeroo rakkisaa keessa darbe'' kan jedhu Tuureen, gareesaaf waan ''dinqii'' hojjetee jedhe. ''Goolii sana galchuusaaf heddun gammade.''

Dorgommii kanarratti hirmaachuun isa mataa isaatti dinqiidha jedheera.

''Ji'ootni 18 darban anaafi maatii kootiif yeroo qormaataa turan'' jedhe Haaler Sambata darbe yaada miidiyaaleef kenneen.

''Haala ji'oota muraasa darban tureerraa ka'uun, amma isin fuuldura dhaabachuun koo waan guddaadha'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaler waggaa kana ture erga waldhaansa dhibee Testikulaar kaansar irraa bayyanatee Doortimuundiif goolii kan lakkoofsise.

Gooliin kun erga kilabichaaf mallaatteessee ji'a saddeet booda argamte. Ammoo hunda caala kan deeggartoota gammaachiise waaldhaansoo dhibee kansarii ijifachuusaati.

Haleer Doortimuuditti makamee torban lama dura ture Adoolessa 2022 yaala dhibee kanaaf hospitala kan gale.

''Wanta hedduu waan jijjiiruuf waan akkaan hamaan ta'aa akka jiru hubatta'' jechuun waggaa tokko dura yaada BBCf kenneen dubbateera.

''Yuurolojistichi akkan hin sodaanne na gargaare. Akka gaariitti akkan fayyu natti hime. Waan inni jedhe mara dhugaa godheen fudhadhe.''

Haaler dhibee kanarraa fayyuuf waldhaansa baqaqsanii hodhuu lamaafi keemooteraappii marsaa hedduu fudhate. Jalqaba bara Faranjootaa 2023tti wayyaa'ee shaakallii jalqabe.

Gaafa gahumsi isaa gaarii ta'ee dirree dorgommiitti deebi'e. Guyyaan kun guyyaa yaadannoo dhiibee Kaansarii idila addunyaa wajjin walirra bu'e.

Sabaastiyan Haaler Pireezidantii Alasaan Wataara harkaa badhaasa yoo fudhatu

Madda suuraa, Getty Images

Haaler kilaba Jarman Boruushiyaa Doortimunditti makamuusaa dura kilaboota akka Weest Haamiifi Entiraakt Fraankifertiif tapahataa ture.

Jioota muraasa dorgoommii Waancaa Afrikaa duraammoo miidhama dirree taphaatti isa mudaterraa kana ka'e torbanootaaf taphaa ala ture.

Sababa kanaattis taphoota ramaddii sadan Ayivoori Koost irratti hin hirmanne.

Kana gidduutti biyyisaa ramaddii keessaa qabxii sadii qofa argachuun dorgommiichaa bahuuf fiixeerra geesse.

Garee arfaffaa sadaffaa ta'uun xumurte ta'uun marsaa itt aanutti erga dabarteeti Haaler taphachuu kan eegale.

''Ikuwaatooriyaal Giiniitiin akka malee injifatamuu booda filannoo dhabnee ture'' jedhe Haaler.

''Daandii dheeraa ofirra deebine. Walitti dubbachuu, ta'iiwwan adda addaafi wantootni biroon taphattotaaf salphaa hin turre turan'' jedhe.

Ergasii Haaler dhiibbaa uumee gareensaa milkaahuu egale.

''Deeggarsi uummataa yeroo maraa fuula duratti nu dhiibuun gaaffii hin qabu. Uummatni yeroo sagalee guddaan iyyee nu deeggaru , sun garaagartummaa uume'' jedha.

Sabaastiyaan Haaler abbaasaa lammumma Faransaay qabuufi harmeesaa Ayivoorii Koostirraa taaterraa Faransaay magaala Paarisitti dhalate. Lammummaa Faransaay waan qabuuf garee ganna 16 gadiifi 21 gadiirratti Faransaayiif hiriiree taphachaa ture.

Booda bara 2020tti dorgommii Intarnaashinaalaa biyya haadhasaaf hiriiree taphachuuf murteesse.