Waancaa Afrikaa 2023 Aayivorii Koost shaampiyoonaa taaterratti qabxiiwwan ijoo

Madda suuraa, Getty Images
Aayivorii KoostWaancaa Afrikaa 2023 qopheessite deeggartoota ishee fuulduratti mo'achuun shaampiyoonaa Afrikaa taate.
Aayivor Koost biyya biraa Lixa Afrikaa taate Naayijeeriyaa waliin xumura waancaa Afrikaa 2023'f gahanis waancicha mo'achuu dandeesseetti.
Naayijeeriyaan dursaa taphattoota ishee Ekoongiin dursa qabattus Firaank Keesii galchii wal qixxeesitu lakkoofsisuun qixa tahuun daqiiqaa dhumaatti dhiyaatan.
Taphataan Borushiyaa Doortimoond Sebaastiyaan Haaler galchii lammaffaa lakkoofsisuun biyya isaa shaampiyoonaa taasise.
Haaler tapha Aayivorii Koost DR Koongoo irrattis galchii injifannoo lakkoofsisuun xumuraaf qaqqabsiise.
Amma ammoo yeroo biyyi isaa haalaan isa barbaaddutti galchii bareedduu lakkoofsisuun shaampiyoonaa tahan.
Taphattoota jajjaboo akka Viiktar Osimheen, Luukmaanii fi Chukwiizee fa'aa kan qabdu Naayijeeriyaan waancicha mo'achuu hin dandeenye.
Afrikaan Kibbaa sadaffaan dorgommii kana xumurte.
Aayivorii Koost akkuma Arjentiinaa Waancaa Adunyaa 2022 irratti tapha jalqabaa Sawud Arabiyaan mo'amtee garuu xumuraaf dhaqabuun waancaa kaaste, ni kufte yeroo jedhamtetti garee ishee keessaa qabxii fooyya'aa qabachuun darbuun waancaa AFCON 2023 kaaste.
Morookoon Zaambiyaa mo'achuu isheerraa kan ka'e garee ishee keessaa darbuuf carraa argatte.
Leenjisaa ishee kan ariite Ayivorii Koost, dorgommii biyyoonni akka Senegaaliifi Afrikaa Kaabaa akka Morookoo, Masirii, Aljeeriyaa fa'aa ganamaan keessaa galan mo'achuu dandeesse. Isa dhumaaf shaampiyoonaa Afrikaa kan taate bara 2015 ture.
Waancaa Afrikaa 2023 irratti eenyufaatu badhaafame?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karra eegaa cimaa Waancaa Afrikaa 2023 tahuun kan badhaafame karra eegaa Afrikaa Kibbaa Roonwen Haayiden Wiiliyaamsi. Taphataan kun tapha Keep Verdee waliin taasisan irratti rukuttaa peenaaliitii afur oolchuun seenaa hojjete. Taphoota shan ammoo osoo galchiin irratti hin lakkaa’amiin xumure.
Dursaan taphattootaa Naayijeeriyaa dorgommii xumuraa kana irrattis galchii tokko lakkoofsise Wiiliyaam Ekoongi taphataa cimaa dorgommichaa tahuun badhaafame.
Taphataan Ikkuwaatooriyaal Giinii, Aayivorii Koost irratti galchii sadii lakkoofsise Emiliyoo Inuusee galchii shan lakkoofsisuun badhaasa taphataa galchii hedduu lakkoofsisee badhaafame.
Sirna badhaasa kanaa irratti Pirezidaantiin Aayivorii Koost, Alasane Otaaraa fi pirezidaantiin FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo argamaniiru.
Aayivorii koost Waancaa Afrikaa kana qopheessuuf doolaara biliyoona tokkoo ol baasii goote.
Aayivorii Koost waancaa kana injifachuu isaaniif CAF irraa badhaasa dolaara miliyoona torba yoo argatan, lammaffaan kan xumurte Naayijeeriyaan dolaara miliyoona afur argatte.
Morookoon ammoo sirna cufinsa Waancaa Afrikaa 2023 kanarratti dhiyaachuun kan bara 2025 qopheessuuf dabaree fudhatteetti. Morookoon kanaan si’a lammaffaa qopheessuuf kan jirtu yoo ta’u, kanaan dura bara 1988 qopheessitee ture.
Leenjisaan Aayivorii Koostiin injifannoo waancaaf geessisan eenyu?
Leenjisaan Emersee Faayee jedhamu leenjisummaan nama hagas mara beekamu miti. Emersee Faayee kana dura Piriimer Liigii Ingiliz keessatti bara 2007-08 kilaba Riidiing jedhamuuf taphataa ture.
Riidiing yeroo sana Piriimer Liigii keessaa hin buune ture. Maatii isaa lammii Aayivorii Koost tahan irraa Faransaay magaalaa Naantes keessatti dhalatee guddate.
Bara 2003 kilaba Liif 1 Faransaay keessatti dorgomu Naantesiif mallatteessuun taphachaa ture.
Bara 2007 paawondii miliyoona 2.5 tahuun kontiraata waggaa sadiin kilaba Ingiliz, Riidingitti makame.
Haatahu malee, osoo kilebichaaf taphatuu bara 2008 keessa gidduutti dorgommiin Waancaa Afrikaa waan tureef biyya isaaf taphachuuf deeme.
Achitti busaadhaan qabamee waan deebi'eef yeroo yaalamee fayyu gahumsi isaa quubsaa waan hin taaneef carraa taphaa dhabe.
Kilebni isaa garee eeggattootaa waliin akka taphatuuf ajaje. Gareen eeggattootaa Riidiing garee eeggattootaa [reserve team] Tootenhaam waliin tapha waan qabaniif akka achirratti taphatu gaafatamnaan ni dide.
Kanumaan miindaa isaa torban lamaafi taphoota lama adabame. Taphoota lamaan xumuraa Riidiingi akkuma dhabeen Riidingi bara sana Piriimer Liigii keessaa gara shaampiyoonshiippiitti gadi bu'e.
Faayeen kanumaan lammaffaa Riidiingiif hin taphadhu jechuun gara Faransaayitti deebi'e.
Sana booda kileba Faransaay Niis [Nice] jedhamuuf taphataa turee umurii isaa waggaa 28n kubba irraa soorama bahe.
Sana booda garee guddattootaa kileba Niis fi kan umurii 23 gadii garee biyyaalessaa Aayivorii Koost leenjisaa ture.
Bara kana ammoo gargaaraa leenjisaa garee biyyaalessaa Aayivorii Koost tahuun erga hojjetaa turee yeroo leenjisaan ari'amu bakka isaa bu'e.












