Atileetiin Keeniyaa riikardii maaraatoonii harkaa qabu balaa konkolaataan du'e

Atileet Keelviin Kiimptum

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii maaraatooniin riikardii addunyaa kan harkaa qabu dargaggeessi ganna 24 lammii Keeniyaa Kelviin Kiptaam balaa konkolaataan lubbuunsaa darbe.

Kiptaam leenjisaasaa lammii Ruwaandaa Jarvees Hakizimaanaa waliin Lixa Keeniyaatti balaa konkolaataa Dilbata isaanirra gaheen lamaanuu lubbuu dhabaniiru.

Kiptaam bara 2023 keessa riikardii addunyaa fiigicha maaraatoonii harkasaa erga galfatee abbaa riikardii lammii biyyasaa Eliiyuud Kipchoogeettii qormaata ta'uu mirkaneesse.

Atileetiin kun Onkololessa darbe Chikaagoottii riikardii Kiipchoogee 2:00:36n galuun kan fooyyesse.

Atileetotni lameen garee maaraatoonii keeniyaa Olompiika Paarisirratti Keeniyaa bakka bu'an maqaan isaanii qabameera.

Ministirri Ispoortii Keeniyaa Abbaabbuu Namwaambaa X gubbaatti gadda isaanii yoo ibsan ''akka badaa nama dhukkuba!! Keeniyaan nama qaalii dhabde. Jecha hin qabu'' jedhan.

Hogganaan dhaaba mormituu biyyattii Raayilaa Odiingaa biyyattiin ''goota dhugaa'' dhabde jedhan. Urjii atileetiksii Keeniyaati'' jechuun yaadatan.

Pireezidantiin Atileetiksii Addunyaa Sabaastiyaan Koo'ee, Kiptaam atileetii ajaa'ibaa seenaa olaanaa ol kaahee darbedha, baayyee isa yaadna'' jedhan.

AFPn poolisii waabeffatee akka gabaasetti balaan konkolaataa atileetii dargaggeessa maqaa guddaa horate kanaa galaafate kan mudate Dilbata galgala naannoo sa'aa shaniitti.

Poolisiin ibsa kenne keessatti Kiptaam konkolaataa ofumaaf konkolaachisaa akka ture, ''to'annon ala ta'uun garagalee namoota lamaanuu battalumatti ajjeese'' jechuun ibseera.

Dubartiin kan biraa konkolaataa sana keessa turte lubbuun ooltee waldhaansaaf hospitaalatti ergamuus dubbii himaan poolisii ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetiin qaxaleen kun fiigicha maaraatoonii Rooterdaamitti sa'aa lamaa gaditti galuuf karoorfachuu torban darbe ibsee ture. Atileetiin kamuu maaraatoonii sa'aa lamaa gadi galee hin beeku.

Atileetiin abbaa ijoollee lamaa ta'e kun bara 2022 keessa maaraatoonii guutuu fiiguu kan eegale.

Bara afur dura yeroo duraaf dorgommii idileerratti kan hirmaate Kiptaam, yeros harka qaleessa homaa hin qabne waan tureef kophee ergifatee fiige.

Kiptaam bara darbe gaafifi deebii BBC waliin taasisee tureen akka atileetota kaanii tiraakiin fiigicha kan hin jalqabne sabaaba hanqina qabeenyaaa qabuuf akka ta'e dubbate.

''Gara tiraakiitti deddeebi'uuf maallaqan hin qabu ture'' jedheera.

Leenjisaan isaa Hakizimaanaa nama waggaa 36 yeroo ta'u atileetii Ruwaandaa sooroma baheedha. Kiptaam riikardii addunyaa akka fooyyessuu ji'ootaaf nama isa garaagaaraa tureedha.

Hariiroon isaanii akka atileetiifi leenjisaatti kan eegale bara 2018 haa ta'u malee sana durallee wal beeku turan.

''Yeroo inni ijoollee turen isa beeka, miila duwwaa yeroo horii tiksu'' jedhee ture Hakizimaanaan .

Dhiyeenya idoo qonnaa abbaasaatti leenji'aa akka ture kan dubbatu leenjisaan isaa ammaa kun, qaamasaatti tuqee yeroo baqatu isa duukaa fiigaa akka ture yaadateera.

''Amma milkaahuusaatti gammadeen jira'' jechuun dubbatee ture.